settings icon
share icon
Gaaffii

Yoom/ Akkamiin Hafuura Qulqulluu fudhannaa?

Deebii


Ergamaan Phaawloos bataluma Yesus Kirstosiin akka fayyisa keenyatti fudhannetti Hafuura Qulqulluu akka fudhannu ifa godhee barsiisa. Tokkoffaan Qorontoos 12:13, 'Nuyi Yihudoonni, warri Yihudoota hin ta'inis, warri garbummaa jala jiran warri birmaduunis hundumti keenya dhagna tokko ta'uudhaaf hafuura tokkoon cuuphamneerra', nuyi hundumti keenya akka dhugnuufis hafuurri qulqulluun inni tokkichi nuuf kennameera' jechuudhaan dubbata. Romaa 8:9 namni Hafuura Qulqulluu hin qabne, inni yookiin isheen kan Kiristos akka hin taane nutti hima. 'Hafuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keesssa jiraate isin akka fedha hafuuraatti malee akka fedha fooniitti hin jiraattan; namni hafuura Kirstos of keessaa hin qabne kan Kirstos miti.' Efesos 1:13-14 Hafurri Qulqulluun jarreen amanan hundumaaf qabdii fayyinaa akka ta'e nu barsiisa. 'Isin immoo erga dhugaa wangeela fayyina keessanii karaa isaa dhageessan; isin warri dhageessanii itti amantan Hafuura Qulqulluu isa abdachiifameen mal'atteefamtaniittu. Hafuurri qulqulluun immoo warri kan Waaqayyoo ta'an galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti waanta nuyi argachuuf jirruuf qabdii keenya.'

Keyyattoonni sadan kunniin Hafuurri qulqulluun battaluma fayyinaatti akka fudhatamu ifa taasiisu. Utuu amantoonni Qorontoos hafuura tokko qabaachuudhaabatanii Phaawloos nuyi hundumti keenya hafuura tokkoon cuubamneera Hafuura tokkos dhugneerra jechuu hin danda'u ture. Roomaan 8:9 illee baay'ee jabaassee dubbata, yoo namni tokko hafuura Kirstos hin qabaane kan isaa akka hin taane. Sababa kanaatiif, hafuura qabaachuun fayyina qabaachuudhaan kan ittiin adda baafamee beekamuudha. Darbees, Hafuurri qulqulluun 'qabdii fayyinaa ta'u' hin danda'u (Efesos 1:13-14 ) yoo battala fayyinaatti fudhachuun hin danda'amne. Caaffattoonni qulqulluun heedduun batala Yesus Kiristos akka fayyisaa keenyaatti fudhannetti fayyinni keenya akka waabdii qabu baay'isanii ifa taasisu.

Marichi kan wanfalmisiisuudha sababni isaa tajaajilli Hafuura qulqulluu yeroo heedduu kan namaa hin galleedha. Fudhachuun/Hafuurri nama keessa seenuun isaa battala fayyinaatti ta'a. Hafuuraan guutamuun jireenya kiristaanaa keessatti adeemsa itti fufiinsa qabuudha. Isa sana qabannee akkuma jirrutti Hafuuraan cuuphamuun battaluma fayyinaatti ta'a, kiristaanonni tokko tokko garuu miti. Inni kuni yeroo tokko tokko hafuuraan cuphamuun 'hafuura fudhachuu' wajjin gochaa fayyinatti aanee ta'u ta'uun isaa akka namaa hingalle taasisa.

Xumura irratti, Hafuura qulqulluu akkamiin fudhanna? Yesus Kiristos akka fayyisaa keenyaatti fudhachuudhaann Hafuura Qulqulluu fudhanna (Yohaannis 3:5-16). Hafuura Qulqulluu yoom fudhanna? Hafuurri Qulqulluun yeroo nuyi amannee kaasee yeroo hundumaa kan nu keessa jiraatu ta'a.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yoom/ Akkamiin Hafuura Qulqulluu fudhannaa?
© Copyright Got Questions Ministries