Tirgaan cubbuudhaa? Macaafni Qulqulluun waa’ee tirgaa maal jedha?



Gaaffii: Tirgaan cubbuudhaa? Macaafni Qulqulluun waa’ee tirgaa maal jedha?

Deebii:
Macaafni Qulqulluun tirgaa addatti baasee hin faradu,tapha yookiin lootary. Macaafni Qulqullluun nu akeekkachiisa, haa ta’u malee, akka jaalala qarshii irraa of eegnu (1 Ximootewoos 6:10; Ibroota 13:5). Caaffanni qulqullaa’oon dabalataan “badhaadhumni karaa malee argamu” irraas akka of eegnu nu jajjabeessa (Fakkeenya 13:11; 23:5; Lallaba 5:10). Qumaarri caala kan inni irratti xiyyeeffatu jaalala qarshii irrattii fi abdii kara salphaa fi dafanii dureessa ta’uuf yalii taasisuu karaa hin shakkisiifneen namoota hawwatu.

Quumara irratti dogoggorri jiru maal? Qumaarri dhimma jabaadha sababni isaa yoo inni haala giddu galeessaatiin hojjettame fi yoo alii allii ta’e, inni horii balleessuudha, garuu inni amma kana hamaa miti. Namoonni karaa adda addaatiin qarshii dhangalaasu. Qumaarri, fiilmii ilaalluuf, nyaata baay’ee gatii guddaa itti ba’u nyaachuu, mi’a baay’ee mi’aa ta’e bituuf qarshii baasuu irra karaa caalaa ta’een yookiin xiqqateen adda miti. Karaadhuma walfakkaataan immoo, dhugaa qarshiin waantoota gara garaatiif ba’uun isaa quumaaraa hin jajjabeessu. Qarshiin haala hin taanetti ba’uu hin qabu. Qarshiin nurraa hafee fuulduraaf waanta nu barbaachisuudhaaf achi kaa’amuu yookiin hojii Gooftaaf ooluu qaba, quumaaraan baduu hin qabu.

Ta’us Macaafni Qulqulluun qumaara ifa godhee hin eeru, inni yeroo “aragachuu” yookiin “dhabuu” ni caqasa. Akka fakkeenyaatti, muka buufachuu Seera Leewotaa keessatti dhimma itti ba’ameera reettii isa aarsaaf qalamuu fi isa bakka onaatti gadhiifamu adda baafachuudhaaf. Iyyaasuun gosa adda addatiif lafa isaan qaqqabu adda baafachuudhaaf muka buufachuutti gargaarameera. Nahimiyaan dallaa Yeruusaaleem keessa kan jiraatan adda baafachuudhaaf muka buufateera. Ergamoonni Yihudaa kan bakka bu’u adda baafachuudhaaf muka buufataniiru. Fakkeenya 16:33, “buufanni mukaa dacha wayyaa irra ni buufama murtoon hundinuu garuu Waaqayyo biraa ta’a” jedha.

Macaafni Qulqulluun waa’ee looterii fi kaartaa tabachuu maal jedha? Kaartaa tabachuun gosa sirna gabaa hundumaatti fayyadame warra qumaara tabatan akka jarrii qarshii heedduu argatantti gowomsa. Jari jarrii yeroo baay’ee dhugaatii gati jabeessa tola kennu, isa machii jajjabeessu, kanaaf egaa murtoo ogummaan guutuu ta’e kennuudhaaf dadhabu. Kaartaa tabachuu keessatti waanti kam iyyuu qarshii baay’inaan itti argaachuudhaaf sirriitti kan ijaarameedha humaas hin deebisu, lafa duwwaatti gammaduuttii kan hafe. Looteriinis ofii isaanii mul’isuu yaalu, karaa ittiin carraan barnootaa aragaman yookiin kan biraa. Haa ta’u malee, qo’annoon akka agarsiisutti lootariitti kan hirmaatan yeroo baay’ee tikeetii lootarii kutachuudhaan horii isaanii kan baasan keessa xiqqoo akka ta’aniidha. Hawwiin karaa salphaan durooomuu yaaduu mormuun qoromsa baay’ee guddaadha jarreen abdii kutataniif. Carraan moo’achuu baay’ee xiqqoodha, jireenya namoota heedduu keessatti bu’aa baduu kan fidu.

Lottoo lotoriin gara Waaqayyoon gammachiisuutti ni fida? Namoonni heedduun lootarii tabachuun yookiin quumaara tabachuun waldaadhaaf qarshiii kennuu akka danda’an yookiin waanta gaarii gara biraaf sababa ta’uu akka danda’an dubbatu. Kun fedhii gaarii ta’us, namoota muraasatu karaa kana qarshii argatan hojii gaarii irraa olchu. Akka qorannoon agarsiisuutti namootiin lootarii injifatan heedduun erga lootariin sun ba’eefii waggoota muraasa booda qabeenyaa duraan qaban irraa haala baay’ee rakkisaa irra akka ga’an ni agarsiisa. Muraasin, utuu qarshii waan gaariidhaaf kennanii caalaa, Waaqayyo kaayyoo isaa isa biyya lafaa keessaa qabuuf qarshii keenya akka kenninnu hin barbaadu. Fakkeenyi 13: 11 akkas jedha, “badhaadhumni karaa malee argamu, irraa hir’achaa ni adeema namni itti dadhabbe wal irra buusaa adeemu garuu ni baay’ata.” Waaqayyo hunda gararraadha waldaafis kan barbaachisu hundumaa karaa amanamaa ta’een ni qopheessa. Waaqayyoo qarshii qoricha ittiin bituudhaaf arjoomame yookiin qarshii mana baankiitii hatame fudhachuudhaan hulfina ni argataa? Lakkii. Waaqayyo badhaadhaa ta’uuf jecha qarshii hiyyeessa irraa hatames hin barbaadu.

1 Ximootewoos 6:10 akkas jechuun nutty hima, “Horii jaal’achuun hundee waanti hamaan hundinuu irraa latudha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru.” Ibrootin 13: 5 akkas jedha, “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta’in, waanta argattaniin nu ga’a jedhaa! Waaqayyo ‘ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus jedheera.’” Maatewoos 6:24, “Eenyullee gooftolii lamaa hojjechuu hin danda’u isa tokko jibbee isa kaan jaal’achuu isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoodhaa fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan” jedha.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Tirgaan cubbuudhaa? Macaafni Qulqulluun waa’ee tirgaa maal jedha?