settings icon
share icon
Gaaffii

Fayyinni amantii qofaanii moo yookiin amantii irratti hojiin dabalameetii?

Deebii


Kun barsiisa amantii Kiristaanummaa keessatti tarii gaaffii baay’ee barbaachisaadha. Gaaffiin kun jalqabamuu haarominaatiif bu’uura, gara-gar cituu waldaa Kaatolikii fi Protestaantii. Gaaffiin kun kirstaanummaa isa kan Macaafa Qulqulluutii fi Kiristaanummaa isa sirrii hin taane gidduutti gara garumma isa ijoo dha. Fayyinni amantii qofaanii moo yookiin amantii irratti hojiin dabalameetii? Ani Yesusiin amanuu kootti fayyeera, yookiiin Yesusittis amanee hojiiwwan tokko tokko raawwachuutu ana irra jira?

Gaaffiin amantii qofaa yookiin amantii fi hojii wajjin jedhu keeyyattoota Macaafa Qulqulluu walitti firoomsuudhaaf namoota tokkoo tokkoon baay’ee cimaadha. Roomaa 3:28, 5:1 fi Galaatiyaa 3:24 Yaaqoob 2:24 wajjiniin walbira qabii ilaali. Kaan garaagarummaa Phaawuloos (fayyinni amantii qofaan) kan jedhu fi Yaaqoob (fayyinni amantii fi hojii wajjin) kan jedhu ilaalu. Phaawuloos akka seera amantiitti qajeelummaan amantiidhaan jedha. (Efeesoon 2:8-9), garuu Yaaqoom qajeelummaan kan argamu amantii fi hojii wajjin waan jedhu fakkaata. Rakkoon ifa ta’e kun kan deebii argatu waan Yaaqoob sirriitti jechaa jiru qo’achuudhaan. Yaaqoob amantaa isa namni tokko amantii hojii gaarii huma hin argamsiisne qabaachuun sirrii akka hin taane ibsaa jira (Yaaqoob 2:17-18). Yaaqoob kan inni irratti xiyyeeffachaa jiru amantiin inni sirriin jijjiirama jireenyaa fi hojii garii argamsiisuu qaba kan jedhu irratti (Yaaqoob 2:20-26). Yaaqoob bakka kanatti hojii gaariidhaan qajeelinni ni argama jechaa hin jiru garuu namni amantiidhaan qajeelina argate jireenya isaa/ishee keessatti hojii garii qabaachuu qaba/qabdi jechaa jira. Namni tokko amanataa akka ta’etti yoo dubbate, garuu jirreenya isaa/ishee keessatti hojii garii hanqabaanne, egaa inni/isheen jereenya isaa/ishee keessatti Kiristoos irratti amantii sirrii hin qabu/hin qabdu jechaa jira (Yaaqoob 2:14, 17, 20, 26).

Phaawuloosis barreeffama isaa keessatti waanta gosa tokkicha jechaa jira. Firiin gaariin amantoonni qabaachuu qaban Galaatiyaa 5:22-23 irratti barreeffamee jira. Isa sana erga nutti himee booda achumaan akka nuyi hojii utuu hin taane amantiidhaan fayyine nutti hima (Epheesoon 2:8-9), Phaawuloos akka nuyi hojii gaarii hojjechuudhaaf uumamne nutti hima (Epheesoon 2:10). Akkuma Yaaqoob Phaawloosis jireenya jijjiirame eega: “Kanaafis namni kan Kiristoos yoo ta’e uumama haaraadha; inni moofaan darbe kunoo inni moofaan darbeera!” (2 Qorontoos 5:17). Fayyina ilaalchisee Phaawloosii fi Yaaqoob barsiifni isaanii waliin hin mormu. Mata duree tokkicha karaa bifa adda addaatiin dhiyeessu. Phaawuluus fayyinni amantii qofaan akka ta’e yeroo irratti xiyyeeffatu Yaaqoob immoo amantii dhugaan Kiristoos irratti qabnu hojii gaarii akka godhachuu qabu irratti xiyyeeffata.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Fayyinni amantii qofaanii moo yookiin amantii irratti hojiin dabalameetii?
© Copyright Got Questions Ministries