Du’a booda maaltu ta’aa?



Gaaffii: Du’a booda maaltu ta’aa?

Deebii:
Amantii kiristaanaa gidduu dhimma du’a boodaa ilaalalchisee yaada adda addaatu jira. Muuraasni namni kam iyyuu hanga hanga firdii isa xumuraatti innis hanga namni tokkoon tokkoon isaa gara Mootummaa Waaqayyoo yookiin gara Si’oolitti ergamutti “ni rafa” yaada jedhu qabataniiru. Kaan immoo namoonni yeroo du’an aluma sana isaan irratti faradamee gara bakka iddoo isaanii dhaqu jedhanii yaadu. Kaan immoo amma ammaatti yeroo namoonni du’aan lubbuun isaanii yookiin hafuurri isaanii du’aa du’aa kaafamuu isa xumuraa, firdii isa xumuraa, fi achumaanis lafa itti deemaan isa xumuraa isaanii eeguudhaaf gara mootummaa Waaqayyoo yookiin gaannama bakka “yeroodhaaf” ta’atti ergamu jedhu. Kanaaf sirriitti kan Macaafni Qulquluun jedhu du’aa booda ni ta’aa?

Jalqaba, amanataan Yesus Kiristoosiidhaan ta’e tokko du’a boodda lubbuun amantootaa yookiin hafuurri gara mootummaa waaqaatti akka fudhatamu nutti hima, sababni isaa Kiristoosiin akka fayyisaa dhuunfaa jaraatti waan simataniif cubbuun jaraa dhiifameeraf (Yohaannis 3:16, 18, 36). Amantootaaf duutni, “fooni irraa adda ba’anii gooftaa wajjin jiraachuudha” (2 Qorontoos 5:6-8; Filiphiisiyuus 1:23). Haa ta’u malee keeyyattoonni akka 1 Qorontoos 15:50-54 fi 1 Teseloonqee 4:13-17 kan fakkaatan amantoonni du’aa kaafamuudhaan akka ka’anuu fi dhagni ulfina qabeessi akka kennamuuf ni ibsu. Amantoonni du’a booda aluma sana Kiristoosii wajjin ta’uudhaaf kan deeman erga ta’e barbaachisummaan du’aa ka’uu kanaa maalii dhaa? Lubbuun yookiin hafuurri amantootaa du’a booda aluma sana Kiristoosii wajjin ta’uudhaaf yeroo deemuu fooni isaanii boolla keessa akka “rafetti” waan hafu fakkaata. Du’a ka’uu amantootaatti dhagni inni foonii du’aa ka’uudhaan ka’eera, ulfinas argateera, foonii fi lubbuu wajjins walitti deebi’eera. Kan lammaffaa walitti deebi’e fi ulfina kan argate dhagni-lubbuun-hafuurri kun waaqa haaraa fi lafa haaraa keessatti qabeenyaa amantootaa ta’a (Mul’ata Yohaannis 21-22).

Lammaffaa, Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa isaaniitti kan hin simanneef du’a jechuun adabbii bara baraatti. Ta’us immoo akkuma bakka ga’uumsaa amantootaa warri hin amannes du’aa ka’uu isa xumuraa, firdiif bakka dhaqan isa bara baraa eeggachuudhaaf aluma sana bakka turan yeroodhaaf ta’e sanatti waan ergaman fakkaata. Luuqaas 16:22-23 du’a booda aluma sana kan dhiphatu nama sooreessa tokkoo dubbata. Mul’atin Yohaannis 20:11-15 utuu hin amanin kan du’an hundumtuu du’aa kaafamuun akka ka’an fuulla teessoo firdii isa adicha duratti akka itti faradamuu fi achumaan gara galaana abiddaatti akka gataman ni dubbata. Acumaanis warri hin amanne du’a booda aluma sana gara si’ooli (galaana abiddaatti) hi ergamanu. Garuu haala firdii fi adabbii jela jiru. Ta’us warri hin amanne aluma sana gara kuufama ibiddaatti irgamuu dhabaatanis utuu hin turin du’a booda carraan jaraa gammachiisaa miti. Namichi sooressi sun yeroo du’u “laboobaa ibiddaa kana keessatti nan dhiphadha’oo” jechuun yeroo iyyu ni dubbifanna (Luuqaas 16:24).

Sababa kanaaf, namni tokko erga du’ee booda mootummaa waaqayyoo yookiin Si’ool “yeroodhaafii” keessa jiraata. Bakka yeroodhaaf keessa turan booda du’aa kaafamuu isa xumura irratti bakki galma nama sanaa hin jijjiiramu. Waanti jijjiiramu isa bara baraa sanaaf “iddoo” bakka sirrii duwwaadha. Xumura isaa irratti amantoonni gara waaqa haaraa fi lafa haaraa sana galuu isaaniitiif waabdiitu kennamaaf (Mul’ata Yohaannis 21:1). Xumura irrattis warri hin fayyin egara ibidda bara baraatti ergamu (Mul’ata Yohaannis 20:11-15). Kunneen namootaaf - waluma galatti Yesus Kiristoos akka fayyisaa isaaniitti amanan ta’ee fi yookiin amanuu dhiisuu isaanii irratti hundaa’uudhaan galma isa bara baraa, isa xumuraati (Maatewoos 25:46; Yohaannis 3:36).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Du’a booda maaltu ta’aa?