Jireenya koo keessatti cubbuu akkamiinan moo’uu danda’a?



Gaaffii: Jireenya koo keessatti cubbuu akkamiinan moo’uu danda’a?

Deebii:
Macaafni Qulqulluu cubbuu irratti moo’icha argachuudhaaf yaalii taasfnu irratti nu gargaaruudhaaf maddaalee adda addaa gara garaa dhiyeessa. Jireenya kana keessatti, guutummaatti cubbuu keenya guutummaan moo’icha argachuu hin dandeenyu, (1 Yohaannis 1:8), garuu inni galma keenya ta’uu danda’u. Gargaarsa Waaqayyootii fi qajeelfama sagalee isaa hordofuudhaan, yeroo yeroodhaan garuu cubbuu irratti moo’umsa argachuudhaan caalaa Kiristoosiin fakkaachuu dandeenye.

Kan Macaafni Qulqulluun caqasu cubbuu moo’uudhaaf tattaafii taasfnu irratti kan deeggarsa nuuf kennu inni jalqabaa Hafuura Qulqulluudha. Waaqayyo Hafuura Qulqulluu nuuf kenneera kanaaf jireenya kiristaanummmaatti nuyi moo’icha argachuu dandeenye. Waaqayyo Galaatiyaa 5:16-25 irratti hojii foonii firii hafuuraa wajjin waliin madaala. Keeyyata sana keessatti nuyi hafuuraan akka deddeebinu waamamneerra. Amantoonni hundinuu Hafuura Qulqulluu qabu, keeyyatni kun garu nuyi geeggesa isa fudhachuudhaan Hafaara Qualuudhaan deddeebi’uun akk nubarbaachisu nutti hima. Kana jechuun jireenya keenyaan foon hordofuu manna yeroo hundumaa kakkaafamuu Hafuura Qulqulluu foo’achuudha.

Hafuurri Qulqulluun garaa garummaan inni hojjechuu danda’u jireenya Pheexroos keessatti mula’ateera, kan utuu Hafuura Qulqulluudhaan utuu hin guutamin dura si’a sadii Yesusiin ganee kan ture-kan amma du’uutti illee Kiristoosiin akka hin ganne dubbatee kan ture. Hafuura Qulqulluun erga guutamee booddee garuu, gaafa guyyaa ayyana shantamaffaa Yihuda tudaratti jabinaaf ija jabummaadhaan dubbate.

Akkauma kakaa’uumsa Hafuura Qulqulluu ukkamsuun akka nurra hin jirre yaallu hafuuraan deddeebi’utu nurra nurra jira (akkuma 1 Tasaloonqee 5:19 irratti dubbatu) akkasuma bakka sanaa Hafuura Qulqulluudhaan guutamuutu nurra jira (Efesoon 5:18-21). Namni tokko akkamiin Hafuura Qulqulluudhaan guutamaa? Hunduma dura, inni filannoo Waaqayyootii akkuma Kakuu Moofaatti illee akka ture. Hojii isaa akka fiixaan baafamu barbaadeef namoota dhuunfaatti filatee Hafuura Qulqulluun jara guuta (Seera Uumamaa 41:38; Seera Ba’uu 31:3; Seera Lakkoofsaa 24:2; 1 Saamuu’el 10:10). Efesoon 5:18-21 fi Qolaasaayiis 3:16 keessatti ragaan jira Waaqayyo warreen sagalee isaatiin of guutan akka Hafuura isaatiin guutu. inni kun gara isa nugargaaru isa lammataatti nu geessa.

Sagalee Waaqayyoo, Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo hojii gaarii hundumaaf akka nu qopheessuudhaaf sagalee isaa akka nuuf kenne dubbata (2 Ximooteewoos 3:16-17). Maal amanuun akka nurra jiruudhaa fi akkamiin akka jiraachuun nurra jiru nu barsiisa, yeroo nuyi karaa dogoggoraa filannu nutti muli’sa. Ibrootini 4:12 sagaleen Waaqayyoo jabaadhaa fi jiraataa akka ta’e, keessa keenya lixee lafee fi ribuu addaan baasee hanga waraanutti jabaa akka ta’ee cubbuu keessa lubbuu keenyaa fi amala hundeedhaa akka buqqisu nutti hima. Faarfatichi waa’ee isaa - Faarsaa 119 keessatti humna jijjiiruu danda’u gad fageenya dubbata. Diinota isaa moo’uu irratti furtoon gargaarsa isaa akka hin daganne garuu bakka sanaa halkanii fi guyyaatti afaan isaa keessaa akka hindhabamne akka isaafis abbuumamu isatti himamee ture. kan inni rawwate, yeroo Waaqayyo isa abboomeme illee akka abboommii loltuutti isatti hin dhaga’amne, inni kun moo’ichaaf lola isaa isa biyya kakuuttiif furtoo ture.

Macaafni Qulqulluun nuyi mataan keenya illee yeroo heedduu akka salphaatti kan ilaallu kan nu gargaaru dha. Akka mallattootti baannee gara waldaa dhaquun yookiin guyyaatti yeroo kadhannaa keenyaa irraa dubbisuun yookkiin guyyaattii boqonnaa tokko irraa dubbisna, garuu isa yaadatti qabachuu, afaaniin dubbachuu rakkina qabna yookiin jireenya keenyaa wajjin akka walfudhatu hin goonu; cubbuu inni nutti mul’isu himachuu yookiin kan inni nutti mul’iseef Waaqayyoon galateeffachuu hin dandeenye. Yeroo inni gara Macaafa Qulqulluutti dhufu, yeroo heedduu akka nama nyaata gar malee nyaachuun dhukkuba irra bu’ee taana. yookiin immoo hafuuratti akka jiraannu amma nu gargaaru irraa fudhanna sagalicha irraa nyaachuudhaan (garuu fayya qabeessa akka taanuudhaaf kiristaana gaariitti gudate ta’uudhaaf amma nuu ga’u irraa hin nyaannu), yookiin calluma jennee nyaanna garuu akk inni jireenyaa keenyaa wajjin walii galee nyaata hafuura irraa argannutti yeroo kennineefii sammuutti hin qabannu.

Guyyaa guyyaatti sagalee Waaqayyoo qo’achuu fi sammuutti qabachuu hin amaleeffanne taanaan isa sana hojjechuudhaaf jalqabuun barbaachisaadha. Amma waanta isa irraa argatte barreessitutti sagalicha dhiisuu dhiisuu amala taasifadhu. kaan kadhatawwan gara Waaqayyoottii taasfamee galmeessu,haala naannaa isaanitti dubbate irraattii geeddarumsaaf akka jara gargaaru gaafachuun. Macaafni Qulqulluun jireenya keenya keessatti meeshaa hafuurri itti gargaaramuudha (Efesoon 6:17), kutaa mi’a waraanaa Waaqayyoo akka diinota keenya ittiin morminuudhaaf nuuf kenne keessaa isa barbaachisaa fi murteessaadha (Efesoon 6: 12-18).

Loliisa keenya isa cubbuu irrattiitiif kan gargaaru inni sadaffaan inni barbaachisaan kadhata. Dabalataanis, inni kiristaannonni yeroo baay’ee kan jarri afaanumaan ittiin oftuulan kan baay’ee immoo itti hin gargaaramne garuu waanta gargaaru dha. Yeroo walga’aii qabna, yeroo kadhataaf wal geenyus qabna kanaaf kana kan fakkaatan. garuu kadhata akkaataa waldaan isheen ganamaa itti fayyadamtetti itti hin gargaaramnu (Hojii Ergamootaa 3:1; 4:31; 6:4; 13:1-3). Phawoloos irra deddeebi’uudhaan wara jara tajaajilaa tureef akka kadhataa ture caqaseera. Kadhata ilaalchisee Waaqayyoo abdii dinqisiisaa nuuf kenneera (Matewoos 7:7-11; Luuqaas 18:1-8; Yohaannis 6:23-27; 1 Yohaannis 5:14-15), Phaawlosis qophii lola hafuuraa keessatti barbaachisummaa kadhannaa dabaleera (Efesoon 6:18).

Jireenya keenya keessatti cubbuu moo’uudhaaf kadhannaan akkam barbaachisaadha? bakka dhaabaa Geetesemaanee keessatti Pheexroosiif jecha Yesus qabna, ganuu Pheexroos dura, Yesus yeroo kadhatu Pheexroos rafaa ture. Yesus isa damaqse, “Qoramatti akka hin galleedhaaf dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaadhaa foon garuu dadhabaadha” (Matewoos 26:41). Nuyi akkuma Pheexroos, waanta gaarii ta’e hojjechuu barbadna garuu ciminni maal akka ta’e beekuu hin barbaadnu. Waaqayyoo barbaachuu itti fufuuf, balbala rukutuu, isa gaafachuu itti fufuuf, akeekkachiisa isa hordofuutu nu barbaachisa innis cimina nu barbaadnu nuuf kenna, (Matewoos 7:7). kadhannaan akka hojii tolchaa miti.

Kadhannaan salphaadhumatti nuyi kan daangaffamnee ta’uu keenyaa fi Waaqayyo immo humni isaa daanga maleessa ta’uu isaa beekuudhaan cimina sanaaf gara isaatti deebi’uudhaan kan ofii keenyaa hojjechuu barbaadnu hojjechuu utuu hin taane akka nu hojjennu kan inni barbaaduu hojjechuudhaa (1 Yohaannnis 5:14-15).

Waldaa keessatti akka cubbuu moonuudhaaf kan nu gargaaru keessaa inni afuraffaan walitti dhufeenya amantootaaati. Yesus yeroo bartoota isaa erge, lama lama taasisee isaan erge (Maatewoos 10:1). Mishineroonni Hojii Ergamootaa keessaa ala tokko kophaa ta’anii deemanii hin beekan, garuu gurmuudhaan lama yookiin isaa ol ta’uudhaan deemu. Yesus walitti qabama obbolootaa akka hin dhiifne garuu yericha jaalalaa fi hojii gaariidhaaf akka wal jajjabeessuudhaa n akka itti gargaaramnu nu abbooma Ibroota 10:24). cubbuu keenya akka walii keenyatti himnu nutti hima (Yaaqoob 5:16). barreefamoota Ogummaa kan jedhamanu kan Kakuu Moofaa keessatti, sibiilli akkuma sibiila qaru namnis nama biraatti akka qaramu nutti himameera (Fakkeenya 27:17). lakkoofsa keessattis ciminatu jira (Lallaba 4:11-12).

Kiristaanonni heedduun cubbuu nama hin gadhiisne moo’uudhaaf michuu itti gaafatamummaan isatti dhaga’amu qabaachuun bu’aa guddaa akka qabu baraniiru. Nama siiwajjin haasa’u kan biraa, kan sii wajjin kadhatu, si jajjabeessu, kan si ifatu illee qabaachuun bu’aa guddaa qaba. Hunduma keenyaaf qoramuun beekamaadha (1 Qorontoos 10:13). Michuu itti gaafatamummaan isatti dhaga’amu qabaachuun yookiin gareen itti gaafatamummaa fudhachuu danda’an cubbuu jabaa illee moo’achuudhaaf jajjeebessa baay’ee cimaa lakkoofsa gararraa fi kaka’umsa nu barbaachisu nuuf kennuu danda’a.

Alii alii moo’umsi cubbbuu irratti dafee dhufa. yeroo kan biraa, moo’ichi baay’ee suuta jechuudhaan dhufa. Waaqayyo akkuma nuyi waantota nu gargaaran itti fayadamne jireenyi keenya yeroo yerootti jijjiirama akka fidu waadaa nuuf galeera. Cubbuu irratti moo’umsa argachuudhaaf hojii keenya itti fufuu qabna sababni isaas inni abdii isaatiif amanamaa akka ta’e beekna.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Jireenya koo keessatti cubbuu akkamiinan moo’uu danda’a?