settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni Qulqulluun waa’ee wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu maal jedhaa?

Deebii


Macaafni Qulquluun irra deddeebi’uudhaan wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu cubbuu akka ta’e nutti hima (Seera Uumamaa 19:1-13; Seera Leewotaa 18:22; Roomaa 1:26-27; 1 Qorontoos 6:9). Roomaa 1:26-27 wal-qunnamtiin saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu bu’aa ganuutii fi Waaqayyoof ajajamuu diduu akka ta’e jabeessee ni barsiisa. Namoonni amanuu dhiisuudhaa fi cubbuudhaan yeroo itti fufan, Waaqayyoon malee jireenyi abdii kan hin qabnee fi bu’aa kan hin qabne ta’uu isaa jara agarsiisuudhaaf akka cubbuu gadhee fi hamaa hojjetan illee “caalchisee isaanii kenna”. 1 Qorontoos 6:9 namoonni walqunnamtii saalaa seeraan alaa hojjetann akka mootummaa Waaqayyoo h in seenne dubbata.

Waaqayyo nama akka wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu hawwuudhaaf isa hin uumne. Macaafni Qulqulluun namoonni sababa cubbuu irraa kan ka’e wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu akka hojjetan akka ta’an nutti hima (Roomaa 1:24-27) xumura irratti sababa filannoo mataa isaanii. Namni tokko wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuuf kan dafee qalbiin isaa booji’amu ta’ee dhalachuu danda’a, akkuma namooni tokko jeequmsaaf yookiin fedhii cubbuu gara birraa dhalatan. Yoo namni tokko aarii/dheekkamsaf kan dafee qalbiin isaa booji’amu ta’ee dhalate, inni sun akka inni gara fedhii sanaatti ofii isaa kennu sirrii taasiisuu danda’aa? Dhugumaan miti. Wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuufis dhugaan isaa akkuma kana.

Haa ta’u malee, Macaafni Qulqulluun wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu cubbuu kanneen biroo irraa akka “guddaatti” isa hin ibsu. Cubbuun hundinuu Waaqayyoon kan gammachiisu miti. wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu waantota 1Qorontoos 6:9-10 keessatti tarreeffaman keessaa isa tokko dha inni nama tokko Mootummaa Waaqayyoo irraa isa ittisuu danda’a. Akkaata Macaafa Qulqulluutti, araarri Waaqayyoo akkuma cubbuu kan akka waaqolii tolfamuu waaqessuu, ejjaa, ajjeechaa, hannaa fi kan kana fakkaataniif akka argamu wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuufis qophaa’aa dha. Waaqayyo dabalees warra Yesus Kiristoos akka fayyisaa dhuunfaa isaaniitti amananiif cubbuu irratti moo’icha akka kennu waadaa galeera, wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuus dabalatee (1 Qorontoos 6:11; 2 Qorontoos 5:17; Filiiphiisiyuus 4:13).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni Qulqulluun waa’ee wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu maal jedhaa? Wal-qunnamtii saala gosa tokkicha gidduutti taasifamuu cubbuudhaa?
© Copyright Got Questions Ministries