Macaafa qulqulluu maaliif dubbifna/maaliifis qayyabanna?



Gaaffii: Macaafa qulqulluu maaliif dubbifna/maaliifis qayyabanna?

Deebii:
Macaafa qulqulluu dubbisuun nurra jiraata:- Sababii isaa sagalleen Waaqayyoo nuuf waan ta’eef. Macaafni qulqulluun akkuma jiruutti “Waaqayyo kan itti afuura baafatee dha” (2ffaa Ximoo 3:16). Karaa biraatiin immoo sagalleen Waaqayyoo nuuf isa guddaa dha. Gaaffii heedduu qaba falaasamootni kan isaan kaasaan: Waaqayyo karaa sagallee isaa nuuf deebise kaayyoon jireenya isaan maalii dha? Eessaan dhufa? Du’a booda jireenyi in jiraataa? Gara mootummaa Waaqayyootti akkamittiinaan galuu danda’aa? Biyyii lafaa maaliif isa hamaadhaan guutamtee? Isaa gaarii gochuudhaaf maaliifaan wall’aansoo ittiin qabaa? Isaan kana keessaa “guddaa” dabalataan gaaffiin:-Macaafni qulqulluun gorsa hojii irra oolu heedduu laata:- Naannoo warra akkanaa cinatti maal kan inni barbaadu gaa’ellii milkaa’aan akkamitti jiraachuu danda’aa? Akkamittaan hiriyaa gaarii ta’uu danda’aa? Akkamittaan maatii gaarii ta’uu danda’aa? Milkaa’ummaan maalii dha akkamittaan isa argachuu danda’aa? Akkamittaan jijjjiramuu danda’aa? Wantii guddaan jireenyaa isa kamii dha? Gaabbiin osoon duuba hin ilaalin akkamittaan jiraachuu danda’aa? Jireenya irratti kan akka tasaa ga’aan ta’ii waan dhugaa irraa fagaatee akkamittaan mo’ichaan darbaa?

Macaafa qulqulluu dubbisuudhaaf qayyabachuun nurra jiraata sababni isaa innii walummaa galattii waan mirkaa’aadhaa fi dogogora malee wanta ta’eef. Macaafni qulqulluun adda kan ta’ee dha “Qulqulluu” jedhamanii kan waamaman macaafoota keessaa akkasumas innii barnoota safuu kan kennuu dha “anatti amanaa kan jedhu miti”. Caalaadhumatti isa akka qoruuf dandeetti qabna. Inni kan inni sodaachisuu dhibbatti kan lakkaa’aman tarreefama raajii qoruudhaan:- haala seenaa inni galmeessee sakkata’uudhaan akkasumas inni kan inni ittiin wal bira qabee dhugaa saayinsaawwaa sakkata’uudhaan. Macaafni qulqulluun dogogora qaba kan jedhan gurii isaanii dhugaa akka hin dhageenyeef waan cufameef. Yesuus al tokkoo gaaffatee ture:- isa kamtuu salphata: “cubbuun kee siif dhiifameera” yookaan “ka’ii siree kee fudhadhuutti deemi”. Kana irraas cubbuuf araara gochuu akka danda’uu mirkaneessa (wantii nuttii ija keenyaan arguu hin dandeenye tokkoo) naaficha fayyisuudhaan (naannoo isaa kan jran ija isaaniitiin mirkanessuu kan dandanda’an). kanumaan kan wal fakkaatu nuuf wabiin kennameera, kunnis sagalee Waaqayyoo dhugaa ta’uu isaa, naannoon kan hafuuraa yeroo hubachiisuu, qaama miiraa keenyaan hubachuu kan dandeenyuu, mataa isaa dhugaan teesisuudhaan bakkawwan sanatti hubachuu dandeenya, fakkeenyaaf dhugummaa seenaa, dhugummaa saayinsii fi dhugummaa raajii.

Macaafa qulqulluu dubbisuuf qayyabachuun nurra jiraata, sababni isaa Waaqayyo waan hin jijjiramneef akkasumas uumamni ilma namaa waan hin geddaramneef, inni nuuf bu’a qabeessa, akkuma yeroo barreefame sanaa. Qaroominni yeroo jijjiramuu, uumamni namaatii fi fedhi isaa ni geggedarama. Seenaa macaafa qulqulluu ni argana, fuulicha dubbisuu yeroo jalqabnu, innis walitti dhufeenya tokko tokkoonis ta’ee hawaasicha yeroo hasoofsiifnu, “aduu gaditti wanti haaraan hin jiru” Macaafa lalabaa 1:9). Ilmi namaa walummaa galatti jaalalaa fi boqonnaa iddoo dogogoraa hundumaa barbaachuu isaa itti fufeera, Waaqayyoo gaariidhaa fi uumaa keenya simboo qabuu dha- gammachuu isa dhumaa akka nuu fiduu nutti hima. Sagalee isaa mul’atee, macaafa qulqulluu, baay’ee bu’a qabeessa, kanas Yesuus waa’ee isaa yeroo dubbatuu, “namni nyaata qofaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’uun malee” (Maati 4:4). Jecha biraatiin immoo, jireenya guutummaatti jiraachuu kan barbaannuu yoo taane akka Waaqayyoo hiyyameetti, kan Waaqayyoo sagalee barreefamee dhaga’uudhaaf xiyyaafannoo itti kennuutu irra jiraata.

Macaafa qulqullu dubbiisuu fi qayyabachuun nurra jiraata sababi isaa baay’een barumsi sobaa jiraachuu isaatiin macaafni qulqulluun ulee safartuu nuu laata, dhugaa dogogoratti adda baasu akka dandeenyu. Innis Waaqayyoo maal akka fakkaatu nutti hima. Waa’ee Waaqayyoo fakkii dogogoraa yoo qabaanee inni waaqa tolfamaa yookaan waaqefannaa waaqayyoolli sobaa. Inni wanta hin taane tokkoo waaqessuu dha. Maacafni qulqulluun sirriidhummatti akkamitti mootummaa Waaqayyootti akka galuu nutti hima, innis gaarii ta’uudhaan yookaan cuubbamuudhaan yookaan karaa biraa waan goonuun miti (Yoha. 14:6, Efe 2:1-10, Isaa 53:6, Roome 3:10-18, 5:8, 6:23, 10:9-13). Sarara kana irratti sagaleen Waaqayyoo kan inni nutti argisiisuu Waaqayyoo hammam akka nu jaallatu dha (Room 5:6-8, Yoha 3:16). Kanaafis kana barachuudhaan deebiin isaa isa kan jaallataniif kan laanu (1ffaa Yoha 4:19).

Macaafni qulqulluun Waaqayyoon akka tajaajiluu gahaa nu godha (2ffaa Xiimo 3:17, Efe 6:17, Ibi 4:12). Cubbuu keenya irraa akkamitti akka fayyinu akka beeknuuf nu gargaara, ajaja isaa isa dhumaas (2ffaa Ximii 3:15). Sagalee Waaqayyoo irratti xiyyaafachuu fi barnoota isaas kabajuun fiixaan ba’umsa jireenyaa fida (Iyyas. 1:8, Yaq 1:25). Sagaleen Waaqayyoo jireenya keenya keessatti cubbuu akka ilaaluu nu gargaaraa, isas akka of keessaa baasuu dandeenyu (Faar 119:9-11). Innis jireenya keenyaaf geggeefama nuuf laata, barsisoota keenya caalaa ogeeyyoolli akka taanuu (Faar 32:8, 119:99, Fakk 1:6). Macaafni qulqulluun waggoota jireenya keenyaa wantoota biratti akka nuyii in balleesine nu gargaara, innis dhumma hin qabuu (Maati 7:24-27).

Macaafa qulqulluu dubbisuudhaa fi qayyabachuun kan nama harkisuu fi “kiyyoo” waan darbee akka ilaaluuf nu gargaara, gara miidhaa “qabduu” qormaata cubbcuutiin, kanaafis dogogora kan biro irraa barachuu ni dandeenya, ofii keenya akkana of gochuu irra kan caalu. Shaakala barsiisaa guddaa dha, haa ta’uu malee cubbuu irraa gara barachuutti yeroo dhufuu, innii barsiisaa hamaa fi sodaachisaa dha. Dogogora biro irraa barachuuf baay’isee in caala. Kan nuyii irraa barannuu amallii macaafa qulqulluu hedduun jiru, tokko tokkoo kara sirrii ta’ee fi alta’aa ta’een argisiisuudhaan tajaajilu, jireenya isaani keessatti yeroo heedduu, fakkeenyaaf Daawiti , Gooliyaadiin yeroo mo’atee kan inni nu barsiisuu Waaqayyo wanta kamiin caalaa akka caaluu dha, kan nuyii ittiin wal’aansoo qabuun nu gaaffatu (1ffaa Saamu 17), yeroo Bersaabee wajjin sagaagila raawwachuudhaa fi qormaatatti yeroo kenname kan inni argisiisuu cubbuu keessaa kan argamuu gammachuu yeroo kan yeroo dheeraa rakkoo sodaachisaa akka qabuu dha (2ffaa Saamu. 11).

Macaafni qulqulluun isa dubbisu qofaaf kan ta’u macaafa miti. Inni macaafa qayyabannaadhaaf ta’uu dha, hojii irra akka ooluuf. Kana yoo ta’uu dhaa baatee innii akka midhaan osoo in halanfatiin liqimfameeti, fi isa boodas akka tufuu- nyaata kamiin iyyuu faayidaan osoo irraa hin argamin. Macaafni qulqulluun sagalee Waaqayyooti. Innis akkuma seera uumamaa kan hidhuu (kan dirqisiisu) dha. Barbaaduu dhiisuu dandeenya, haa ta’uu malee sana kan goonu murtoo mataa keenyaatiin, akkuma seera harkisa lafaa yoo hin barbaanes akkuma kana. Innis baay’ee baayisee guddifamee ilaalamuu hin danda’uu, macaafni.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Macaafa qulqulluu maaliif dubbifna/maaliifis qayyabanna?