settings icon
share icon
Gaaffii

Walqunnamtii saalaa gaa'ela dura Macaafni Qulqulluun maal jedha?

Deebii


Macaafa Qulqulluu keessaa walqunnamtii saalaa gaa'ela duratiif kan itti gargaaramame jechi Ibrootaa yookiin Griikii hin jiru. Macaafni Qulqulluun ejja fi walqunnamtii saalaa karaa sirrii hin taane ifatti morma, garuu walqunnamtii saalaa gaa'ela dura akka ejjaatti fudhatamaa? Akka 1 Qorontoos 7:2 tti, 'eeyyeen' deebii ifa ta'eedha. 'Qorama ejjaa ooluudhaaf dhiirrii adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abba manaa ofii isheetii haa qabaattu.' Waraabbii kana keessatti, gaa'elli waliquunnamtii seeraan ala ta'eef akka 'falaatti' kaa'a. 1 Qorontoos 7:2 kan inni jechaa jiru, namoonni of qabuu waan hin dandeenyeedhaaf baay'een isaanii gaa'eelaan ala kan ta'e walqunnamtii saalaa taasisu, namoonni walfuudhuu qabu. Achumaanis fedhii isaanii karaa sirrii ta'een guuttachuu danda'u.

Erga 1 Qorontoos 7:2 walqunnamtii saalaa gaa'elaan duraa ifatti akka hiikaa ejjaatti kaa'ee, waraabbiileen Macaafa Qulqulluu walqunnamtii saalaa gaa'elaan alaa akka cubbuutti erga morman, walqunnamtii saalaa gaa'elaan duraas cubbuu akka ta'etti faradama. Walqunnamtii saalaa gaa'elaan duraa akka hiikaa Macaafa Qulqulluutti akka ejjaatti fudhatama. Walqunnamtii saalaa gaa'elaan duraa cubbuu akka ta'e kan dubbatan waraabbiilee Macaafa Qulqulluu heedduutu jiru (Hojii Ergamootaa 15:20; 1 Qorontoos 5:1; 6:13, 18; 10:8; 2 Qorontoos 12:21; Galaatiyaa 5:19; Efesoons 5:3; Qolaasaayis 3:5; 1 Teseloonqee 4:3; Yihudaa 7). Macaafni Qulqulluun gaa'eelaan dura of qabuun akka jiraatu dubbata. Walqunnamtii saalaa abbaa manaa fi haadha manaa gidduuttii taasifamu walqunnamtii saalaa tokkicha isa Waaqayyoo mirkaneesseedha (Ibroota 13:4).

Harka caalaa nuyi ala baay'ee 'bashananna' walqunnamtii saalaa duwwaa irratti xiyyeeffanna gara kan biraa akka akka qabu utuu hin beekiin- walhormoota. Walqunnamtii saalaa gaa'eela gidduu gammachiisaadha, Waaqayyoo haala sanatti isa taasiseera. Waaqayyo dhiirrii fi dubartiin gaa'eela keessatti daangeeffamuudhaan hojii walqunnamtii saalaatiin akka gammadan barbaada. Weedduun weeddootaa fi keeyyattoonni Macaafa Qulqulluu heedduun kan akka (Macaafa Fakkeenyaa 5:19) gammachuu walqunnamtii saalaa ifatti agarsiisu. Haa ta'u malee, lamaan isaanii yaada Waaqayyo walqunnamtii saalaatiif qabu hubachuu qabu ijoollee godhachuu dabalatee. Kanaaf, dhiirrii fi dubartiin gaa'eelaan dura walqunnamtii saalaa raawwachuun cubbuu dachaa lama ta'a- gammachuu jaraaf hin hayyamamne argachaa jiru, caasaa maatii isa Waaqayyo ijoollee hundumaadhaaf yaadeen alatti jireenya nama uumaa jiru.

Waanti qabatamaa mul'atu dogoggora sirrii kan hin taane irraa waan adda hinbaasneedhaaf, utuu ergaan kan Macaafa Qulqulluu ta'e walqunnamtii saalaa gaa'eelaan duraatiif abboomamuun ta'e, dhukkubni karaa walqunnamtii saalaa darban kan xiqqatan ture, wal hiikuunis ni xiqqata ture, kan utuu hin eerumin hafan ni xiqqatu fedhiin ala ulfaa'uunis ni xiqqata ture, ijoolleen jireenya isaanii keessatti maatiin ala guddatan lakkoofsaan ni yaratu ture. Yeroo walqunnamtii saalaa gaa'eelaan duraatti dhufamu of qabuun qajeelfama Waaqayyoo isa tokkicha. Of qabuun jireenya fayyisa, daa'imman eega, walqunnamtii saalaa gatii sirrii qabu kenna, akkasumas, bay'ee kan barbaachisu, Waaqayyoon kabaja.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Walqunnamtii saalaa gaa'ela dura Macaafni Qulqulluun maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries