settings icon
share icon
Gaaffii

Bara mootummaa waggaa kumaa jechuun maal jechuu dhaa, isas akkuma jirutti hubachuun nu irra jiraataa?

Deebii


Barri mootummaa waggaa kumaa mata dureen kan kennamee Yesuus Kristoos biyya lafaa irratti kan inni bituu waggaa kuma tokko. Namootni tokko tokkoo waggaa kuma tokkoo fakkeenya jecha dhokkataatiin hiikuu barbaadu. Warri tokko tokkoo waggaa kuma kan isaan hubatan irra caalaan isaani jecha dhokkataadhaan, “yeroo dheeraa ta’ee” akkuma jirutti kan hin taane, fooniin Yesus Kristoos biyya lafaa irratti akka bitu kan jiru. Ta’us Mul. 20:2-7 irratti, yeroo ja’a bara waggaa kumaa adda ba’ee waggaa kuma akka ta’uu ibsameera.Waaqayoo yeroo dheera ta’ee kan jedhu argisiisuu yoo barbaadee, salphaatti gochuu danda’a ture, adda baase fi irra deddeebi’ee yeroo sirri ta’ee dubbachuu caalaa.

Macaafni qulqulluun kan nutti himuu Yesuus Kristoos gara biyya lafaatti yeroo deebi’uu Yerusaaleemitti akka mo’uudha, teessoo Daawit irras ni taa’a (Luqaas 1:32-33). Kakuu haaraa kan hin taanee akkuma jirutti kan ta’e, qaamaan deebi’uu Kristoos ni argisiisa, mootummaa isaa dhaabuudhaaf. Kakuu Abirahaam Isra’eeliif lafa abdii kenneeraaf, dhaloota dhufuuf bituu, fi eebba afuuraa (Uum. 12:1-3). Kakuun Filisxeem Israa’eliif abdii kenneera, gara lafa isaatti deebi’uudhaafi laficha (Keessa deebii 30:1-10). Abdiin Daawiti Israa’elootaaf araara abdii kenneeraaf jechuun ormoota haala eebbisaniin (Ermi.31:31-34).

Akkasumas deebii isaa, kakuuwwan kun raawwatama argatu, Israa’eloonni hawaasi hundumaa yeroo walitti qabamuu (Mati. 24:31), kan jijjiiraman (Zaka 12:10-14), fi gara biyya isaanitti ni deebi’u Masihiidhaan geggeessuu Kristoositiin. Macaafni qulqulluun yeroo bar-kumeetti haala ni ibsa raawwatee kan ta’ee kara fooniitii fi afuuraatiin akka ta’u. Yeroo nagaa ta’a (Miiki 4:2-4, Isaa 32:17-18), gammachuu (Isaa 61:7, 10) mijataa (Isaa 40:1-2), tokkoo illee hiyyummaadhaa fi dhukkubii hin jiraatu (Amos 9:13-15, Iyuu 2:28-29). Macaafni qulqulluun dabalee amantootni qofti gara mootummaa bar-kumeetti akka galan nutti dubbata. Sababa kanaatiin raawwatee yeroon tolaa ni ta’a (Maati 25:37, Faarf. 24:3-4) ajajamuu (Ermi. 31:33) qulqulluummaa (Isaa 35:8), dhugaa (Isaa 65:16), fi guutamuu afuura qulqulluu (Iyuu 2:28-29). Kristoos akka mootiittii ni bita (Isaa 9:3-7, 11:1-10) Daawitii wajjin akka bituutti (Ermi 33:15-21). Kan ulfaatanii fi geggesitootas immoo ni bituu (Isaa 32:1, Maati 19:28), Yerusaaleemis giddu galleessa siyaasaa taati (Zaka. 8:3).

Mul’ata 20:2-7 mootummaa bar- kumee yeroo sirri ta’ee argisiisa. Jechoota kanaa alas, kan biroo hedduun Masihiin lafa irratti mo’uu isaa kan argisisan akkuma jirutti kan taa’aan jiru. Baay’een isaani kakuu fi abdiin Waaqayyoo akkuma jirutti raawwiin isaanii, qaamaan, mootummaa dhufu irratti buufata. Mootummaa bar-kumee fi innis kan yeroo waggaa kumaa ta’uu isaa kan jedhu hiika akkuma jirutti fudhachuu dhiisuu kan dandeesisuu tokko illee ka’umsi qabatamaa ta’e hin jiru.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Bara mootummaa waggaa kumaa jechuun maal jechuu dhaa, isas akkuma jirutti hubachuun nu irra jiraataa?
© Copyright Got Questions Ministries