settings icon
share icon
Gaaffii

Kiristaanummaan maal kiristaanonni maalitti amanu?

Deebii


Ijoon amantii kiristaanaa 1 Qorontoos 15:1-4 irratti argama, Yesus cubbuu keenyaaf du'eera, awwaalameera, du'aas kaafameera, kanaaf namoota isatti amanan hundumaa jireenya akka argatan isaan taasiseera. Amantaa kanneen biro keessa kiristaanummaa adda kan isa taasisu kan inni irratti xiyyeeffatu walitti dhufeenya irratti ta'uu isaati. Kan godhi is asana hin godhin kan jedhu qajeelfamoota tarreessuu irraa galmi kiristaanummaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu akka jabeessinu nu jajjabeessa. Walitti dhufeenyi sun sirrii ta'uu kan danda'u hojii Yesus Kiristoosii fi Hafuurri Qulqulluun jireenya amanataa tokkoo keessatti qabuu irraa kan ka'eedha.

Amantii kana irraa gararraas waantonni heedduun gara biraas ni jiru, yoo xiqqaate kiristaanummaan maal akka ta'e kan agarsiisan tokko waan kiristaanonni amananiidha. Kiristaanonni Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo hafuura Waaqayyootiin akka barreefame ni amanu, 'Waaqayyo akka hafura itti baafate' (2 Ximootewoos 3:16; 2 Pheexroos 1:20-21). Kiristaanonni Waaqa tokkicha bifa sadiin argamutti amanu. Innis Abbaa Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu.

Ilmi namaa kan uumame keessumattuu Waaqayyoo wajjiniin walitti dhufeenya akka qabaatuudhaaf akka ta'e amantoonni ni amanu. Garuu cubbuun namoota hundumaa Waaaqayyoo irraa adda adda baaseera(Roomaa 3:23; 5:12). Yesus Kiristoos biyya lafaa kana irra yeroo deddeebi'u nama guutuu fi Waaqayyo guutuu ta'ee akka deddeebi'e amantiin kiristaanaa ni barsiisa (Filiphisiyoos 2:6-11), akkasuma fannoo irratti erga du'ee booda Kiristoos awwaalamee akka ka'ee akkasuma gara mirga abbaa isaa akka jiru amantootaafis baraa hanga bara baraa akka kadhatu kiristaanonni ni amanu (Ibroota 7:25) Yesus fannoo irratti du'uun cubbuu ilmaan namootaa baasuudhaaf hanqina akka hin qabnekiristaanummaan ni amana kunis walitti dufeenya namaa fi Waaqayyoo gidduudhaa dhabamee ture deebisee ijaara. (Ibroota 9:11-14; 10:10; Roomaa 5:8; 6:23).

Kirsitaanummaan kan barsiisu namni tokko fayyuudhaaf, du'a boodas gara mootummaa waaqaatti galuudhaaf, guutummaatti hojii Kiristoos isa fannoo irratti raawwatamee irratti amantii isaa godhachuu qaba. Kiristoos bakka keenya akka du'e gatii cubbuu keenyaas fannoo irratti guutummaatti akka baase , akka du'aas kaafame yoo amannne nuyi fayyineerra. Namni kami iyyuu fayyina argachuudhaaf umaa tokko iyyuu gochuu hin danda'u. eenyu iyyuu mataa isaatiin gaarii hojjechuudhaan Waaqayyoon gammachiisuu hin danda'u sababni isaa hundumti keenya cubbamoota waan taaneef, (Isaiah 53:6; 64:6-7). Kana booda hojiin hojjetamu kan hafe hin jiru Kiristoos hundumaa hojjeteera. Inni fannoo irratti akkas jedheera 'Raawwatameera.' John 19:30) jechuunis hojiin fayyisuu xumurameera jechuudha.

Akkaataa kiristaanummaatti, fayyinni namummaa moofaattii bilisa ta'uudha, Waaqayyoo wajjinis walitti dhufeenya sirrii taasifachuudha. Akkuma kanaan dura cubbuudhaaf garba taanee turre amma immoo Kiristoosiif hojjenna(Roomaa 6:15-22). Amantoonni ammuma biyya lafaa kana irra dhagna amala cubbuutiin guutame kana keessa jiraatanitti cubbuu wajjin wallaansoo qabu. Haa ta'u malee, kiristaannonni sagalee Waaqayyoo qo'achuudhaan jireenya ofii wajjinis waliin firoomsuudhaan akkasuma to'anna Hafuura Qulqulluu jala ta'uudhaan jechuunis waantota hundumaanuu gaggeessaa hafuuraa jala ta'uudhaan cubbuu irratti moo'umsa ni argatu.

Kanaaf, seerii manneen amantaa heedduun waantota murtaa'an akka raawwatan yookiin akka hin raawwanne abboommii yeroo kennan, Kiristaanummaan garuu Kiristoos gatii cubbuu keenyaatiif fannoo irratti du'ee akka ka'e amanuu duwwaadha kan inni gaafatu. Gatiin cubbuu keetii kaffalameera. Kanaaf Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya taasisuu dandeessa. Waaqayyoodhaaf abboomamuudhaan Waaqayyoo wajjin tokkommaadhaan adeemuudhaaf umama cubbamaa keenya irratti moo'umsa argachuu dandeenya. Amantiin kiristaanummaa inni kan Macaafa Qulqulluu inni dhugaan isa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kiristaanummaan maal kiristaanonni maalitti amanu?
© Copyright Got Questions Ministries