settings icon
share icon
Gaaffii

Akka raajii bara dhumaatti maaltuu ta'aa?

Deebii


Macaafni qulqulluun waa'ee bara dhumaa waan heedduu kan jedhu qaba. Hundumtuu barressaan macaafa qulqulluu bifa jechuu danda'auun waa'ee raajii bara dhumaa qabateera. Isaan kana hundumaa rajiiwwaan fudhatee ijaaruun rakkisaa ta'uu danda'a. itti fufee kan ilaale baay'ee gabaabaa kan ta'ee kan walitti qabateedha, macaafni qulqulluun waa'ee bara dhumaa maaltuu akka ta'uu kan inni labse.

Kristoos immoo amantoota dhalatan hundumaa biyya lafaa irraa ni fudhata, butamuu dhugaan jedhamuu (Teso4:10-18, 1ffaa Qoro 15:51-54). Teessoo firdii Kristoos duratti amantootni kun ni badhaafamu, waa'ee hojii gaarii isaanitiif waa'ee amanamummaa tajaajila isaanii, yeroo lafa irra turanitti, yookaan hin badhafaman, garuu jireenya bara baraa miti, tajaajilaa fi hiri'ana aboomamuuti (1ffaa Qoro 3:11-15, 2ffaa Qoro 5:10).

Mormitun Kristoos (bineensichii) gara taayitaatti dhufa, Israa'eeli wajjininis waggaa torbaf kakuu gala (Daani 9:27). Yeroon waggaa torbaa kun 'rakkina isa guddaa jedhamuudhaan beekama. Yeroo rakkina isa guddaa kanatti lolli sodaachisaa ta'ee ni geggeefama, beela, dha'ichaa fi badiisa uumamaa. Waaqayyoo cubbuudhaan, hameenyaani, fi hameenya irratti dheekamsa isaa dhangalaasa. Rakkinnichi, mul'ata irra kan jiru abbaa fardaa afran, fi mallattoo torban, malakata, fi firdii kan argisiisuu ta'ii of keessatti qabata.

Adeemsa waggaa torbaa walakeessa irratti, mormituun kristoos Israa'eloota wajjin kakuu galee diiguudhaan warana adeemsiisa. Mormituun Kristoos 'xuraa'ummaa badiisaa', raawwata fakkii mataa isaa tolchee mana qulqulluummaa Yerusaaleem keessatti akka itti sagadamuu godha (Daani 9:27, 2ffaa Teso 2:3-10), innis lamaffaa kan ijaaramee dha. Lamaffaa kan giduu galeessa rakkinichaa 'rakkina isa guddaa' jedhamuudhaan beekama (Mul. 7:14) fi 'yeroo rakkina Yaaqoob' (Ermi. 30:7).

Dhuma rakkina waggaa torbaa irratti, mormituun Kristoos Yerusaalem irratti lola isaa isa dhumaa ni bana, lola harmaageedoon isa dhumaa. Yesus Kristoos ni deebi'aa mormituu Kristoosii fi loltoota isaa ni balleessa, gara galana ibidaatti ni gata (Mul'. 19:11-21). Isa booda Kristoos xilquuti seexana waggaa kuma tokkoof ni hidha, yeroo waggaa kuma kanaatti lafa irratti motuummaan isaa ni bita (Mul. 20:1-6).

Dhuma waggaa kuma tokkoo irratti seexanni nii hiikama, ammas ni mo'ama, achi irraas gara gaanaab ibiddaatti ni gatama (Mul. 20:7-10) barabaraan. Achi irraas warra hin amaniin hundumaa irratti ni farada (Mul. 20:10-15) teessoo firdii adii guddaa irra taa'ee gara galana abiddaatti isaan gata. Achi irraas Kristoos samii haaraadhaa fi ardii haaraa Yerusaaleem ishee haaraatti ni tajaajila bakka mana amantootaa bara baraa. Sana booda cubbuun hin jiru, gaddi, yookaan du'ii (Mul. 21-22).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akka raajii bara dhumaatti maaltuu ta'aa?
© Copyright Got Questions Ministries