settings icon
share icon
Gaaffii

Neefkaan madaqan/bineensonni gara Jannataa ni dhaquu? Neefkaan madaqan/bineensonni lubbuu qabuu?

Deebii


Macaafni Qulqulluun Neefkaan madaqan/bineensonni Jannataa keessa akka ta’an yookiin Neefkaan madaqan/bineensonni “lubbuu” akka qaban barsiisa ifa ta’e hin kennu. Haa ta’u malee, mata duree kana irratti qajeelfama ifa ta’e kan Macaafa Qulqulluu kan bu’uura qabu hundeessuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun namnii (Seera Uumamaa 2:7)fi bineensoonni (Seera Uumamaa 1:30; 6:17; 7:15, 22) lamaanuu hafuura jireenyaa akka qaban ni ni dubbata. Waanti jara adda taasisu inni jalqabaa namni akka bifa Waaqayyootti uumamuu isaati (Seera Uumamaa 1:26-27) garu bineensonni miti. Akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumamuu jechuun sanyiin namaa Waaqayyoon fakkaata, hafuuraatti dandeettii kan qaban, sammuu kan qaban, fedhii fi hawwii kan qaban, innis jarri du’a booda jiraachuu itti fufuu kan danda’u eenyummaa mataa isaanii qabu. Neefkaan/ bineensonni yoo “lubbuu” qabaatan yookiin bifa qamaan kan hin mul’anne, sababa kanaaf inni kan adda ta’e ta’uu yookiin kan “sadarkaa” gada aanaa ta’uu qaba. Garaa garummaan isaa tarii “lubbuun” neefkaan madaqan/bineensonii du’a booda jiraachuudhaan itti hin fufan.

Dhimmi garri biraan kan ilaalmu bineensonni adeemsa qaama uumama Waaqayyooti Seera Uumamaa keessatti. Waaqayyo bineensota uume jarri gaariidha jedhe (Seera Uumamaa 1:25). Sababa kanaatiif, waaqa haaraa keessa bineensonni akka hin jiraanne kan isaan taasisu sababni hin jiraatu (Mul’ata Yohaannis 21:1). Yeroo mootummaa bara kumaa keessas sirriitti bineessonni ni jiraatu (Isaayaas 11:6; 65:25). Bineensota kana keessaa kaan neefkaan madaqan/bineensota lafa kana irra utuu jirru qabnu keessaa tokko tokko ta’uu jechuu hin dandeenyu. Waaqayyo sirrii akka ta’e ni beekna yeroo gara waaqaa deemnus dhimma kana irratti yaada Waaqayyoo wajjin walii gallee arganna, waanta ta’e haa ta’us.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Neefkaan madaqan/bineensonni gara Jannataa ni dhaquu? Neefkaan madaqan/bineensonni lubbuu qabuu?
© Copyright Got Questions Ministries