settings icon
share icon
Gaaffii

Jireenya kootiif jaalala Waaqayyoo akkamiinan beekaa?

Deebii


Haala kenname keessatti furtuu lamatu jiruu jaalala Waaqayyoo beekuudhaaf: 1) Maal gaafachaa akka jirtu mirkaneeffadhu yookiin waa hojjechuu yaaduun waanta Macaafni Qulqulluun dhowwu miti. 2) Waanta gaafachaa jirtu yookiin kan hojjechuu yaadde akka Waaqayyoon ulfeessuudhaaf jireenya haafuuraa keetti akka siguddisu mirkaneeffadhu. Yoo waantonni kunneen lachuu dhugaa ta’an waanta ati gaafattu Waaqayyo amma yowwanaa siif kennaa hin jiru taanaan, egaa inni siif waanta kadhatte sana akka argattuudhaaf jaalala Waaqayyo hin miti. Yookiin, tarii isa yeroo dheeraa eeguutu si barbaachisa. Jaalala Waaqayyoo beekuun alii alii cimaadha. Namoonni maal akka hojjetan, eessa akka hojjetan, eessa akka jiraatan, eenyuun akka fuudhan kkf Waaqayyo addatti akka isaanitti himu barbaadu. Waaqayyo dhugumatti odeeffannoo adda ta’ee fi kallattiin ta’e dhugumaan ni kenna. Waaqayyo waantota sana ilaalchisee filannoo akka taasfnu nuu hayyama.

Roomaa 12:2 akkas jechuun nuutti dubbata, “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kana duukaa hin bu’inaa jaalalli Waaqayyo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf yaada garaa keessanii hareffachuudhaan of diddiira. Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasu hubachuudha.”. Waaqayyo kan nuu hin hayyamne inni tokkichi akka cubbuu hin hojjennee fi fedhii isaa akka hin mormineedha. Waaqayyo fedhii isaa wajjin kan walii galu filannoowwan akka taasifnu barbaada. Kanaaf, jaalalli Waaqayyoo siif maal akka ta’e akkamiin beektaa? Yoo ati Gooftaa wajjin walitti dhiyeenyaan deddeebite jirreenya keetiif dhugaatti jaalala isaa yoo barbaadde, Waaqayyo fedhii isaa garaa kee keessa kaa’a. Furtuun isaa jaalala Waaqayyo barbaaduudha, kan kee miti. “Waaqayyotti gammachuu qabaadhu, inni immoo kadhata garaa kee siif ni kenna”(Psalm 37:4). Yoo Macaafni Qulqulluun isa mormuudhaaf hin dubbanne ta’e inni hafuuratti siif kan bu’aa qabuudha, egaa Macaafni Qulqulluun akka murteessituu fi akka garaa kee akka hordoftu “hayyama” siif kenna. Yoo ati dhugumaan jaalala Waaqayyoo hafuura cabaadhaa fi gad of deebiseen akkasuma sammuu banamaadhaan barbaadde, innni jaalala isaa siif ni ibsa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waa’ee jaalala Waaqayyoo beekuu Macaafni Qulqulluun maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries