settings icon
share icon
Gaaffii

Har'as Waaqayyo nutti dubbataa?

Deebii


Waaqayyo si'a baay'ee namootatti sagalee isaa olfudhatee akka dubbatu Macaafni Qulqulluun ni galmeessa (Seera Ba'u 3:14; Iyaasuu 1:1; Abboota Firdii 6:18; 1 Saamu'eel 3:11; 2 Saamuu'eel 2:1; Iyob 40:1; Isaayaas 7:3; Ermiyaas 1:7; Hojii Ergamootaa 8:26; 9:15 ' kun baay'ee keessa fakkeenya muraasa). Waaqayyo har'a namootatti sagalee isaa olfudhatee dubbachuu akka hin danddeenye kan dubbatu sababni Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Gara dhibbaan olii kan ta'u Waaqayyo namootatti akka dubbataa jiru Macaafni Qulqulluun ni galmeessa, jarri waggoota 4,000 seenaa namootaa keessatti akka ta'an sana yaadachuutu nirra jira. Waaqayyo sagalee isaa olfudhate dubbachuun isaa darbee darbee kan ta'uudha, seera miti. Galmee Macaafa Qulqulluu keessatti ille fakkeenyaaleen Waaqayyo dubbachaa jiraachuu isaa, yeroo hundumaa ifa miti tarii inni sagalee ol-jedhaan ta'ee, sagalee keessa hafuuraatti ta'ee yookiin sammuu namaa keessatti namatti dhaga'amuudhaanis ta'eesaa.

Har'a Waaqayyo namootatti ni dubbata. Jalqaba, Waaqayyo karaa sagalee isaa nuttyi dubbata (2 Ximooteewoos 3:16-17). Isaayaas 55:11 'Akkasuma immoo dubbiin afaan koo keessaa ba'u, waanta ani fedhe hojjetee, waanta ani itti erges ni raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi'u' jedhee nutti hima. Macaafni Qulqulluun fayyuudhaaf jireenya kiristaanummaa jiraachuudhaaf kan beekuun nu barbaachisu waanta kamiinuu sagalee Waaqayyoo galmeesseera. 2Pheexroos 1:3, 'ulfina isaa fi human isa dinqisiisaan nu waame beekuu bira ga'uudhaan waanta nu barbaachisu hundumaa arganneera gooftaan humna Humna Waaqayyummaa isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf namoota Waaqayyo nu godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera' jechuudhaan dubbata.

Lammaffaa, Waaqayyo sammuu namaa keessatti, karaa haalawwanii, fi yaadaa ni dubbata. Waaqayyo hamaa gaarii irraa akka adda baafannuudhaaf karaa yaada keenyaa nu gargaara (1 Ximootewoos 1:5; 1 Pheexroos 3:16). Yaada isaa akka yaadnuudhaaf Waaqayyo sammuu keenya mirkaneessuudhaan adeemsa irra jira (Roomaa 12:2). Waaqayyo nu geggeesuudhaaf, nu geeddaruudhaaf, akka hafuratti guddannu nu gargaaruudhaaf jireenya keenya keessatti haalawwanni tokko tokko akka ta'anuudhaaf hayyama (Yaaqoob 1:2-5; Ibroota 12:5-11). 1Pheexroos 1:6-7 'Amma yeroo gabaabduudhaaf qoroma gara garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta'e iyyuu isa sanatti immoo baay'iftanii ni gammaddu. Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati jabeessi immoo guyyaa Kiristoos itti mul'achuuf jiru sanatti jejamee ulfinaa fi guddina akka arrgatutti qoramee in ilaalama' jechuudhaan nu yaadachiisa.

Xumura irratti, alii alii Waaqayyo sagalee isaa olfudhachuun namatti ni dubbata. Inni baay'ee shakkisiisaadha, ta'us, inni kun yeroo baay'ee ni ta'a akkuma namoonni tokko tokko akka inni ta'u jedhan. Ammas, Macaafa Qulqulluu keessatti illee, Waaqayyo sagalee isaa akka olfuudhatee dubbate darbee darbeeti, waanuma beekamaa miti. Akka Waaqayyo isatti dubbate namni tokko yoo dubbate/dubbatte yeroo hundumaa kan Macaafni Qulqulluun dubbatuu wajjin wal bira qabii ilaali. Waaqayyo har'a dubbachuu qaba taanaan, sagalee isaa isa inni Macaafa Qulqullu keessatti dubbatee wajjin walii galuu qaba (2 Ximootewoos 3:16-17). Waaqayyo ofii isaan deebi'ee hin mormu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Har'as Waaqayyo nutti dubbataa?
© Copyright Got Questions Ministries