Butamuun yoom kan ta’uu, yeroo rakkina guddaa wajjin kan wal qabatee dhaa?



Gaaffii: Butamuun yoom kan ta’uu, yeroo rakkina guddaa wajjin kan wal qabatee dhaa?

Deebii:
Dhimmi butamuu yeroo rakkina isa guddaa wajjin kan wal qabatee akkuma keenya baay’ee dhimma waliin dha’aama dha, har’a waldaa kiristaanaatti. Ilaalchi gurguddaan sadanuu dursa rakkina isa guddaatti (rakkina isa guddaa fuula dura butamuu ta’u), giddu galeessa rakkina isa guddaatti (gidduu rakkina guddaatti yookaan naannoo sanatti kan ta’uu rakkina isa guddaa), fi rakkina isa guddaa booda (dhuma rakkina isa guddaa irratti butamuu ta’u) dha. Ilaalchi arfaffaan dheekamsa dura kan jedhuun beekama, kunnis ejennoo ilaalcha giddu galeessa rakkina isa guddaa irraa fooya’iinsa xiqqoo qaba.

Jalqaba, kaayyoo rakkinnichaa hubachuun faayida qabeessa. Kan akka Daani’eel 9:27 subaa’ee “torba” (waggaa torba), kunnis, sichi kan dhufuu dha. Wali gala raajii Daani’eel, kan torbaatami torbaa (Daani. 9:22-27) kan inni dubbatuu waa’ee saba Isiraa’elitti. Innis Waaqayyo xiyaafannaa isaa keessumatti Israa’el irratti yeroo godhuudha. Rakkinni subaa’ee torbaa dirqamatti ta’uu kan qabuu Waaqayyoo Israa’eeli wajjin keessumatti kan inni godhuudha. Kana jechuun waldaan kiristaanaa hin jiraattu jechuu hin ilaalatu, waldaan kiristaanaa yeroo sanatti lafa irra jiraachuu ishee gaaffii kaassa malee.

Dubbafamni dursa butamuu qulqulluu sagalee isaa keessatti 1ffaa Teso 4:13-18tti. Innis cimsa kan inni itti laatuu amantoota lubbuun jiraatan hundumaa, amantoota du’anii wajjuin, gooftaa Yesuusiin qilleensa irratti akka simatan bara baraan isaa wajjin akka ta’anii dha. Butamuun Waaqayyoo saba mataa isaa lafa irraa kan fudhatuu dha. Lakkoofsa muraasa booda, 1ffaa Teso 5:9, Phaawuloos akkana jedha, “Waaqayyoo dheekamsaaf nu hin fillanee hoo, haa ta’uu malee fayyisuu Gooftaa keenya Yesuus Kristoos fudhachuuf malee.” Macaafni mul’ataa dursuudhaan waa’ee rakkina isa guddaa yeroo isaati fi sa’aa isaa dursee kan dubbate, ergaa raajiiti, Waaqayyo dheekamsa isaa lafa irratti akkamitti akka dhangalaasu, yeroo rakkinaatti. Innis kan wal hin simne fakkaata, Waaqayyo amantoota dheekamsa isaa akka hin fudhanneef itti fufees rakkina isa guddaadhaan akka dhiphataniif lafa irratti kan isaan dhiisu. Dhugaan isaa Waaqayyo kiristaanoota dheekamsa irraa oolchuudhaaf abdiin inni kenne gabaabaatti saba mata isaa lafa irraa fudhachuudhaaf kakuu kan inni galee wantoota lamaan sana wal qabsifamee adeemsisuun ta’a.

Kan biraan yeroon butamuu keeyyatni murteessan Mul’ata 3:10 dha, kunnis Kristoos amantoota “yeroo qoramsaatti”oolchuudhaaf kakuu kan galee, lafa irratti ta’uudhaaf kan jiru. Kun ta’uu kan danda’uu wantoota lama. Tokkoo, Kristoos amantoota qormaata giddutti eeguu danda’uu isaa yookaan amantoota qormaata gidduu dhaa baasuu danda’uu isaa. Lamaanuu hiika dhugaa qaba hiikii Girikii “irraa” kan ka’e. Ta’us, amantoota maal irraaa akka eegaman abdii akka kennee hubachuun faayida qabeessa. Inni qormaata qofa miti, garuu qormaata “sa’aati” dha. Kristoos amantoota eeguudhaaf kakuu galeera, qormaata yoo qabaataan yeroo fi sa’aati ta’uu, innis rakkina isa guddaa jedhamee kan beekamu. Kaayyoon rakkina isa guddaa, kaayyoo butamuu, 1ffaa Teso 5:9 hiikuu, fi Mul. 3:10 hiika hundumaa ifa kan ta’ee degersaa isaani kennuu kan ejjeennoo dursa rakkina isa guddaatiif. Macaafni qulqulluun akkuma jirutti fi dhaabbataatti yoo hiikamee, ejjeennoo dursa rakkina isa guddaa baay’ee kan fooyee qabuu hiika ka’umsa macaafa qulqulluu kan qabuu dha.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Butamuun yoom kan ta’uu, yeroo rakkina guddaa wajjin kan wal qabatee dhaa?