settings icon
share icon
Gaaffii

Kistaanonni seera kakuu Moofaaf abbuumamuutu isaan irra jiraa?

Deebii


Dhimma kana ubachuudhaaf furtuun isaa Seerri Kakuu Moofa saba Israa’eelotaatiif kenname, kiristaanotaaf miti. Seerrawwan keessa tokko tokko immoo Israa’elotaaf akkamiin akka Waaqayyoof ajajamanii fi gammachiisan agarsiisu ture (fakkeenyaaf abboommi kurnan). Seerawwan keessa tokko tokko immoo akkamiin akka Waaqayyoon waaqessaniif cubbuu isaaniitiif akkamiin dhiifama akka argatan agarsiisu (akkaataa aarsaa itti dhiyeessan). Seerrawwan keessaa kaan immoo Israa’eelonni akkamiin akka saba kanneen biro irraa akka adda ba’an irratti kan xiyyeeffannaa taasisaniidha (akkataa uffannaa fi nyaataa). Seerawwan kana keessaa kamiin isaanii iyyuu har’a akka raawwannuuf dirqama nutti hin ta’u. Yesus yeroo fannoo irratti du’e, inni seera Kakuu moofaaf raawwii taasiseera (Roomaa 10:4; Galaatiyaa 3:23-25; Epheeson 2:15).

Bakka seera Kakuu Moofaatti, nuyi seera Kiristoos jala jirra (Galaatiyaa 6:2), jaalala isa ta’e. “ Yommus Yesuus deebisee Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a. abboommiin hudumaa irra caalu inni duraa isa kana….nama akka mataa keetiitti jallachuutu siif ta’a” (Maatewoos 22:37-39). Yoo nuyi abbaaoommi kana lamaan raawwanne, kan Kiristoos nurraa barbaadu hundumaa raawwanneerra jechuudha. “ seerrii fi barsi raajotaa hunduu abboommii kana lamaan irra dhaabbatanii jiru”(Maatewoos 22:40). Amma, sun jechuun seerri Kakuu Moofaa har’a wajjin waan walqabatu hin qabu jechuu miti. Seeronni Kakuu Moofaa heedduun isaanii har’a ramaddii “ Waaqayyoon jaalladhu” fi “Ollaa kee jaala’adhu” jala gala. Seeronni Kakuu Moofaa Waaqayyoon akkamiin akka jaallatan beekuudhaa fi Waaqayyoon jaallachuunis garamitti akka namageessuuf qajeelcha gaarii ta’uu danda’a. Aluma tokkichatti, seeronni Kakuu Moofaa kiristaanota har’a jiran irratti hojii irra oola jechuun sirrii miti. Seerri Kakuu Moofaa kutaa mataa isaa danda’e tokkicha (Yaaqoob 2:10). Hondumti isaa hojii irra oola yookiin hammi ta’e hojii irra oola. Kiristoos muraasa yoo hojii irrra oolche, fakkeenyaaf sirna aarsaa, inni hunduma isaa raawwateera.

“Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eegguudha” (1 Yohaannis 5:3). Abboommiin kurnan gaariitti goollabbii seerawwan Kakuu Moofaa hundumaa turan. Kurnan keessa sagal Kakuu Haaraa keessatti irra deddeebi’amaniiru (abboommi hundumaa isa guyyaa Sanbataa kabajuu abboomuttii hafe). Ifatti, yoo nuyi Waaqayyoon jaallanne, nuyi waaqolii sobaa hin waaqeffannu yookiin waaqaolii namni tolche duratti hin jilbeenfannu. Yoo olloota keenya jaallanne, jara hin ajjeefnu, jara irratti hin sobnu, jara irratti hin ejjinu, yookiin qabeenyaa jaraa hin hawwinu. Kaayyoon seerawwan Kakuu Moofaa seera eeguu akka hin dandeenye namootatti faraduudhaan akka gara Yesus Kiristoos fayyisaan nu barbaachisu nutti agarsiisuudhaaf (Roomaa 7:7-9; Galaatiyaa 3:24). Waaqayyo seerri Kakuu Moofaa seera gamtaa yookiin namoota hundumaaf kan ta’u akka ta’u hin yaadne. Waaqayyoo fi olloota keenya jaallachuutu nurra jira. Yoo abboommota kana lamaan amanamummaan abboomamne, waan Waaqayyo nurraa barbaadu hundumaa ni eegna jechuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kistaanonni seera kakuu Moofaaf abbuumamuutu isaan irra jiraa?
© Copyright Got Questions Ministries