settings icon
share icon
Gaaffii

Fayyina kootiif akkamiinan waabdii qabaachuu danda’aa?

Deebii


Ati akka fayyiteetta ta’e akkamiin sirriitti beekuu dandeessa? 1 Yohannis 5:11-13: ilaali, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyo hin qabne, jireenyicha hin qabaatu.” Inni ilimicha qabu eenyuudha? Inni jarreen isatti amananiif isa simataniidha (Yohannis 1:12). Ati Yesusiin qabaannaan, ati jireenya qabda, jjireenya yeroodhaafii miti garuu jireenya bara baraati.

Waaqayyo fayyina keenyaaf akka mamii hin qabaanne barbaada. Jireenya kiristaanummaa keenyatti dhugaatti fayyuu keenyaa fi fayyuu dhiisuu keenya mamaa fi yaaddaa jiraachuu hin dandeenyu. Inni kanaaf Macaafni qulqulluun karoora fayyinaa baay’ee ifaa taasisuuf. Yesus Kirstositti amani atis ni fayyitaa (Yohannis 3:16; Hojii Ergamootaa 16:31). Yesus fayyisaa akka ta’e ni amantaa, Inni gatii cubbuu keetii kaffaluudhaaf akka du’e (Roomaa 5:8; 2 Qorontoos 5:21)? Fayyinaaf isa qofaa amanachaa jirtaa? Deebiin kee eeyyeen, yoo ta’e ati fayyiteetta! Waabdii jechuun, “shakkii gararraa ta’uudha.” Sagalee Waaqayyoo gara keessa keetti fudhachuudhaan, ati “shakkii hundumaadhaan gararraa ta’uu dandeessa dhugaa fi dhugoomuu fayyina kee bara baraa.”

Yesus mataan isaa warra isatti amanan ilaalchisee isa kana mirkaneesseera: “Ani jireenya bara baraa isiniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo inni anatti isaan kenne hundumaa irra guddaadha; humtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda’u” (Yohannis 10:28-29). Jireenyi bara baraa- kan bara baraati. Umtinuu, ati illee mataan kee, kennaa fayyina Waaqayyoo- kenne Kirstosiinsirraa fudhachuu kan danda’u hin jiru.

Sagalee Waaqayyoo garaa keenya keessa dhokfanna isa irrattis cubbuu hin hojjennu (Faarsaa 119:11), inni kun cubbuu shakkii illee dabalata. Sagaleen Waaqayyo kan siin jechaa jirutti gammadi, shakkuu manna boqqoonnee jiraachuu dandeenya! Fayyinni keenya gaaffii keessa akka hin galletti sagalee Kirstos mataa isaa irraa waabdii qabaachuu dandeenya. Waabdiin keenya kan inni irratti hundaa’e jaalala Waaqayyoo karaaa Yesus Kirstos nuuf qabu irratti.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Fayyina kootiif akkamiinan waabdii qabaachuu danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries