settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafin Qulqulluun karaa hafuura Waaqayyoo barreeffame jechuun maal jechuu dhaa?

Deebii


Namoonnii wa’ee Macaafin Qulqulluun hafuuraa Waaqayyootiin barreeffamuu isaa yeroo dubbatan dhugaan isaan caqasan, Waaqayyo waaqayyummaa isaatiin namummaa namoota qulqulluu sagallee isaa barreessan kakaase, karaa kanaatiin isaan kan barressan kan Waaqayyoo jecha mataa isaati. Qulqulluun sagalee isaa qabiyyee barreefama “Hafuuraa Waaqayyootiin barreeffamuu” jechi jedhuu hiiki isaa salphaati “Waaqayyoo kan itti afuura baafatee dha” geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin caafamuu jechuun, macaafni qulqulluun sirritti sagalee Waaqayyooti, akkasumas macaafoota biraa hundumaa irraa adda isa godha.

Macaafni qulqulluun hanga sadarkaa kamiitti geeggeessaa Hafuura Qulqulluutii kan caafame akka ta’e ilaalchi adda addaa yoo jiraatees, macaafni qulqulluu mataan isaa akka cimsa laatutti tokkoon tokkoon sagaleen isaa kutaa macaafa qulqulluu isa kami iyyuu Waaqayyo biraa akka dhufee shakkii tokkoo illee qabaachuu hin danda’u (1ffaa Qoro 2:12-13, 2ffaa Xiimo 3:16-17). Ilaalchi macaafota qulqulluu kanaa yeroo hundumaa kan inni heeruu akka “jecha walii galaa” afuuraan fudhatamuu dha kana jechuun afuuran fudhatamuun akka sadarkaa jechaatti kan babalatu ta’uu isaati (jecha) _yaad-rimeen isaa yookaan yaada isaa osoo hin taanee_akkasumas geeggeessaa Hafuura Qulqulluutii caafamuun hanga kutaa qulqulluu sagalee isaa hundumaati babal’ata, akkasumas gara qulqulluu sagalee isaa hundumaati dhimma mata duree (waligala). Namootni tokko tokkoo kan isaan amanan kutaa macaafa qulqulluu murtaa’e qofa geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin kan caafame ta’uu isaa, yookaan yaada adda addaa fi yaad-rimee qofa isaanis amantaa dhaa wajjin kan wal qabatan geeggeessaa Hafuura Qulqulluutii kan caafame akka ta’eetti, haa ta’uu malee ilaalchi geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin caafamuu isaa akka kana gabaabaatti kufaa ta’a, macaafni qulqulluun waa’ee mataa isaa haala inni cimsuun. Guutummaan jecha wali gala geeggeessaa Hafuura Qulqulluutii caafamuu sagalee Waaqayyootiif amala baay’ee barbaachiisaa dha.

Daangaan geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin caafamuu 2ffaa Ximoo 3:16 irratti ifatti mul’ata “Caaffanni ququllaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; bariisuuf, balleessaa hubachisuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf djimma ni baasa. namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e hojii gaarii hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u ni godha." Lakkoofsi kun kan nutti himuu Waaqayyo qulqulluu sagalee isaa hundumaa geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin kan caafaman akka godhee fi faayidaa keenyaafis akka ta’uu dha. Macaafa qulqulluu kutaa murtaa’e qofa miti, faayidaa doktrinii amantaa irra kan oolan, kan geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin caafaman, garuu tokkoon tokkoon isaa seera uumamaa hanga mul’ataatti jecha jiru hundumaati male. Waaqayyoodhaan afuuraan kan geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin caafame waan ta’eef qulqulluun sagalee isaa aboo kan qabuu dha. Barnoota hundeessuudhaaf faayidaa irra yeroo ooluu akkasumas nama barsiisuudhaaf ga’aa dha, Waaqayyoodhaa wajjin akkamitti walitti dhufeenya sirrii ta’e akka qabaatu. Macaafni qulqulluun cimsa kan inni laatu geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin kan caafame ta’uu isaa qofa miti, haa ta’uu malee nu jijjiiruudhaaf “mudaa malee” gochuu kan danda’uu dandeetti uumamaa oli immoo qaba. Kana alaa maal nu barbaachiisa ree?

Kan biraan immoo qulqulluun sagalee isaatti geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin caafamuu wajjjin kan wal qabatuu 2ffaa Phexi 1:21 dha. Lakkoofsi kun akka hubannuuf kan inni nu gargaaruu ammam illee Waaqayyo namaa eenyummaa isaaniitii fi akkaataa tooftaa barreefama isaanitti yoo fayyadamee illee, Waaqayyoo waaqummaa isaatiin tokkoon tokkoon jecha barreefamichaa afuuraan kan liqimfame godheera. Yesuus mataan isaa qulqulluu jecha isaa jecha ifaa afuuraan liqimfamee akkana jedhee mirkaneessera, “ani seeraa fi raajoota diguudhaaf kan dhufee isiniti hin fakkaatiin, raawwachuudhaaf malee diiguuf hin dhufne. Dhuguman isiinin jedha Waaqaa fi lafti hanga darbuutti seera keessaa tokkoo illee akka hin buunee yookaan akka hin darbine” (Maati 5:17-18). Lakkoofsoota kanaan, Yesuus qulqulluu sagalee sirrummaa isaa jabeessa, hanga ishee tarreefama xiqqootii fi hanga tuqaalleetti gadi bu’ee sababa sagallee Waaqayyoo ta’uu isaatiif.

Macaafni qulqulluun geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin kan caafame sababa ta’uu isaatiif isaan immoo mudaa kan hin qabnee fi aboo kan qabanii dha jennee murteessuu ni dandeenya. Ilaalchi fedha Waaqayyoo inni sirriin sagalicha sirritti gara ilaaluutti nu geggeesa. Waaqayyoo mudaa kan hin qabne_ humnaan raawwatee beekaa, raawwatee mudaa kan hin qabne waan ta’eef sagaleen isaas mataa isaatiin bifa addaa amala wal fakkaataa qaba. Qulqulluun sagaleen geeggeessaa Hafuura Qulqulluutiin kan caafame ta’uu isaa kan cimsan isaan lakkoofsi wal fakkaataan sun, mudaa kan hin qabne ta’uu isaatii fi aboo isaa ni cimsu. Shakkii malee, macaafni qulqulluun akka cimsa laatuutti_kan hin ganamnee, kan aboo, sagalee Waaqayyoo namaaf.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafin Qulqulluun karaa hafuura Waaqayyoo barreeffame jechuun maal jechuu dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries