settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafa qulqulluu qayyabachuudhaaf karaa sirriin isa kamii dhaa?

Deebii


Hiika qulqulluu sagalee isaa murteesuudhaaf amantootni jireenya kanatti kan jiraatanii fi gocha guddaa faayida qabeessa gidduudhaa isa tokkooffaa dha. Waaqayyo macaafa qulqulluu dirqamatti akka nuyi dubbifnuuf nutti hin himu. Nuyii dirqamatti qayyabachuuf akka ta'uutti qabuutu nurra jira (2ffaa Ximoo 2:15). Macaafa qulqulluu qayybachuun hojii ulfaataa dha. Qulqulluu saglee isaa qeenxeedhaan yookaan kutaa muraasa ilaaluun al tokko tokkoo murtoo dogogora guddaa namtti fida. Kanaaf qulqulluu sagalee isaa hiika sirri murteesudhaaf qajeelfama hedduu hubachuun murteessa dha.

Tokkooffaa, barataan macaafa qulqulluu dirqamatti kadhachuudhaa fi afuura qulqulluu gaafachuutu irra jra, hubannaa akka isaa kennuuf, kun gochaa isaa isa tokkooffaa waan ta'eef. 'Garuu afuurri inni dhugaan yeroo dhufutti gara dhugaa hundumaatti isin geggeesa, kan dhaga'ee hundumaa ni dubbata malee mataa isaa irraa hin dubbatu wanta dhufus isinitti hima'(Yoha 16:13). Afurri qulqulluun ergamoonni kakuu haaraa yeroo barreessan akka inni isaan geggeesse hundumaatti qulqulluu sagalee isaa akka hubanuuf nu geggeessa. Yaadadhaa macaafni qulqulluun macaafa Waaqayyooti, akkasumas maal akka ta'ee gaaffachudhaaf nu barbaachiisa, kristaana yoo taataan qulqulluu sagalee isaa barreessaa_ afuura qulqulluu _keessa keessan bula, kanaafis inni kan inni barreessee akka isin isaaf hubatan barbaada.

Lamaffaa lakkoofsi qulqulluu sagalee isaa kan itti maraman keessaa luqisnee baasuu fi hiika lakkoofsichaa qabiyyee barreefamichaati ala murteessuudhaaf yaaluun nuuf hin ta'u. Lakkoofsoota naannoo isaa jirani fi boqonnaa sana yeroo hundumaa dubbisuutu nura jira qabiyyee barreefamichaa hubachuudhaaf. Hundumtuu qulqulluun sagalichi Waaqayyo biraa yeroo dhufu (2ffaa Ximoo 3:16. 2ffaa Pheexi 1:21).Waaqayyo namootatti fayyadameera isa akka barreesaniif. Namootni kun sammuu isaani keessatti wanti qabatamaan jira. Barreesifis kaayyoo qabu, akkasumas dhimoota murta'aan kan isaan dabarsan, seenaa macaafa qulqulluu isa qayyabanu sanaa dubbisutu nurra jira, eenyu akka barreesse maalif akka barreefamee, yoom akka barreefamee fi maaliif akka barreefame hubachuu. Akkasumas barreefamichi mataa isaatiif akka dubbatu iyyamuudhaan of eegannoo gochuun nurra jiraata, altokko tokkoo namoonni mataa isaanitiin hiika sagalichaa wajjin walqabsiisuu, ofii isaanitti hiika barbaadan argachuudhaaf.

Inni sadaffaan, nuyii walummaa gala bilisa ta'uudhaaf yaaluun nurra hin jiraatu, nu keessaa qayyabannaa macaafa qulqulluu irratti. Kan biroon qulqulluun sagalee isaa yeroo dheeraadhaaf karaa namoota qayyabatani hubannoo argachuudhaaf hin dandeenyu jedhamee yaadamuun of tuullummaa dha. Namoonni tokko tokkoo dogogoraan macaafa qulqulluutti kan dhi'aatan afuura qulqulluu irratti qofa kan itti dhi'aanu yaada jedhuun hundumaa dhoksani dhugaa qulqulluu sagalee isaa bira kan ga'an itti fakkaata. Kristoos afuura qulqulluu kennuudhaan namootaaf kennaa afuura qulqulluu laata qaama Kristoosiif. Isaan kana keessaa kennaan afuuraa inni tokkooffaan barsiisuu dha (Efe 4:11-22, 1ffaa Qoro 12:28) barsiisotni kun kan kennaman gooftaadhaan, qulqulluu sagalee isaa sirritti akka hubannuuf akka aboomamnuu akka nu gargaaruuf. Yeroo hundumaa amantoota kan biro wajjin macaafa qulqulluu qayyabachuu dha, sagalee Waaqayyoo dhugaa isaa hubachuuf hojii irra oolchuu wali walii isaa wal deggeruudhaan.

Kanaafis, walitti qabaatti macaafa qulqulluu qayyabachuuf karaan sirrii ta'ee maalii dhaa? Inni tokkooffaan kadhataa fi gadi of qabuudhaan afuura qulqulluu irratti amanachuun nurra jira, hubannaa akka nuuf kennuuf. Inni lamaffaan yeroo qulqulluu sagalee isaa qayyabachuun kan nurra jiruu akkaata barreefama qabiyyee isaatiin, macaafni qulqullun mataan isaa akka ibsuutti hubachuudhaan. Inni sadaffaan yaalii kiristaanoota kan biro kabajuun nurra jiraata, kan darbanis ta'ee kan ammaa isaanis macaafa qulqulluudhaa fi sirri kan ta'ani akkaata tooftaa qayyabannaa kan nutti mul'isan. Yaadadhaa, Waaqayyoo barreessaa macaafa qulqulluuti, akkasumas inni akka nuyii hubannu barbaada.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafa qulqulluu qayyabachuudhaaf karaa sirriin isa kamii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries