settings icon
share icon
Gaaffii

Akkaateen barumsa afuuraa maalii dhaa?

Deebii


“Akkaatee” kan inni argisiisu tokko adeemsa seeraa keessa dubbi jiruu dha. Kanaaf akkaateen barumsa afuuraa, gara seera ramaddii barumsa afuuraa ta’uu, naannoo adda addaa tarreessa. Fakkeenyaaf Macafoonni macaafa qulqulluu baay’een waa’ee ergamootaa odeefannoo ni kennu. Eenyuun isaanii iyyuu macaafni tokko waa’ee ergamaa odeefannoo hundumaa hin kennu. Akkaateen barumsa afuuraa waa’ee ergamootaa odeefannoo mara macaafa qulqulluu hundaa irraa fudhateetu gara barumsa afuuraa kan jedhamuutti walitti qaba. Akkaatee barumsa afuuraa jechuun isa kanadha__barumsawwan macaafa qulqulluu gara ramaddii seeraatti ijaaruu.

Barumsa afuuraa guutuu yookaan Paaterolojii waa’ee Waaqayyo abbaa kan qoratuu dha. Kiristoolojiin waa’ee Waaqayyo ilmaa kan qoratuu dha, Kan gooftaa Yesuus Kristoos. Fenuumatolojiin waa’ee afuraa qulqulluu kan qoratuu dha. Bayibilolojiin waa’ee macaafa qulqulluu kan qoratuu dha. Sootiri’oloojiin waa’ee fayyummaa kan qoratuu dha. Ikileshiyoloojiin waa’ee waldaa kiristaanaa kan qoratuu dha. Iskaatoloojiin waa’ee bara dhumaa kan qoratuu dha. Enjilolojii waa’ee ergamootaa kan qoratuu dha. Afuurri hamaan kiristaanaa waa’ee afuura hamaa kan qoratuu dha, akka ilaalcha kiristaanaati. Antiroopolojiin waa’ee namummaa kiristaanaa kan qoratuu dha, akka ilaalcha kiristaanaati. Hamartiyolojiin waa’ee cubbuu kan qoratu dha. Akkaateen barumsa afuura meeshaa faayida qabeessa, macaafa qulqulluu bifa qindaa’een hubachuu fi barsiisuuf kan nu gargaaru.

Akkaatee barumsa afuuraa irratti dabalataan, barumsii afuuraa karaa inni qoqodamuu karoonni kan biroon jiru. Barumsai afuuraa macaafa qulqulluu macaafa qulqulluu murtaa’ee irraa (yookaan macaafa) qayyabachuu fi kan inni irratti xiyaafatu kallattii barumsa afuuraan cimini itti kennuu dha. Fakkeenyaaf, wangeela Yohaannis baay’ee kiristoolojii kan ta’e dha, Waaqummaa Yesuus irratti xiyaafachuu isaa irraa kan ka’e (Yohaannis 1:1, 14, 8:58, 10:30, 20:28). Seenaan barumsa afuuraa kan doktorinootaa fi isaanis waldaa kiristaanaa kiristaanaa barootaaf akkamitti guddifachaa akka dhufan kan qayyabatuu dha. Dhiphummaa barumsa afuuraa garee kiristaanoota murtaa’aani irratti, akkaatee doktirinii kan qaban doktirinii qayyabachuu dha fakkeenyaaf barumsa afuuraa Kaalvinummaa fi bilisa kan ta’e barumsa Waqayyummaa. Barumsi afuuraa kan ammayyaa guddachaa kan dhufe yookaan yeroo dhi’ootti xiyaafannoo kan argate qayyabannaa doktiriniiti. Kan akkami iyyuu tooftaan barumsa afuuraa yoo dhufes, waanti faayida qabeessi barumsa afuuraa qayyabachuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akkaateen barumsa afuuraa maalii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries