Amalli Waaqayyoo maal fa’i? Waaqayyo maal fakkaata?



Gaaffii: Amalli Waaqayyoo maal fa’i? Waaqayyo maal fakkaata?

Deebii:
Macaafni Qulqulluun, sagaleen Waaqayyoo, Waaqayyo maal akka fakkaatuu fi maal akka hin fakkaanne nutti hima. Aboo Macaafa Qulqulluun ala, amala Waaqayyoo ibisuudhaaf yaaluun ilaalcha irra kan wayyu hin ta’u, isaa mataan isaa yeroo baay’ee sirrii hin taane, kessumaa iyyuu Waaqayyoon hubachuu irratti (Iyyob 42:7). Sana jechuudhaaf nuyiif barbaachisaadha waanta Waaqayyo fakkaatu hubachuuf yaaluun gadi xiqqeessanii yaaduu guddaadha. Sana gochuun akka nuyi waanta haaraa kan biraa akka jalqabnu, akka faana buunu, karaa fedha isaan mormuun, waaqalii sobaa akka waaqefannu nu taasisuu danda’a. (Seera Ba’uu 20:3-5).

Waaqayyo waa’ee ofii isaa waan mulisuudhaaf barbaade duwwaatu beekamaadha. Amallawwan Waaqayyo keessaa inni tokko “Ifa” jechuunis waa’ee odeeffannoo ofii isaa ofuma isaa mulisuu isaati (Isayaas 60:19; Yaaqoob 1:17). Dhugaan inni Waaqayyo beekumsa mul’ate kan mataa isaa qabaachuun isaa waan irraanfatamu qabu miti (Ibroota 4:1). Uumama, Macaafa Qulqulluu fi sagalee foon ta’a (Yesus Kiristoos) Waaqayyo maal akka fakkaatu akka beeknu nu gargaara.

Waaqayyo uumaa keenya ta’uu isaa hubachuu irraa mee haa jalqabnu nuyis kutaa uumama isaa akka taane (Eera Uumamaa 1:1; Faarsaa 24:1) bifa isatiinis uumamne. Namni uumama kan biraa garraa ta’e aboonis kennameef (Seera Uumamaa 1:26-28). Uumamni kufatiin hanqinni irratti argameera garuu amma iyyuu hojii Waaqayyuu akka libsuutti mulisaa jira. (Seera Uumamaa 3:17-18; Roomaa 1:19-20). Bali’ina uumamaa yaada keessa galfachuudhaan, walxaxaa ta’uu isaa, miidhagina isaa, tartiiba qabaachuu isaa, kabajaamummaan Waaqayyoo nutti dhaga’amamuu danda’a.

Maqoolii Waaqayyoo tokko tokko hiikuun Waaqayyo maal akka fakkaatu ilaaluu keenyaa keessatti kan gargaaru ta’uu danda’a. Jarri kanatti aananii kan jiraniidha:

Elohiim - Waaqayyummaa isa jabaa (Seera Uumamaa 1:1)
Adoonayi - Gooftaa, walitti dhufeenya gooftaa fi hojjeta gidduu jiru kan agarsiisu(Seera Ba’uu 4:10, 13)
El Eliyoon - hunda gararraa,isa jabaa (Seera Uumamaa 14:20)
El Ro’ii – kan ilaalu isa jabaa (Seera Uumamaa 16:13)
El Shaadaayi – Waaqayyo hunda danda’u (Seera Uumamaa 17:1)
El Olaam – Waaqayyo bara baraa (Isaayas 40:28)
Yaahweh - GOOFTAA “Ani Ana,” jechuun Waaqayya bara baraa kan kophaa isaa jiraatu (Seera Ba’uu 3:13, 14).

Waaqayyo kan bara baraati, jechuun innni jalqaba hin qabu jiraachuun isaas dhuma hin qabu. Inni hin du’u xumuras hin qabu (Seera keessa Deebii 33:27; Faarsaa 90:2; 1 Xiimootewos 1:17). Waaqayyo hin du’u, jechuunis hin jijjiiramu, garagalchaan kun jechuun Waaqayyo kan amanamuu fi kan guutummaatti irratti of gataniidha (Milkiyaas 3:6; Seera Lakkoofsaa 23:19; Faarsaa 102:26, 27). Waaqayyo kan ittiin madaalamu hin jiru; jiraachuunis hojiidhaanis kan isa fakkaatu tokko iyyuu hin jiru. Hanqina kan hin qabnee fi kan qixxaattii hin qabneedha (2 Saamu’uul 7:22; Faarsaa 86:8; Isaayas 40:25; Maatewoos 5:48). Waaqayyo hubachuf yookiin beekuuf kan nama rakkisu dha, gad fageenya kan qabu, barbaachuun kan hin danda’amne, hubannaan gararraa fagoo guutummaa guutuutti isa hubachuun kan hin danda’amne (Isaayas 40:28; Faarsa 145:3; Rooma 11:33, 34).

Waaqayyo tolaadha, nama gidduutti wal caalchisummaa agarsiisuudhaan eenyuunuu kan kabaju miti (Seera Keessa Deebii 32:4; Faarsaa 18:30). Waaqayyo hunda danda’aadha; inni abbaa humnaa fi waan isa gammachiise hundumaa gochuuf ni danda’a, garuu kan inni godhu hundumti amala isaa warreen kaanii wajjin karaa walii galuun (Mul’ata Yohaannis 19:6; Eermiyaas 32:17, 27). Waaqayyo bakka hundumaatti argama, kun jechuunis Waaqayyo waanta hunumaadha jechuu immoo miti (Faarsaa 139:7-13; Ermiyaas 23:23). Waaqayyo hundumaa beeka, jechuunis innni isa darbe, isa amma jiru fi waanta dhufuuf jiru, waanta nuyi yaadnu dabalatee yeroo nuuf kenname hundumaatti kan yaadnu. Inni waan hundumaa erga beekee, firdiin isaa yeroo hundumaa sirriitti geggeeffama (Faarsaa 139:1-5; Macaafa Fakkeenyaa 5:21).

Waaqayyo tokko; kan biraa hin jru jechuu duwwaa miti, dheebuu fi barbaacha garaa keenyaa isa gad fageenya qabu hundumaa arguuf inni inni isa tokkicha dha. Waaqeffannaan keenya keenya kennuun kan ta’uuf isaaf (Seera Keessa Deebii 6:4). Waaqayyo qajeelaadha, jechuun Waaqayyo yakka godhame irra darbuu hin danda’u. Innis sabababni isaa qajeelinn fi haqa Waaqayyooti, cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuudhaaf, Yesus dheekkamsa Waaqayyoo shaakale yeroo cubbuun keenya isa irra kaa’ame (Seera Ba’uu 9:27; Maatewoos 27:45-46; Roomaa 3:21-26).

Waaqayyo hundumaa gararraadha jechuun inni hunda caalaadha. Uumamni hundinuu walitti dabalamanii beekanis beekuudhaabaatins kaayyoo isaa gufachiisuu hin danda’an (Faarsaa 93:1; 95:3; Ermiyaas 23:20). Waaqayyo hafuura jechuunis innni ijaan kan mul’atu miti (Yohaannis 1:18; 4:24). Waaqayyo sadani Waaqa tokkicha. Inni sadii tokkichaan. Ulfinaan kabajaan eenyummaan wal fakkaata. Waaqayyo dhugaadha, inni mudaa hin qabu sobuus hin danda’u (Psalm 117:2; 1 Samuel 15:29).

Waaqayyo qulqulluudha namuusa kufe kamiinuu irraa kan of eege kan raawwatee jibbuudha. Waaqayyo hammeenya hundumaa ni ilaala isa nii haarsas. Macaafa Qulqulluu keenya keessatti ibiddi qulqullinaa wajjin caqasamee argina Waaqayyo akka ibidda xaphi godhuutti caqasameera (Isaayas 6:3; Inbaaqoom 1:13; Seera Keessa deebii 3:2, 4-5; Ibroota 12:29).

Waaqayyo araara qabeessa. Kunis gaarummaa isaa gara laafummaa isaa fi jaalala isaa haammata. Jechoonni kunneen gaarummaa isaatiif hiika gaarii kan ibsaniidha. Ayyaanni Waaqayyoo utuu hin jiraanne ta’e amalli isaa warri kaan isa irraa adda nu baasu turan. Kunis waan nurratti hin taaneedhaaf galanni isaaf haa ta’u. sababni isaa inni tokkoon tokkoon keenya dhuunfaadhaan beekuu barbaada (Seera Ba’uu34:6; Faarsaa 31:19; 1 Pheexroos 1:3; Yohaannis 3:16, 17:3).

Waaqayyo hundumaa gararraadha jechuun inni hunda caalaadha. Uumamni hundinuu walitti dabalamanii beekanis beekuudhaabaatins kaayyoo isaa gufachiisuu hin danda’an (Faarsaa 93:1; 95:3; Ermiyaas 23:20). Waaqayyo hafuura jechuunis innni ijaan kan mul’atu miti (Yohaannis 1:18; 4:24). Waaqayyo sadani Waaqa tokkicha. Inni sadii tokkichaan. Ulfinaan kabajaan eenyummaan wal fakkaata. Waaqayyo dhugaadha, inni mudaa hin qabu sobuus hin danda’u (Psalm 117:2; 1 Samuel 15:29).

Waaqayyo kan daarii fi dhuma hin qabne waan ta’eef gaaffii Waaqayyo ammam akka ta’ee kana deebisuu hin danda’au, garuu karaa dubbii Waaqayyoo, Waaqayyo eenyu akka ta’e fi maal akka fakkaatu caalaa hubachuu dandeenya. Hundumti keenya mee isa beekuudhaaf garaa guutuun isa haa barbaadnu(Ermiyaas 29:13).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Amalli Waaqayyoo maal fa’i? Waaqayyo maal fakkaata?