settings icon
share icon
Gaaffii

Kaayyoon waldaa kiristaanaa maalii?

Deebii


Hoji.erg. 2:42 kaayyoon waldaa kiristaanaa kan ta'ee ibsa godhamee fudhatamuu danda'a 'barsiisa ergamootaati fi tokkummaadhaan buddena cabsachuutti kadhatattiis in jabaatu turan.' Akka lakk. Kanaatti, kaayyoon waldaa kiristaanaa/gocha ta'uun kan irra jiraatu 1) Doktiriniin macaafa qulqulluu barsiisa 2) Tokkummaa amantootaatiif bakka kennuudhaan 3) Hirbaata gooftaa qopheessuu 4) Kadhachuu dha.

Waldaan kiristaanaa doktirinnii macaafa qululluu yeroo nu barsiiftuu amantii keenyatti hidda gadi fageefachaa deemna. Efe 4:14 nutti hima. 'Akka dogogoraati hameenya gowomsaa of keessaa qabuu sababa gowoomsaa namaatiin qilleensa barumsaa hundumaatiin asiif achii raafamaa daa'ima ta'uun gara fuula duratti nurra hin jiraatu.' Waldaan kiristaanaa bakka tokkummaa ta'u qabdi. Achittis kiristaanonnii wali wali isaanitif kan kennanii fi wali wali isaanii kan kabajan (Room. 12:0) wali walii isaanii kan hifatan (Room. 15:14), walii walii isanii gaarummaadhaa fi gara laafummaa kan argisiisan (Efe. 4:32), wali walii isaanii kan jajjabeessan (1ffaa Teso 5:11), akkasumas baay'ee kan fayyaduu wali walii isaanii jaallachuudha (1ffaa Yoha 3:11).

Waldaan kiristaanaa amantootni hirbaatni gooftaa bakka itti qoodatan ta'uu qaba, bakka keenya Kristoof dhiiga isaa dhangalaasuu isaatii fi du'a isaa yaadachuudhaaf (1ffaa Qoro 11:23-26). 'Buddeen cabsachuu' yaad-rimeen isaa (Hoji erg. 2:22) wali wajjiin nyaachuu yaada jedhuu qabatee jira. Kunnis fakkeenya isa jalqabaati, waldaan kiristaanaa tokkumma kan isheen ittiin guddiftu. Inni dhumaa kaayyoon walda kiristaanaa akka Hoji.erg. 2:42 kadhachuu dha. Waldaan kiristaanaa kadhata, kadhata barsiisuu fi, kadhata hojii irra ooluu gochuun bakka itti babalatuu dha. Filli 4:6-7 nu jajjabeessa, 'Gooftaan dhi'oo dha. Wanta hundumaaan kadhataa fi himata galataa wajjin Waaqayyoo biratti kadhata keessan beeksiisaa malee waa tokkotti iyyuu hin dhiphatinaa. Sammuu hundummaa irra kan darbuu nagaan Waqayyoo laphee keessanii fi yaada keessan Kristoos Yesuusiin ni eegaa.' Kan biraan ergamni waldaa kiristaanaatiif kennamee karaa Yesus Kristoos kan jiruu wangeelaa fayyinaa labsuu dha (Maati 28:18-20. Hoji.eg. 1:8). Waldaan kiristaanaa kan isheen waamamtee amanamtuu taatee wangeela dubbinis ta'e gochaan akka qooduu dha waldaan kiriataanaa hawaasichaa fi 'Mana ifaa' ta'utuu irra jiraata, namoota gara gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesuus Kristoositti argisisuudhaan. Waldaan kiristaanaa wangeela tamsaasutu irra jiraata akkasumas miseensa isee wangeela akka tamsaasan qopheesutu irra jiraata (1ffaa Phexi 3:15).

Muraasa cuunfaa kaayyoo waldaa kiristaanaa Yaaq. 1:27 irratti kennameera 'qulqulluu kan ta'ee mudaa kan hin qabne waaqefannaa Waaqayyo abbaa biratti kana, maatii kan hin qabne ijoolleen abbaa manaa kan hin qabne rakkina isaanitti gaaffachuu, xuraa'ummaa biyya lafaa irra jirutti qaama ofii eegachuu.' Waldaan kiristaanaa rakkina irra kan jiraataan gargaaruudhaan tajaajila hirmaachuun irra jiraata. Kunnis wangeela qoodachuu qofa miti haa ta'uu malee qaamaafis waan barbaachiisu kennnutu irra jiraata (Nyaata, uffata, mana) akka barbaachisummaa isaati akka mijateetti. Waldaan kiristaanaa amantoota Kristoosiin ga'aa gochuun immoo irraa eegama cubbuun kan ittiin mo'amuu hidhannoo akkasumas xuraa'ummaa biyyaa lafaa irraa mudaa malee ta'uun akka eegaman. Kunnis kan inni godhamuu barumsa macaafa qulqulluutii fi tokkummaa Kristoosiin.

Kanaafis kaayyoon waldaa kiristaanaa maalii dhaa? Phaawulos amantoota Qorontosiif waan ajaa'ibsiisaa dha. Waldaan kiristaanaa harka Waaqayyo, afaan, fi miila, biyya lafaa kanatti qaamni Kristoos (1ffaa Qoro 12:12-27). Nuyii gochuun nurraa eegama Yesuus Kristoos fooniin biyya lafaa kana irraa osoo ta'ee jraatee godhaa kan ture. Waldaan kiristaanaa 'Kristaanaa' 'Kristoosiin fakkaachuu' akkasumas Kristoosiin duukaa bu'uutu irra jiraata.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kaayyoon waldaa kiristaanaa maalii?
© Copyright Got Questions Ministries