settings icon
share icon
Gaaffii

Firoota keenyaa fi miseensa maatii keenyaa Waaqa irratti arguu fi beekuu ni dandeenyaa?

Deebii


Namoonni baay’een ni jedhu, mootumma Waaqayyoo yeroo ga’an wanti isaan barbaadan inni duraa, firoota isaaniitii fi namoota isaan jaallatan, isaanis dursani kan du’an hundumaa arguudha. Bara barummaadhaan yeroo irraa hafaan ni jiraata, ilaaluuf, beekuuf, fi yeroo dabarsuuf, firoota keenyaaf miseensa maatii keenyaa wajjin. Ta’us, sun xiyyaafannoo dursu hin ta’u, mootummaa Waaqaatti. Caalaatti Waaqayyoon waaqessuu fi dinqi mootummaa Waaqayyoo keessatti gammaduuti hidhamne. Namoota jaallannuu wajjin kan qabaannu tokkummaan bifa nama hin mamsiifneen Waaqayyoodhaan jireenya keenya irrtti kan inni raawwatee ayyaanaa fi ulfina lakkaa’uudhaan ba’a, jaalala isaa fi hoji isaa ajaa’ibsiisaadhaan. Baay’ee godhes nu gammachiisa amantoota biroo wajjin taanee gooftaa gallateeffachuu fi Waaqeessuuf sababa danda’uu keenyaan, keessumatti lafa irratti kan isaan jaallannu.

Kitaabni qulqulluun maal jedhaa? Jireenya booddee namoota beekuu danda’uu fi danda’uu dhiisuu? Mootichi Saa’ol Saamu’eeliin hubateera, moortuu ekeraa dubbiftuu Saamu’eeliin biyya warra du’ani keessaa yeroo harkifteetti (1Sam 28:8-17). Daa’immi Daawiit yeroo du’ee, daawiti jedheera, “ani gara isaan deema malee, inni gara koo hin dhufu” (2Sam. 10:23). Daawiit tilmaamee kan inni turee mootummaa Waaqayyootti mucaaisaa akka adda baasuu ture daa’ima ta’eedu’uu isaa kan ka’e. Luqaas 16:19-31 irratti, Abirahaam , Alaazaari fi namichi soorressi hundumtuu kan beekkaman turan, du’a booda. Jijjiramuu irratti Museedhaa fi Eli’aas kan beekaman turan (Mat. 17:3-4). Fakkeenyoota kanaan, kitaabni qulqulluun du’a booddee akka beekamnu kan argisiisu fakkaata.

Kitaabni qulqulluun kan inni lansuu mootummaa Waaqayyoo yeroo geenyu, “isa akka fakkaannu ni beekna [Yesus], isa akkuma jirutti ni argina” (1Yoha. 3:2). Qaamni fooni keenya nama isa jalqabaa irraa, Addaam irraa akka ta’e hundumaa, qaamni du’aa ka’uu keenya immoo Kristoosiin fakkaata (1Qor. 15:47). “Bifa lafaa akka uffannee bifa Waaqa immoo ni uffanna. Kan tortoru kun kan hin tortorre uffachuuf kunnis kan du’uu kun kan hin dunee uffachuun ni ta’aaf”. (1Qor. 15:49, 53). Namoonni baay’een beekaniiru, du’aa ka’uu booda (Yoha.20:16, 20, 21:12, 1Qor. 15:4-7). Yesus qaama isaa ulfina qabeessaan kan beekamu erga ta’e, nuttis qaama keenya ulfina qabeessaan ni beekamna. Namootni nu jaallannu mootummaa Waaqatti ilaalu danda’uu, kallatti ulfina qabeessa Waaqa irraa, ha ta’uu malee irra caalaan isaa waa’ee Waaqayyoti, waa’een keenya immoo hanga xiqqaa dha. Ammam gammachuun ta’a, namoota jaallannu wajjin immoo walitti dhufuu fi Waaqayyoon waaqessuu, isaanii wajjin, bara baraan.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Firoota keenyaa fi miseensa maatii keenyaa Waaqa irratti arguu fi beekuu ni dandeenyaa?
© Copyright Got Questions Ministries