Hirbaatni gooftaa faayidaan isaa maalii dhaa/hirbaatni qulqullun kiritanootaas?



Gaaffii: Hirbaatni gooftaa faayidaan isaa maalii dhaa/hirbaatni qulqullun kiritanootaas?

Deebii:
Hirbaatni qulqulluun gooftaa qayyabanna shaakala lubbuu kakaasuudha, sababa hiika gadi fagoo sanatti. Dur akkaataan kabaja ayyaana faasikaa, jala-bulti du’a isaa, Yesuus faayidaa kan qabuu seera hirbaata tokkummaa isa haaraa dhaabuu isaa, hanga yeroo ammaati isa eegaa jiru. Inni waaqefannaa kiristaanootaa isa kutaa tokkooffaa dha. Inni du’a gooftaa keenyaatii fi du’aa ka’uu itti dabalees kan itti fufee jiru kabajaan deebi’uu isaa akka nuyi yaadannu nu godha.

Faasikaan baay’ee ayyaana qulqulla’ee ture, waggoota amantaa Yihudootaatti. Innis Gibxitti kan godhame dha’icha isa dhumaa kan yaadachiisuu dha, angafi ijoollee Gibxii yeroo du’anitti akkasumas Isra’eloonni yeroo irraa hafan, michichila balbala isaani irratti kan faacasame sababa dhiiga hoolichaatiin. Isa booda hoolichis waadamee maxinnoodhaan nyaatama. Ajaji Waaqayyoos kan inni dhufu dhalootni hundumtuu ayyanicha akka kabajuu kennameeraaf. Seenan isaa seera Ba’uu 12 irratti teessifameera.

Yeroo hirbaataa isa dhummatti_ kabaji ayyaana faasikaa_ Yesuus buddeenicha kaasee Waaqayyoodhaaf galata galche. Cabsees duuka buutuu isaatiif akka kennee, akkana jedhe “Waa’ee keessaniif kan kenname foonni koo isa kana, kana yaadannoo kootiif godhadhaa, akkasumas hirbaata booda xooficha fuudhee akkana jedhe xoofoon kun waa’ee keessaniif kan dhangala’uu dhiiga kootiin kan ta’u kakuu haaraa dha” (Luqaas 22:19-21). Innis hafeera hirbaatichaa faarfannaadhaan cufee (Maati 26:30), akkasumas gara dukkanaatti ba’an gara Dabraza’it (gaara Dabraza’it). Bakka sanatti Yesuusiin yihudaan kan isa gane akkuma inni raaje. Guyyaa itti fufee jirutti fannifame hirbaata gooftaa wanti ija-qabeessii wangeela keessatti argama (Maat 26:26-29, Maar 14:17-25, Luqaas 22:7-22, fi Yoha 13:21-30). Ergamaan Phaawulos waa’ee hirbaata gooftaa 1ffaa Qoro 11:23-29 irratti barreesseera. Phaawulos wangeela keessa kan hin jire ibsa itti dabaleera “osoo hin galinniif buddena kana kan nyaate yookaan xoofoo gooftaa kan dhugee hundumtuu foonii fi dhiigii gooftaa gatiitu irra jira. Namni garuu mataa isaa of haa qoru, akkasumsa buddenicha irraa haa nyaatu bxooficha irraas haa dhuguu, osoo hin galiinif kan nyaatuu fi kan dhuguu foon gooftaa waan adda hin baafneef firdii mataa isaatiif nyaata dhugas” (1ffaa Qoro 11:27-29) buddeenaa fi xooficha qoodachuu irratti “haala isaani hin galeen” kan jedhuu maal akka ta’ee ni gaaffana ta’a. inni garuu ta’uu kan danda’uu kan buddeenichaatii fi kan xoofichaa hiika dhugaa salphisuudhaa fi fayyisaan keenya fayyina keenyaaf kan inni baase gatii guddaa hiraanfachuu dha yookiis inni ta’uu kan danda’uu miira kan hin qabnee fi haala kabaja seera waaqefannaa dhaabbataa akka qabaatuu fi kan hiyyamaa yookaan gara hirbaata Gooftaatti kan qalbii hin jijjirane cubbamoota wajjin dhufuu ta’a. Qajeelfama Phaawuloos haalli fudhachuu buddeenicha cabsachuudhaa fi xooficha dhuguu dura mataa keenya of qoruu nurra jira.

Ibsi Phaawulos inni kan biraan innis wangeela keessatti kan hin ammatamne wanti ija qabeessi “buddena kana yeroo nyaattan hundumaa, xoofoo kanaas yeroo dhugdan hundummaa gooftaan amma dhufutti du’a isaa haasooftu waan ta’eef” (1ffaa Qoro 11:26). Kunnis kan seera isaati fi kan daangaa yeroo lafa kaa’a_ gooftaan amma dhufutti. Isaan kana keessaa qabiyyee gaggababoon kan nuyi barannuu Yesuus wantoota xixxiqaa kana lamaan akka fakkeenyaatti foon isaatii fi dhiiga isaa fayyadamee du’a isaatiif siidaa akka isaan godhee dha. Innis dhagaa soqamee siidaa yookaan sibila gatii jabeessanis miti haa ta’uu malee buddenaa fi waayiniidhaan.

Inni akka isaan biteetti, buddenichi waan cabeef foon isaa ni dubbata. Lafee cabe hin qabu, haa ta’uu malee qaamni isaa akka hamaatti dhiphateera adda ba’uun akka isa rakkisutti (Faarfa 22:12-17,Isaa 53:4-7). Waayinichii waa’ee dhiiga isaatiif dubbata, batalumma sanatti kan inni fudhatee du’a soodachiisaa kan argisiisuu dha. Inni raawwate mucaa Waaqayyoo waan biteef kan dubbatan lakkoofsa kan hin qabne raajii kakuu moofaatiif raawwii ta’e (Uuma.3:15, Faarf 22, Isaa 53). Inni yeroo akkas jedhetti “kana yaadannoo kootiif godhadhaa” gara fuulduraattis dirqamaan kan itti fufuu seera ta’uu qabu ta’uu isaa yeroo argisisee dha, innis immoo kan inni argisiisee, faasikaan qalma hoolaa kan gaaffatu, gara fuulduraatti kan argisiisuu dhufuuf kan jiru hoolaa Waaqayyoo, innis cubbuu biyya lafaa kan balleessuu, hirbaata gooftaan raawwii argate. Kakuu haaraan kakuu moofaa bakka bu’e, Kristoos hoolaan faasiikaa (1ffaa Qoro 5:7) aarsaa ta’eera (Ibi 8:8-13). Seerri aarsaa isaa yeroo sana booda hin barbaachisuu (Ibiro 9:25-28) mataa gooftaa/hirbaata qulqulluu kiristaanootaa Kristoos yaadannoo inni nuuf godheedha, akasumas aarsaa isaatiin waa’ee gammachuu fudhaneef ibsuu dha.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Hirbaatni gooftaa faayidaan isaa maalii dhaa/hirbaatni qulqullun kiritanootaas?