Dobartoota tiksee/ lallabdoota? Macaafni Qulqulluun waa’ee tajaajila dubartootaa maal jedha?



Gaaffii: Dobartoota tiksee/ lallabdoota? Macaafni Qulqulluun waa’ee tajaajila dubartootaa maal jedha?

Deebii:
Har’a waldaa kiristaanaa keessatti durbatoonni akka tiksee ta’uu fi barsiisuu caalaatti tarii baay’ee hoo’inaan kan irratti falmiin ka’u miti. Sababa kanaaf, dhimma kana akkaataa walmorkii dhiiraa fi dubartii gidduutti ilaaluu dhiisuun barbaachisaa dha. Dubartoonni dubartiin akka soortuutti hin tajaajille fi Macaafni Qulqulluun tajaajila dubartootaa irratti akka daangaa kaa’e amanan jiru, darbee immoo, dubartoonni akka soortuuttis ta’e barsiistuutti akka hin tajaajille kan daangessu akka hin jirre kan amananis dhiironni jiru. Inni kun dhimma oftuulummaa yookiin balfannoos miti. Inni dhimma hiikaa Macaafa Qulqulluuti.

Sagaleen Waaqayyoo kan dubbatu, “Dubartiin abboomamuu hundumaan gab jettee haa barattu. Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu” (1 ximootewos 2:11-12). Waldaa keessatti, dhiiraa fi dubartootaa ga’ee adda addaa kenneeraaf. Inni kun bu’aa karaa sanyiin dhala namaa itti uumamee fi karaa cubbuun gara biyya lafaa ittiin seene dha (1 ximootewos 2:13-14) Waaqayyo karaa ergamaa Phaawoloos dubartoonni akka hin barsiifne yookiin dhiirota irratti aboo hafuuraa akka hin qabaanne daangesseera. Kun dubartiin akka soortuutti, kunis ifatti barsiisuu, lallabuu, fi dhiira irratti aboo hafuuraa qabaachuu dhowwaa.

Tajaajila dubartii kan ailaalchisee “mormii” heedduut jiru. Sababni Phaawloos dubrtoonni akka hin barsiifne dhowwee inni beekamaan tokko, jaarraa tokkoffaa keessa dubartoonni barumsa hin qaban waan tureef. Haa ta’u malee, asitti 1 Ximootewos 2:11-14 irratti sadarkaa barnootaa kaasa. Tajaajilaaf barnootini utuu barbaachisaa ture ta’e barnootni Yesus heedduun ulaagaa hin guutan ture. Tajaajila dubartootaa ilaalchisee mormiin inni lammaffaan Phaawloos dubartoota Efeesoon duwwaa barsiisuu irraa dhowwe (1 Ximootewos Xiimootewoosiif barreeffame ture, soortuu waldaa Ephesoon kan tureef). Magaalaan ephesoon beekamaa ture mana qulqullummaa Arxeemsi, waaqittii tolfamtuu Griik/Roomaa sanaaf. Taayitaan sirna waaqeffannaa mana sagadaa Arxeemisii keessa kan dubartoota ture. Haa ta’u malee, macaafni 1 Ximootewos bakka kamittuu Arxeemsiin hin eerre, Phaawloosis waaqeffannaa Arxeemsiin daangaa isa 1 Ximootewos 2:11-12 keessaatiif hin eerre.

Mormiin inni beekamaan inni sadaffaan Phaawloos kan inni agarsiisaa jiru waa’ee haadha manaa fi abbaa manaati walumaa galatti dhiirottaa fi dubartoota miti. Jechi Grikii keeyyata kana keessaa haadha manaa fi abbaa manaa ilaallata; haa ta’u malee hiikni inni bu’uuraa waraabbii kana keessaa dhiiraa fi dubartoota ilaallata. Darbees jechi Grikii gosti tokkichi lakkoofsa 8-10 keessatti itti gargaaramamaniiru. Dhiirota duwwaatu bakka kadhannaatti dheekkamsaa fi qocolloo malee harka isaanii ol kaasaa (lakkoofsa 8)? Dubartoota duwwaatu uffata qajeelaa uffachuun, hojii gaarii hojjechuun Waaqayyoon waaqeffataa (lakkoofsa 9-10)? Dhugumaan miti. Lakkoofsi 8-10 ifatti dhiirotaa fi dubartoota ilaallata, abbaa manaa fi haadha manaa duwwaa hin ilaallatu. Keeyyata lakkoofsa 11-14 keessaa abbaa manaa fi haadha manaa qofa kan ilaallatu humtuu hin jiru.

Ammas hiika kana tajaajila dubartootaa ilaallatee mormiin garri biraran dubartoota taayitaa qabaachuun geggeessaa turan Macaafa Qulquluu keessaati keessattuu Maariyaam, Debooraa, Haldaha warra Kakuu moofaa keessati. Mormiin kun dhimmoota barbaachisaa ta’an muraasa mul’isuu irraa kufa. Jalqaba, Debooraan abbootii firdii dhiirota 13 keessaa dubartii ishee tokkittii turte. Haldahan dubartoota heedduu Macaafa Qulqulluu keessatti eeraman keessaa raajii ishee tokkittii dha.

Geggeessuummaa wajjin walitti dhufeenyi Maariyaam obboleettii Aaroonii Musee ta’uu ishee qofa dha. Dubartoonni baay’ee barbaachisoon lamaan yeroo bara Moototaa Ataaliyaa fi Elzaabeel- fakkeenya dubartoota geggeesitoota qulqullaa’oo kan hin ta’in. Kanaaf dhimmi dubartoonni Kakuu Moofaa keessatti aboo qabaachaa dhimma kanaa wajjin waanta wal qabatu miti. Macaafni 1 Ximootewosii fi ergaaleen soortuu kanneen biroo waldaa kiristaanaaf- dhagna Kiristoosiif fakkeenya haaraa qopheessu fakkeenyummaan inni haaraan sunis waldaadhaaf caasaa taayitaa of keessatti qabatee jira, saba Israa’eeliif miti yookiin kakuu moofaa keessaa waanta qabatamaa ta’e kamiifuu.

Kakuu Haaraa keessaa Phirisiqiilaa fi Fobeetti fayyadamuudhaan walmorkiin walfakkaataan taasifamaniiru. Hojii Ergamootaa 18 keessatti, Phirisiqiilaa fi Fobeen Kiristoosiif tajaajiltoota amanamoo ta’uudhaan dhiyaataniiru. Maqaan Phirisiqiilaa jalqaba eerame, tarii abbaa manaa ishee caalaa tajaajila keessatti baay’ee “beekamtuu” ta’uu ishee agarsiisuudhaf. Haa ta’u malee Phirisiqiilaan 1 Ximooteewos 2:11-14 wajjiniin karaa wal mormuun tajaajila irratti akka hirmaatte kan ibsu bakka kamiinuu hin jiru. Phirisqilaa fi Aqiilaan Aphiloosiin gara mana jaraatti fiduudhaan duuka buutuu isa godhan, sagalee Waaqayyoo caalaa sirriitti isaaf ibsuudhaan (Hojii Ergamootaa 18:26).

Roomaa 16:1 keessatti Foobeen bakka “tajaajiltuu” akka “daaqoniitti” yoo fudhatamte inni sun Foobeen waldaa keessatti akka barsiiftuu akka turtetti hin agarsiisu. “Barsiisuu kan danda’u” akka ulaagaaleetti kan kenname daaqoniif utuu hin taane jaarsolii waldaatiif (1 Ximootewos 3:1-13; Titoos 1:6-9). Jaarsoliin/ warri soortuun/daaqonoonni akka “abbaa manaa dubartii tokkootti” ibsamaniiru. “nama ijoolleewan amanan qabu” fi “namoota amanamoo.” Karaa ifa ta’een ibsoonni kun dhiirota ilaallata. Dabalataanis 1 Ximootewos 3:1-13 fi Titoos 1:6-9 keessatti jaarsolii/ warri soortuu fi daaqonoonnidhaaf guutummaatti maqdhaala saala dhiiraatti gargaarama. Caasaan 1 Ximootewos 2:11-14 keessa kan jiru “sababicha” isaa guutummaatti ifa. Lakkoofsi 13 “fi” jechuun jalqabee hima Phaawloos isa lakkoofsa 11-12 tiif “sababa” kenna. Dubartoonni maaliif hin barsiisanii yookiin dhiirota irraatti taayitaa maaliif hin qabaatanii? Sababni isaa, “Addaam duraan dursee tolfame Hewwaan immoo ergasii tolfamte. Addaam hin sossobamne, dubartittiin garuu sossobamtee seera cabsituu taate.” Waaqayyo Addaamiin jalqaba uume itti aansuudhaan akka isheen Addaamiif “gargaartuu” taatutti Hewwaaniin uume. Tartiibni uumamaa kun maatii keessa (Efesoon 5:22-33) fi waldaa keessatti hojmaatessa kan gamtaa qaba.

Dhugaan dubartittiin sossobamuu ishees dabalataan dubartoonni akka soortuutti akka hin tajaajillee yookiin dhiira irratti aboo hafuuraa akka hin qabaannee akka sababaatti kennameera. Kun tokko tokko dubartoonni sababa salphaatti gowwomsamanuuf barsiisuu akka hin qabne akka amanan jara taasiseera. Yaadni kun kan falmii kaasuudha, garuu dubartoonni yaa caalatti sossobaman, maaliif akka ijoollota barsiisan hayyamameef (warra salphaatti sossobaman) dubartoota kan biroos (warra caalaatti sossobamu jedhamanii yaadaman)? Inni waanta barreeffamichi jedhu miti. Dubartoonni dhiirota hin barsiisan yookiin dhiira irratti aboo hafuuraa hin qabaatan sababni isaa Hewaan sossobamtee turte. Sababa kanaaf, Waaqayyo waldaa keessatti barsiisuudhaaf aboo jalqaba dhiirotaaf kan kenne.

Dubartoonni kennaa keessummaa simachuutiin, araaraan, barsiisuu fi gargaarsaan sadarkaa guddaa irraa ga’aniiru. Tajaajilli waldaa kiristaanaa heedduun dubartoota irratti kan irkatedha. Dubartoonni waldaa keessa walga’ii keessatti akka hin kadhannee yookiin raajii hin dubbanne hin dhowwamne (1 Qorontoos 11:5), dhiirota irratti abuu hafuuraa akka hin qabaanne dowwaa malee. Macaafni Qulqulluun bakka kamiinittuu dubartoonni kennaa Hafuura Qulqulluu akka hin fudhanne kan dhowwu hin jiru (1 Qorontoos 12), dubartoonni, akkuma dhiirotaa tajaajilaaf waamamaniiru, firii Hafuura Qulqulluu akka agarsiisaniif (Galaatiyaa 5:22-23), wangeela warra badaniidhaaf akka labsaniifis (Maatewoos 28:18-20; Hojii Ergamootaa 1:8; 1 Pheexroos 3:15).

Waaqayyo dhiironni duwwaan waldaa keessatti taayitaan qabaachuun akka tajaajilanii fi aboo hafuuraa qabaachuudhaan akka barsiisan muudeera. Kun sababa dhiironni caala barsiisota ta’aniidhaaf miti, yookiin dubartoonni gada aantota yookiin beekumsaan sadarka gad aanaa waan qabaataniidhaaf miti (isa sababa hin taane). Inni salphaadhumatti akka waldaan akka sanatti jiraattuuf waan karoorseedhaaf malee. Dhiironni geggeessummaa hafuuraatiif fakkeenya dhaabuu qabu- karaa jireenya isaanii fi dubbii isaanii. Dubartoonni ga’ee muraasa ta’e qabaachuu qabu. Dubartoonni dubartoota kan biraa akka barsiifamaniidhaaf jajjabeeffamaniiru (Titoos 2:3-5). Macaafni Qulqulluun dabalataan dubartoonni akka jarri ijjoollee hin barsiifne hin dhowwu. Dubaartoonni kan isaan dhowwaman inni tokkichi akka hin barsiifnee fi dhiirota irratti akka aboo hin qabaanneedha. Inni kun dubartoonni akka soortuuwwan/barsiisota ta’anii hin tajaajillee amansiisuu danda’a. Inni kun dubartoonni barbaachisummaa isaan qaban gad hin xiqqeessu, karaa ta’e kamiinuu, garuu bakka kanaa taajaajila karoora Waaqayyoo wajjin caalaa walii galu fi kan jaraaf kenname irratti kan xiyyeefate jaraa kenna.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Dobartoota tiksee/ lallabdoota? Macaafni Qulqulluun waa’ee tajaajila dubartootaa maal jedha?