settings icon
share icon
Gaaffii

Kristaanaaf, kristaanaa kan hin taanee hiriyaa gaa’ilaa qabachuun yookaan fuudhuun sirrii dhaa?

Deebii


Kristaanaaf, kristaana kan hin taanee hiriyaa gaa’ilaa qabachuun gamnummaa miti, akkuma kana fuudhuun fillannoo miti. 2Qor. 6:14 “ kan nu hin fakkaaneetti akka hin hidhamne kan hin amanne wajjin fakkeenyi isaa kan wal hin gitne sangoota lama waanjoo wal fakkaatuun baachuu dha. Ba’icha wali wajjin osoo harkisanii hojjechuu caalaa wali walii isaanii wal falleessuun hojjetu. Dubbifamni kun kallattiidhaan adda baasee yoo eeruu baatees, inni dhugumatti tokkummaa gaa’ilaa qaba. Tokkummaa hafuuraa kam iyyuu gaa’ila keessatti kristaanaa fi kristaanaa kan hin taane giddutti hin jiraatu, Phaawulos itti fufa amantoota yaadachisuu isaa iddoo bulti hafuura qulqulluu ta’uu isaanii lapheen isaanii iddoo bultii fayyonaa kan ta’e (1Qor. 6:15-17). Sababa sanaatiif biyya lafaa keessa akka adda ba’aniidha, ha ta’uu malee biyya irraa akka hin taane kanaaf faayidaa kan qabu iddoo kamitti iyyuu hin argamu, jireenyaan baay’ee walitti dhufeenya dhi’aate irraa kan hafe –ga’ila irraa.

Kitaabni qulqulluun ni jedhaa “hin dogogorinaa: ‘hiriyaa hamaan amala gaarii mancaasaa (1Qor. 15:33). Warra hin amanne wajjin haala kamiin iyyuu walitti dhufeenta dhi’oo gochuun Kristoosi wajjin tarkaanfii qabdan gara harkisuutti ariitiidhaan jijjiruu danda’a. kan waamamneef warra badaniif wangeela lallabuudhaaf malee isaani wajjin hiriyaa dhi’oo akka taanuuf miti. Warra hin amanne wajjin firooma wayyu uumuun muda tokko iyyuu hin qabu, ha ta’u malee sun yeroodhaan kan jijjiramuu dha. Nama hin amanne wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabdee yoo ta’e, qajeelummaadhaan dursuu kan qabu, jaalala gochuudha, yookaas lubbuu Kristoosiif moosiisuudhaa? Kan hin amannee wajjin gaa’ila yoo raawatee, oolmaa keessan akkam gootanii gaa’ila keessan keessatti hiriyummaa hafuuraa ijaaruu dandeessuu? Gaa’illi qulqullina qabuu akkamitti ijaaramuudhaaf gabbachuu danda’a, yuniversii irra kan jiru wanta guddaa irratti utuu wali hin galiin –gooftaa Yesuus Kristoos irratti?

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kristaanaaf, kristaanaa kan hin taanee hiriyaa gaa’ilaa qabachuun yookaan fuudhuun sirrii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries