settings icon
share icon
Gaaffii

Waabdiin bara baraa Macaafa Qulqulluu irraatti?

Deebii


Namoonni Kiristoosiin akka fayyisa isaaniitti gara beekuutti yeroo dhufan waabdii isaanii isa bara baraa kan jaraa dhugoomsu gara walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabaachuutti dhufan. Yihudaan 24 akkas jechuun labsa, “Isin akka hin gufannetti Waaqayyo isin eeguu, mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabachiisuuf ni danda’a.” humni Waaqayyoo amantoota kufaatii irraa eeguu danda’a. ulfina isaa dura nudhaabuun ga’ee isaa malee ga’ee keenya miti. Waabdiin keenya inni bara baraa bu’aa inni nu eeguu isaa malee nuyi fayyina keenya eeggachuu keenya miti.

Gooftaan Yesus Kiristoos, “Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo inni anatti isaan kenne hundumaa irra guddaadha” jechuun labse (Yohaannis 10:28-29b). Abbaanis Yesusis lamaan isaanii harka isaanii keessatti cimsanii nu qabaniiru. Harka Abbaa fi harka Ilma isaa keessaa kan nu butachuu danda’u eenyuu?

Efesoon 4:30 amantoonni, “guyyaa fayyinaatiif ittiin akka mallatteeffaman” nutti hima. Amantoon jireenya bara baraa hin qabaatan utuu ta’e dhugaan isaa ittiin mallatteefamun kun guyyaa fayyinaatiif hin ta’u ture garuu guyyaa cubbuu hojjetan, ganan, yookiin amanuu dhiisan duwwaadhaaf ta’a ture. Kiristoositti kan amanu namni kam iyyuu “jireenya bara baraa” akka qabaatu Yohaannis 3:15-16 nutti hima. Namni dhuunfaa tokko abdiin jireenya bara baraa isaaf kan ta’u taanaan garuu lammee yoo duraa fudhatame inni gonkumaa jalqabuudhumaaf duwwaa “bara baraa” ta’uu hin danda’u ture. yoo waabdiin bara baraa dhugaa ta’uu dhabaate, abdiin bara baraa Macaafa Qulqulluu keessa jiran dogoggora ta’u.

Jireenya bara baraatiif waliin morkiin inni guddaa cimaan Roomaa 8:38-39 dha. “Duuni jireenyi, ergamoonni Waaqa irraa warrii bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, waanti amma jiru , waanti dhufuuf jirus hundinuu, waanti humna agarsiisuu danda’us, waanti ol ka’ee jirus, waanti gadi fagaatee jirus, uumama keessaa waanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kiristoos Yesus nuuf dhufetti danda’ee gargar nu hin baasu.” Waabdiin keenya bara baraa kan inni bu’uura godhate warra isaan fayyiseef jaalala isaa irratti. Waabdiin keenya bara baraa Kiristoosiin bitame. Abbaan abdiin galamee Hafuura Qulqulluudhaan mallattoon itti godhame.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waabdiin bara baraa Macaafa Qulqulluu irraatti?
© Copyright Got Questions Ministries