settings icon
share icon
Gaaffii

Cubbuun hundumtuu Waaqayyoodhaaf wal qixaa?

Deebii


Maattihos 5:21-28 irratti, Yesus ejja raawwachuu fi garaatti kajeeluu fi ajjeechaa raawwachuu fi jibba garaa gochuu wal qixa godheera. Ta’us, kana jechuun cubbuwwan wal qixa jechuun hin danda’amu. Yesus warra Faarisootaan jechuu kan barbaadee, cubbuun lamiin yoo ta’ee illee cubbuu ta’uu isaati, gochicha raawwachuuf barbaaduun illee, sana utuu gochuu baatee. Yeroo Yesusitti dura buutoonni amantaa barsiisaa kan isaan turan waa’ee waan barbaadee yaaduun akka waan ta’eetti ture, isaan hawwiiwwan amma hin gooneefitti. Yesus isaan dirqamsiisaa kan inni ture Waaqayyoo yaada mattayyichaa jedhes gocha isaa irratti akka faradu akka hubatan ture. Yesus kan inni labse gochiwwan keenya bu’aa waan laphee keenya keessa jiruuti (Mat. 12:34).

Ammam illee Yesus hawwuu fi ejja lamaanuu cubbuu yoo ta’es, sun wal qixxa jechuu miti. Nama ajjeessuun baay’ee kan hamaatee dha, nama akkasumatti jibbuu caalaa, ammam illee ija Waaqayyootti lammanuu cubbuu yoo ta’es. Cubbuu gochuudhaaf sadarkawwan jiru. Cubbuun tokko tokkoo kan biroo irra kan hammaataniidha. Bifa wal fakkaataan, lammanuu, ajaja bara baraa fi akka fayyinaati cubbuun hundumtuu wal fakkaataa dha. tokkoon tokkoon cubbuu gara yakka bara baraatti ni geessa (Roome 6:23). Cubbuun hundumtuu, ammam “xiqqoo” yoo ta’ee, daangaa kan hin qabnee fi Waaqa bara baraa mormuu dha, fi kanaaf daangaa kan hin qabnee fi adabi bara baraa ni ta’aaf. Dabalataanis, baay’ee “guddaa” cubbuun ta’ee hin jiru Waaqayyoo dhiifama kan hin goone. Yesus kan inni du’eef gatii adaba cubbuu kaffaluuf (1Yoha. 2:2). Yesuus kan inni du’eef cubbuu keenya hundumaatiif (2Qor. 5:21). Cubbuun hundumtuu Waaqayyoof wal qixaa? Eeyyees mitis. Gidirsiisaadhaani? Miti. Adabaanii? Eeyyee. Dhiifama gochuudhaanii? Eeyyee.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Cubbuun hundumtuu Waaqayyoodhaaf wal qixaa?
© Copyright Got Questions Ministries