settings icon
share icon
Gaaffii

Afaan hin beekamneen kadhachuu maali? Afaan hin beekamneen kadhachuun afaan kadhataa amanaa fi Waaqayyo gidduutii?

Deebii


Akka bu’uuraatti, adaraa barruu waa’ee kennaa afaan hin beekamneen dubbachuu irratti barreefame dubbisaa. Keyyattoota afurtu Macaafa Qulqulluu keessaa akka ragaatti waa’ee afaan hin beekamneen dubbachuuf caqasame: Roomaa 8:26; 1 Qoronxoos 14:4-17; Efesoon 6:18; fi Yihuudaa lakkoofsa 20. Efesoon 6:18 fi Yihuudaa 20 “hafuuraan geggeefamanii kadhachuu” ibsu. Garuu, afaan hin beekamne akka afaan kadhataatti hiikaa “hafuuraan geggeeffamanii kadhachuu” kan ta’u miti.

Roomaa 8:26 akka nu barsiisutti, “Hafuurichi immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul’isuu hin dandeenyeen nuuf kadhata.” Roomaan 8:26 afaan hin beekamne afaaan kadhataa ta’uu dhiisuu isaa kan ibsu qabxiilee ijoo lama kaa’a. Inni jalqaba, Roomaa 8:26 kan ibsu kan “aadu” hafuuricha, malee amanaa miti. Lammaffaan, Roomaa 8:26 kan ibsu “aaduun” hafuurichaa kan “dubbiidhaan mul’isuun akka hin danda’amne” dha. Afaan hin beekamneen dubbachuun bu’urummarraa jechoota afaanii baasanii haasa’uudha.

Kun egaa 1 Qoronxoos 14:4-17 keessumattuu lakkoofsa 14: “Ani afaan hin beekamneen yoon kadhadhe, hafuurri koo in kadhata, qalbiin koo garuu isa duukkaa hin kadhatu” isa jedhutti nu geessa. Qoronxoos Tokkoffaa 14:14 “Afaan hin beekamneen kadhachuu” keessaa baasee caqasa. Kana jechuun maal jechuudha? Jalqaba irratti, haala caaffatichi keessatti barreeffame (context) isaa qorachuun haalaan barbaachisaa dha. Qoronxoos Tokkoffaa boqonnaan 14 adda durummaan wal-fakkeenya/gara-garummaa kennaa afaan hin beekamneen dubbachuu fi kennaa raajummaa kan wal madaalchisu dha. Lakkoofsi 2-5 kessatti Phaawuloos akka ilaalutti kennaan raajummaa kennaa afaan hin beekamneen dubbachuu caaluu isaati. Yeroodhuma wal fakkaataatti, Phaawulos barbaachisummaa afaan hin beekamnee ibsee namoota hunda caalaatti afaan hin beekamneen dubbachuu isaatti gammadaa akka ta’e dubbata (lakkoofsa 18).

Hojiin Ergamootaa boqonnaan 2 taatee kennaa afaan hin beekamnee yeroo jalqabaatiif ta’e ibsa. Guyyaa Pheenxeqosxee irratti, ergamootni afaan hin beekamneen dubbatani. Hojiin Ergamootaa 2 kan ibsu ergamootni akka afaan namootaatiin dubbachaa turanidha (Hojii Ergamootaa 2:6-8). Jechi afaan Ingiliffaa tang (“tongues”) jedhutti Hojii Ergamootaa boqonnaa 2 fi 1 Qoronxoos boqonnaa 14 keessatti hiikame giloosaa (“glossa”) jechuudha, inni immoo afaan jechuudha. Jecha kana irraa jechi afaan Ingiliffaa ammayyaa giloosarii (“glossary”) jedhamu argame. Afaan hin beekamneen dubbachuun dandeettii namni tokko afaan ofii isaatii hin beekneen dubbachuuti, innis nama afaan sana beekutti wangeela himuuf kan gargaaru dha. Naannoo Qoronxoos keessatti afaanii fi aadaa baayyeen waan tureef, kennaan afaan haaraatiin dubbachuu baayyee qaalii fi barbaachisaa waan ture fakkaata. Amantootni Qoronxoos sababa keennaa afaan hin beekamnee irraa kan ka’e wangeelaa fi Sagalee Waaqayyoo akka gaariitti walitti himuu danda’aniiru. Haa ta’u malee, Phaawuloos akka ibsetti, afaan hin beekamne yeroo dubbatamutti akka hiikaamuu qabu dha (1 Qoronxoos 14:13, 27). Amanaan Qoronxoos tokko afaan hin beekamneen dubbatee, dhugaa Waaqayyoo nama afaan sana beekutti hima, sana booda amanaadhumti sun yookiin amanaa kan biraan waldicha keessaa waanta dubbatame sana waldaan guutummaan akka hubataniif hiika.

Kanaaf, afaan hin beekamneen kadhachuun maali, afaan hin beekamneen dubbachuu irraa akkamiin adda ta’a? Qoronxoos Tokkoffaa 14:13-17 akka caqasutti afaan hin beekamneen kadhachuunis akka hiikamuu qabudha. Sababa kanaaf, afaan hin beekamneen kadhachuun kadhata Waaqayyo duratti dhiyeeffachuu fakkaata. Kadhatni kun nama afaan sana dubbatu tajaajiluufi, haa ta’u malee, kunis qaamni (dhaqni) sun guutummaatti akka cimuuf hiikamuu qaba.

Hiikkaan kun isa namootni afaan hin beekamne afaan kadhataati jedhan waliin kan wal simu miti. Habannoon addaa kun haala armaan gadiitiin ibsama: afaan hin beekamneen kadhachuun afaan kadhataa dhuunfaa amanaa tokkoo fi Waaqayyo gidduuti (1 Qoronxoos 13:1), kan amanaan sun of cimsuuf itti dhimma ba’u dha (1 Qoronxoos 14:4). Hiikkaan kun sababoota armaan gadiif kan bu’uura Macaafa Qulqulluu hin qabne dha: 1) Afaan hin beekamneen kadhachuun kan hiikamu erga ta’ee akkamitti afaan dhuunfaa ta’uu danda’a (1 Qoronxoos 14:13-17)? 2) Akka caaffanni qulqullaa’aan dubbatutti kennaan Hafuuraa waldaa cimsuuf kan kenname erga ta’ee, afaan hin beekamneen kadhachuu akkamitti of cimsuuf ta’uu danda’a (1 Qoronxoos 12:7)? 3) Kennaan afaan haaraan dubbachuu “warra hin ammanneef milikkita/mallattoo” erga ta’ee, afaan hin beekamneen dubbachuun akkamitti afaan kadhataa dhuunfaa ta’uu danda’a (1 Qoronxoos 14:22)? 4) Macaafni Qulqulluun namootni hundi akka kennaa afaan hin beekamneen dubbachuu hin qabne ibsa (1 Qoronxoos 12:11, 28-30). Amantootni hundi kan hin qabne erga ta’ee, kennaan afaan hin beekamneen dubbachuu akkamitti kennaa of cimsuu ta’uu danda’a? Hundi keenya cimuun nu hin barbaachisumoo?

Namootni tokko tokko afaan hin beekamneen kadhachuun “afaan iccitii” kan Seexxannii fi ergamootni isaa hubachuu hin dandeenyee fi nurratti caalmaa akka hin qabaanneef ittisudha jedhanii hubatu. Hiikkaan kun sababoota armaan gadiitiif kan bu’uura Macaafa Qulqulluu hin qabne dha: 1) Kakuun Haaraan afaan hin beekamne akka afaan dhala namaa ta’e irra deddeebi’ee ibsa, Seexanaa fi ergamootni isaa immoo dandeettii afaan dhala namaa hubachuu akka gaariitti qabu. 2) Akka Macaafni Qulqulluun kaa’etti amantootni lakkoofsa hin qabne afaanuma mataa isaanitiin, sagalee isaanii ol kaasanii, yaaddoo Seexxanni kadhata isaanii jeeqaa utuu hin qabaatin kadhachaa turaniiru. Seexanaa fi ergamootni isaa utuma kadhata keenya dhaga’anii hubataniiyyuu, Waaqayyo akka jaalala Isaatti kadhata keenya akka hin deebisne gochuuf goonkumaa aangoo/humna hin qabani. Waaqayyo akka kadhata keenya dhaga’u in beekna, kanaaf Seexanaa fi ergamootni isaa yoo kadhata keenya dhaga’anii fi hubataniyyuu waanti jijjiiramu hin jiru.

Kanaaf, waa’ee amantoota baayyee muuxannoo (experience) afaan hin beekamneen kadhatanii dhuunfaadhaan of cimsanii qabanii maal jennaree? Jalqaba irratti, nuti amantii fi jireenya keenya kan bu’uuressuu qabnu caaffata qunqullaa’aa irratti, malee muuxannoo irratti miti. Muuxannoo keenya ija caaffata qulqullaa’aatiin ilaaluu qabna, malee caaffata qulqullaa’aa ija muuxannoo keenyaatiin ilaaluu hin qabnu. Inni lammaffaa, warri waaqota tolfamoo waaqessanii fi amantiileen biyya lafaas akka afaan hin beekamneen dubbatanii fi kadhatan ni gabaasu. Namoota hin amanne kanaaf akka Hafuurri Qulqulluun kennaa akksii hin kennine sirriitti beekamaa dha. Kana jechuun, ergamootni Seexanaa kennaa afaan hin beekamneen dubbachuu fakkeessuuf dandeetti qabu jechuudha. Kun immoo, muuxannoo keenya of-eeggannoo guddaadhaan caaffata qulqulla’aa waliin akka wal bira qabnee ilaallu godha. Sadaffaan, qorannaan akka mul’isutti afaan hin beekamneen dubbachuun amaloota baramuu danda’an ta’uu isaati. Namootni kan biraan yeroo afaan hin beekamnee dubbatan dhaga’uu fi hordofuun, namni tokko utuu hin beekin (subconsciously) afaan hin beekamne sana dubbachuu baruu danda’a. Kun Kiristaanonni baayyeen afaan hin beekamneen dubbachuu yookaan kadhachuu isaaniitiin sababa ta’uu danda’a. Afuraffaan, miirri “of cimsuu” waanuma uumamaan jirudha. Qaamni namaa waanta haaraa, gammachiisaa, miira dadammaqsuu, fi/yookaan yaada ofiittii adda nama baasu yoo itti dhaga’amu waantota adireenaaliinii (adrenaline) fi endoorfiinii (endorphins) jedhaman oomisha.

Dhimma afaan hin beekamneen dubbachuu irratti Kiristaannonni haala kabajaa fi jaalala qabuun waliif galuu dhiisuu isaanii irratti waliif galu. Afaan hin beekamneen dubbachuun fayyina namaa kan muteessu miti. Afaan hin beekamneen dubbachuun Kiristaana bilchaataa kan Kiristaana hin bilchaannettii adda baasu miti. Afaan hin beekamne akka afaan kadhataa dhuunfaatti jiraachuun isaa yookaan jiraachuu dhiisuun isaa amantii Kiristaanaatiif waanta bu’uuraa miti. Kanaaf, hiikkaan Macaafa Qulqulluu afaan hin beekamneen kadhachuu yaada isa afaan kadhataa dhuunfaa of-cimsuu jedhuttii kan adda ba’e yoo ta’eyyuu, namootni muuxannoo kana qaban karaa Kiristoos obboloota keenya ta’uu isaanii beeknee jaalalaa fi kabaja maluuf kennuufii qabna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Afaan hin beekamneen kadhachuu maali? Afaan hin beekamneen kadhachuun afaan kadhataa amanaa fi Waaqayyo gidduutii?
© Copyright Got Questions Ministries