Hiiki jireenyaa maalii?



Gaaffii: Hiiki jireenyaa maalii?

Deebii:
Hiiki jireenyaa maalii? Jireenya koo keessatti kaayyoon, boqonnaan,milkaa’uummaan akkamiin argamuu danda’aa? Hijii itti fufeenya qabu rawwachuudhaaf dandeettii nan argadha laataa? Namoonni heedduun waa’ee dhimma kanaa gaaffii kaasuun jaraa hin oolu. Jireenya isaanii keessatti rawwachuuf kan yaadan yoo raawwatanis waggoottan booda irraa deebi’anii walitti dhufeenyi jarri namootaa wajjin qaban akkamiin akka bade akkasumas duwwummaan maaliif akka jaratti dhaga’amu utuu jara hin dinqin hin oolu. Atileetiin tokko beekumtummaa guddaa erga argatee booda tapha yeroo jalqabu namoonni maal jedhaanii yoo itti dubbatan ni barbaada yoo ta’ee yeroo isa gaafatan “bakka guddaa erga ga’amee booda umtuu akka hin jirree utuu natty himanii nan fiadhan turee” jechuun gaabbiin dubbateera.

Milkaa’uun heedduun duwwaa ta’uun isaanii kan mirkaneeffammu isaan raawwachuudhaaf waggoonni heedduun erga darbanii booda. Akkaataa adaa namummaa keenyaatiin namoonni hiika akka argatan yaadu. Namoonni heedduun kaayyoo heedduu gaggeessu kaayyoo jireenyaa kana keessa daldalaan milkaa’uu, qabeenyaa, waltti dhufeenya gaarii, walqunnamtii saalaa, bashannanaa fi namoota hedduudhaaf waan gaarii hojjechuu haammata. Namoonni yeroo dhugaa ba’an akka hubatametti qabeenya horachuun walitti dhufeenya gaarii hundeessuudhaaf gammachuu argachuun kaayyoo isaaniin milkaawanis namni kami iyyuu guutuun kan hindandeeny bakki duwwaan akka isaanitti dhaga’amu dubbataniiru.

Barreessaan macaafa Lallabaa yaada kana ibisuudhaaf “waanti hundinuu kan waa’ee hin baafneedha waa’ee hin baasu dhugumaan waa’ee hin baasu jedha!”(Lallaba 1:2) barreessaan macaafa Lallabaa kan ta’e Solomoon qabeenyaa heedduu bara isaa fi bara keenya kan ture namakamiinuu kan caalu ogummaa dhibbeentaa heedduun kan lakka’aman dubartoota heeddu, mana mootummaa mootummoonni itti hinaafan fi bakka ashaakiltii, nyaata ba’eessa ta’e daadhii wayinii fi bakka bashanannaa fi bakka gammachuu qaba ture. Inni yeroo tokko ala dubbatu inni waan barbaade hundumaa akka duukaa bu’aa ture dubbata. waanta garaan isaa barbaade ni hordofa ture. ija isaatiin kan ilaalu kan itti gammadaa tures “aduu gad jellaatti waanti kam iyyuu waa’ee hin baasu” jechuun tuffataa ture. duwwaa ta’uun kun maaliif mudatee? Sababni isaas Waaqayyo kan nu uume kan isa kanaa fi ammaa kan shaakalluun garaarraa kan jiruudhaaf. Solomoon waa’ee Waaqayyoo yeroo dubbatu, “hawwii waanta yeroo dheeraa waanta bara dheeraa ta’u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa’eera” (Lallaba 3:11) hundumti keenya garaa keenyatti akkuma beeknu waanti jiru “asii fi amma” waan jiru duwwaa akka hin taane ni hubanna.

Seera Uumamaa Macaafa Qulqulluu keessaa macaafa jalqabaa keessatti Waaqayyo nama akka bifaa fi fakkeenya isaatiitti akka uume ni dubbifanna (Seera Uumamaa 1:26). Nuyi uumama keenyaan (uumama kan biraa) irraa karaa adda ta’een Waaqayyoon fakkannee uumamne. Kanatti dabalatee kan argannu ilmi namaa cubbuutti kufee abarsi cubbuu biyya lafaa irratti dhufuu isaan dura waantonni kanatti aananii jiran dhugaadha. 1) Waaqayya nama uumama hawaasa godhee uume (Seera Uumamaa 2:18-25); 2) Waaqayyo ilma namaatiif hojii kenneef, (Seera Uumamaa 2:15); 3) Waaqayyo namaa wajjin tokkummaa qaba ture (Seera Uumamaa 3:8); fi 4) namni lafa akka bitu aboo kenneef (Seera Uumamaa 1:26) waa’ee barbaachisummaa waantota kanaa maalii? Kunneen hundinuu jireenya keenyaaf boqonnaa akka argamsiisaniidhaaf Waaqayyo karoorsee kan ture, garuu kunneen hundinuu keessumattu (tokkummaan namni Waaqayyoo wajjin qabu geeddarameera) sababni isaas ilmi namaa cubbuutti erga kufee booda abarsi biyya lafaa irratti hojii irra ooluu isaa irraan kan ka’eedha (Seera Uumamaa 3).

Macaafa xumura Macaafa Qulqulluu kan tae mullata Yohaannis irratti Waaqayyo waan tokko kaa’eera. Amma kan jiran laftii fi samii dabarsee waaqa haaraa fi lafa haaraa uuma. Yeroo sana nama fayyee wajjin walitti dhufeenya guutuu taasisa. Kan hin fayyine irratti ni farada. Kan waa’ee hin baafne taasisee gara ibidda bara baraatti darbata (Mullata Yohaannis 20:11-15). Abarsi cubbuu ni barbadaa’a. sanaan booda cubbuuna, gaddi, dhukkubni, duutii fi rakkinni lammee hin jiraatu (Mullata Yohaannis 21:4). Waaqayyo jaraa wajjin jiraata, jarris ijoollee isaa ta’u (Mullata Yohaannis 21:7).

Amma naannofnee itti dhufne. Waaqayyo isaa wajjin tokkumaa akka taasifnu nu uume. Dhalli namaa cubbuu hojjechuu isaa irraa kan ka’e walitti dhufeenyi isaa akka addaan citu taasiise. Waaqayyo kan filatee wajjin walitti dhufeenya isaa haaressuun mana isa waaqa irraa keessa isaa wajjin akka jirraatan taasisa. Jireenya ofii keessatt waantota heedduun milkaa’anii jireenya ofii bara baraan waqayyotti addaan ba’uun kufaatii hundumaa irraa kan hammaatedha. Garuu Waaqayyo gammachuun bara baraa dhugaa waaqa irratti qofaa hin taasifne (Luuqaas 23:43), garuujireenyi lafa irraa kan nama gammachiisu akka ta’uu haala mijeesseera. Gammachuun lafa irraa “Jannati lafa irratti” akkamiin argamaa?

Hiikni jireenyaa karaa Kiristoos deebi’ee haaromfame.

Amma biyya lafaa irrattii fi jireenya isa itti aanuuf hiikni kan argamu walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qabnu deenbi’ee yeroo haaromfamuudha. Walitti dhufeenyi Addaamii fi Hewaan Waaqayyoo wajjin kufaatii irraa kan ka’e addaan citee ture. har’a garuu walitti dhufeenyi kun haaromfameera (Hojii Ergamootaa 4:12; Yohaannis 1:12; 14:6). Jireenyi bara baraa kan argamu nuyi cubbuu keenytti gaabbinee yeroo deebinuu (hojii cubbuutti itti fufuu dhiisuufi kiristoos geeddaree nama haaraa akka nuu taasisu yeroo barbaadnuudha) kanaaf Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaatti fudhannee yeroo isa irratti hirkannuudha.

Jireenyaa hiiki dhugaan kan argamu Yesusiin akka fayyisaa dhuunfaatti fudhachuu duwwaan kan argamu miti (kun mataan isaa dinqii ta’us) keessattuu hiiki jireenyaa innni dhugaan kan argamu namni tokko akka duuka buutuutti yeroo isa hordofuu fi isa irraa barachuun sagalee isaa kan ta’e Macaafa Qulquluu wajjin yeroo ala dabarsuu fi dabalataan kadhannaan tokkummaa yeroo qabaatuu fi abboommii isaa ulfeessuun adeemsa isaa isaa wajjin yeroo taasisuudha. Tarii ati kan hin amannee yoo taate (Yookiin tarii amanataa haaraa yoo taate) “baay’ee kan nama dharraasisu yookiin waantichi anaaf quufsaa miti” jechuu dandeessa. Garuu maaloo dubbisa kee yeroo gabaabaadhaaf itti fufi. Yesus yaada kanatti aananii jiran kaaseera “ Yesus itti fufe isin warri itti dhaaatanii dadhabdan ba’aanis kan isinitti uulfaatu hundinuu gara koo kottaa ani boqonnaa isiniifan kennaa. Waanjoon koo fuudhaatii baadhaa ana irraas bara anoo garramii dha kan gad ofdeebises boqonnaa lubbuu keessaniitiif ni argattu”(Matthew 11:28-30). “Ani jireenya haa qabaataniif irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera” (Yohaannis 10:10b). “Ergasii Yesus bartoota isaatiin namnii tokko illee ana duukaa bu’uu yoo barbaade waa’ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa’aatee ana duukaas haa bu’u. namni jireenyaa isa oolfachuuf yoo barbaade jireenyi isaa duraa ni fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa ni argata” (Maatewoos 16:24-25). “Waaqayyootti gammachuu qabaadhu inni immoo kadhata garaa kee siif ni kenna” (Faarsaa 37:4).

Waraabbiileen kun hunduu kan ibsan filannoon akka jiruudha. Jireenya mataa keenyaa geggeessuu dandeenya bu’aan isaa garuu jireenya waa’ee hin baasnedha. Yookiin garaa guutuudhaan Waaqayyoon duukaa bu’uudhaan jireenya keenyaaf karoora inni qabu barbaachuudhaaf boqonnaa fi milkaa’ina argachuudha. Kunis kan t’au uumaan keenya waan nujaallatuu fi waanta gaarii hundumaa nuuf waan hawwuudhaaf (jireenya salphaa ta’uu dhiisuu danda’a garuu kan nama gammachiisuudha)

Jireenyi kiristaanummaa kan inni fakkeeffamu fakkeenyaaf tapha kuphaa isa beekamaa ilaaluudhaaf gara staadiyemii yoo deemte gatii xinnoo waan kaffalteedhaaf bakka fagoo teessa horii gaarii yoo kaffalte garuu akka “itti dhiyaattee irra ta’uun” ilaaltuudhaaf taa’uumsa iddoo gaarii argatta. Jireenya kiristaanummaattis akkasuma. Garuu kan nama gaddisiisu amoonni heedduun iddoo fagoo taa’uu filatu. Hojii Waaqayyoo isa jalqabaa kan ilaalaan duuka buutota isaa warra waan hundumaa dhiisanii karoora Waaqayyoo duukaa bu’aniidha. Gatii baasaniiru (Kiristoosii fi fedhii isaatiif mataa isaanii guutummaa guutuutti kennaniiru). Jireenya gaariitti minyeeffachuun garararraa gaabbii tokko malee uumaa isaanii duratti dhiyaachuu danda’u. ati mataan kee gatii sana kaffalteettaa? Yoo kana ta’e atti hiikaa yookiin kaayyoo jireenyaatiif kanaan booda beeluu hin qabdu.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Hiiki jireenyaa maalii?