settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni Qulqulluun waa’ee cubbuu tumaa yookiin niqqisee maal jedhaa?

Deebii


Seerri Kakuu Moofaa Israa’eelota abboomeera akkas jechuudhaan, “Ani Waaqayyoodha, warra du’aniif jettannii dhagna keessan hin murmurinaa barreessaadhaafis milikkita tokko illee of irratti hin godhatina.” (Seera Lewwota 19:28) Kanaaf, Kiristaanonni har’a seera Kakuu Moofaa jala jiraachuu dhabaatanis (Roomaa 10:4; Galaatiyaa 3:23-25; Epheesoon 2:15), dhugaan jiru, tumaa irratti abboommiin akka jiru gaaffiilee ta’an kaasuu danda’a. Kakuu haaraan amantoonni dhagna isaanii irratti tumaa akka godhatan yookiin akka hin qabaanne waan tokko iyyuu hin jedhu.

Dhagna ofii tumuu fi niqisee wajjin wal qabatee, kan ittiin qorree ilaallu inni gaariin tarii nuyi amanamummaan, sammuu gaariidhaan, waanta raawwannu hundumaa akka inni kaayyoo isaatiif itti gargaaramu fi akka isa eebbisu Waaqayyoon gaafachuu dandeenya “egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiin waanuma hojjettan hundumaa hulfina Waaqayyoof hojjedhaa” (1 Qorontoos 10:31). Kakuu Haaraan tumaa yookiin niqqisee ilaalchisee abboommii ittiin dhowwe hin qabu, garuu inni dabalees Waaqayyo akka dhagna keenya irratti tumaa qabaannu akka amannuudhaaf sababa umaa nuuf hin kennu.

Qajeelfamni kan caaffata qulqullaa’oo kan ta’e barbaachisaan dhimma kana ilaalchisee kan macaafni Qulqulluun hin dubbanne , yoo inni Waaqayyoon kan gammachiisu akka hin taanee shakkiin jiraate, hojii akkasii irratti hirmaachuu dhiisuun gaariidha. Roomaan 14:23 waanti amntii irraa hin taane kam iyyuu cubbuu akka ta’e nu yaadachiisa. Dhagni keenya, lubbuun keenya akka fayyee fi kan Waaqayyoo akka ta’e yaadachuun barbaachisaadha. Ta’us, 1 Qorontoos 6:19-20 kallattiidhaan tumaa yookiin mallattoo dhagan irratti taasifamuf hojii irra hin oolu, inni qajeelfama nuuf hin kennu. “Dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isa isin keessa jiru akka ta’e hin beektanii ree? Hafuura kana Waaqayyo biraa argattan mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii ; isin kan ofii keessanii miti. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutumma dhagna keessaniin waan inni itti galateeffamu hojjedhaa.” Dhugaan guddaan kun dhagna keenyaan waanta hojjennu fi eesssa akka deemnu wajjin waanta wal qabatu isa dhugaa qabaachuu qaba. Dhagni keenya kan Waaqayyoo taanaan, utuu dhagna keenya irratti tumaa yookiin “mallattoo” utuu hin godhiin dursinee “hayyama” isaa isa ifa ta’e qabaachuu keenyaa mirkaneeffachuu qabna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni Qulqulluun waa’ee cubbuu tumaa yookiin niqqisee maal jedhaa?
© Copyright Got Questions Ministries