settings icon
share icon
Gaaffii

Seexanni eenyuu dhaa?

Deebii


Seexana kan ilaalatee amantiin namootaa yaada daa’imummaa irraa kaasee hanga gadi fagootti ga’a_gaafa kan baasee nama diima xiqqoo irra, innis gatittii isaani irratti taa’ee cubbuu akka gootaniif kan isin oofuu, hanga eenyummaa isaa isa hamaa ibsa argisiisuutti. Ta’us macaafni qulqulluun seexanni eenyuun akka ta’ee akkamitti jireenya keenyas akka miidhuu suurraa isaa ifaa nuuf kenna. Salphaati kaa’uudhaaf, macaafni qulqulluun seexana yeroo ibsu, akka Maleekaa bara baraatti innis taayitaa isaa samii irra jiru sababa cubbuutiif kan kufee, hundumaa guutu guuututti Waaqayyoon kan mormu, hundumaas humnan mataa isaatiin kan godhuu, kaayyoo Waaqayyoo dhorkuuf.

Seexani kan uumamee akka Maleekaa qulqulluutti. Isaayas 14:12 dursa kufaatii seexanaa maqaa, luusfeerii kan jedhamutu kennameef. Hisqeel 28:12-14 seexanni kirubeel kan jedhuun uumamuu isaa ni ibsa, ergamaa isa ol jedhaa uumamee dha. Innis bareedina isaatii fi ejjennoo isaatiin of tuule, akkasumas bakka ol jedhaa irra kan jiru teessoo Waaqayyoo irra taa’uu barbaade (Isaa. 14:13-14, Hisq.28:15, 1Ximoo 3:6). Of tuulummaan seexanaa gara kufaatitti geggeesse. Isaayaas 14:12-15 irratti kan jiru hedduu “anis” ibsa jedhan hubadhaa. Sababa cubbuu isaatiif Waaqayyo seexana mootummaa waaqa irraa dhabamsiise.

Seexanni addunyaa biyya lafaa kana kan bitu ta’e akkasumas samii irra kan jiru abbaa aboo (Yoha 12:31, 2Qoro 4:4, Efe 2:2). Innis komataa dha (Mul. 12:10) qoraa (Mat 4:3, 1fTeso 3:5) fi dogogorsaa (Uuma. 3, 2Qoro 4:4, Mula.20:3). Maqaan inni guddaan “mormituu” yookaan “kan mormuu” jechuu dha. Kan biraan waamamni isaa, daabiloos, “sobaa” jechuu dha.

Ammam illee inni waaqa irraa gatamus, amma iyyuu teessoo isaa Waaqayyoon ol gochuu barbaada. Inni Waaqayyo kan inni godhe hundumaa ni morma, sagada biyya lafaa nan argadha abdi jedhuun, mootummaa Waaqayyoo irratti mormii ni jajjabeessa. Seexanni tokkoon tokkoon seera waaqefannaa dogogoraa fi amantaa addunyaatiif burqaa isa guddaa dha. Seexanni wanta kamiin iyyuu wanta hundumaa taayitaa mataa isaatin ni godha, Waaqayyoo fi Waaqayyoon kan hordofan mormuu dha. Ta’us, galmi seexanaa maxanfameera_galaana abiddaa keessatti bara baraan (Mul 20:10).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Seexanni eenyuu dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries