Gaaffii
Bishaan badiisaa Nohii bakka tokkootti kan ta’ee yookaan addunyaalessaa?
Deebii
Kutaawwan kitaaba qulqulluu bishaan badiisaa guutuummaa addunyaa maratti akka ture ifatti dubbisiisu. Uma.7:11 akkana jedha “Kunnis bara jireenya Nohi waggaa dhibba ja’affaa, ji’a lamaffaa, ji’icha keessaa guyyaa kudha torbafaatti ture; gaafas burqituwwan callabboo gurguddaa in futta’an, ittifni bishaanii bantii waaqaa keessaa in banaman” Uma. 1:6-7 fi 2:6 kan inni nutti himu bishaan badiissaa irraa qilleensa haala jiruu fi har’a kan beeknuu raawwatee adda akka ture dha. Bu’uura sagallee kanaatiini fi kan biroon kutaawwan kitaaba qulqulluu akka nuuf ibsaniitti sababaaf kennuu kan dandeenyu laftii bishaaniin uwwifamtee akka turee dha. Uwwisi kun urkee ta’uu danda’a yookaan akka saaternii qubeelaa cabbii irraa hojjetaman qabaachuu danda’a. kun bishaan jala darbu uwwisa wajjin kan wal qabate gara lafaatti kan wal make (Uma. 2:6) guutummaa addunyaatii guutuu bishaanii fidee ta’uu danda’a. Hanga bishaanicha sirritti ifatti kan argisiisan kutaawwan Uama. 7:19-23 bishaanicha kan ilaalatu “Bishaanichi lafa irratti humna godhatee, tulloota dhedheeroo guutummaa bantii Waaqaa jala jiran hundumaa in dhokse. Bishaanichi tulloota irraa iyyuu dhundhuma kudha shan ol darbuudhaan isaan in dhokse. Uumamni foon uffatee lafa irra socho’uu hundinuu, simbiroonni, allaattiin, horiin qe’ee, bineensoonni, munyuuqaan lafa irraa munyuuqu hundinuu namoonni hundinuus in dhuman.Wanti bakkee lafaa irra jiraatee, funyaan isaatiin hafuura baafatu hundinuu in du’e. Bishaanichis wanta uumamee lafa irra jiraatu, nama, horii qe’ee, wanta munyuuqu, warra banti waaqaa jala balali’anis hundumaa haxaa’ee in balleesse; Nohii fi warra isaa wajjin markabicha keessa turan duwwaatu hafe.
Kutaan armaan olitti ilaalee hunduma jecha jedhu qofa miti irra deddeebiin kan nu argannu garuu “Bishaanichis lafa irratti baay’ee guddisee mo’atee gaaroonni gurguddoon samii gadi jiranis hunduu ni mo’aman” “Bishaanichi asi oli dhundhuma kudha shan ol fagaata gaaronni gurguddoonis ni mo’aman.” Ibsi kun ifatti kan inni nuuf kaa’u bishaan guuutummaa addunyaaleessaa lafa hundumaa dhokseera. Akkasumas bishaanichi naannoo tokko qofa kan ture Waaqayyoo Nohii doonii akka hojjetu itti himuu caalaa maaliif salphaatti akka baqatu itti hin himne. Maaliif dooniichi baay’ee guddaa sanyii bineensoota lafa irra jiraatan hundumaas akka qabatu abboome.Bishaanichi addunyaalessa osoo hin taanee doonichi hin barbaachisu ture.
Pheexiroos bishaan badiisaa akka kan addunyaaleessaa ta’eetti ibseera 2Phex. 3:6-7, yeroo ibsuus “Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne. Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleefamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa’amanii jiru. “Pheexiros kutaa kanaa guutummaa addunyaa irratti ta’uuf kan jiru firdii bara Nohii wajjin kan turee bishaan badiisaa wajjin wal madaalchisee yeroo sanatti kan turee bishaaniin bade nuun jedha. (Isa. 54:9, 1Phex. 3:20, 2Phex. 2:5, Ibr. 11:7).
Dhuma irratti Yesus Kristoos bishaan badiisaa addunyaalessaa amanuun gara fuulduraatti yeroo inni itti dhufu addunyaa irratti waa’ee badiisa dhufuu fakkeenya godhee fudhateera. (Matt. 24:37-39, Luq. 17:26-27).
Kan biroon dabalatni baay’een kitaaba qulqulluudhaa alatti akka bishaan badiisaa kan jiru balaawwan addunyaalessaa mirkaneeffannaa kan nuuf kennan jiru. Baay’ee bal’aa kan ta’an qaama haftee hawaalawwan biyyoota adda addaa fi baay’ee kan ta’ee kuufama albuudaa fiixee gaaraa irratti naannoo addunyaatti argameera. Tokko naannoo addunyaatti aadaawwan jiran bifa murtaa’een bishaan badiisaa labsii qabu. Isaan kun hunduu odeefannoowwanii fi isaan kanaan ala kan ta’an odeefannoowwan baay’ee bishaan badiisaa addunyaaleessaa kan mirkaneessanii dha.
English
Bishaan badiisaa Nohii bakka tokkootti kan ta’ee yookaan addunyaalessaa?