settings icon
share icon
Gaaffii

Cubbuwwan nama ajjeessan torban maaliidha isaan?

Deebii


Cubbuwwan nama ajjeessan torban tarreefamni isaanii ka’umsa irraa faayida irra kan oole barumsa kiristaanaa duriitiin. Duuka buutota barsiisuudhaa fi of eegachiisuuf, nama kufee haala cubbuu nama kufee kan ilaalate. Torban “ajjeessan” cubbuwwan irratti kan jiru hubannoo wal dha’e, isaan cubbuwwan kana Waaqayyo akka dhiifama hin goone dha. kitaabni qulqulluun ifa kan inni godhe, Waaqayyo ifa kan inni godhee cubbun itti fufiinsa kan qabu amanuu dhiisuu dha, sababni isaa inni dhiifamni qofaan isaa karaan inni ittiin argamuu waan hin fudhaneef _Yesus Kristoosi fi bakka isaa du’a fannoo irratti.

Yaadni cubbaawwan nama ajjeessan torbani Kitaaba qulqulluu keessa jiraa? Eeyyees, eeyyees miti, Fakkeenya 6:16-19 ni labsa, “Waaqayyoo kan inni jibbu wantoota jaha dha, torbaffaa immoo lubbuun isaa jabbeesitee ni ciiggaati: 1)Nama waan guddaatti of ilaalu, 2)Arraba sobu, 3)Harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, 4)Garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, 5)Miila waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu , 6)Nama sobaan nama irratti dhugaa ba’uu 7)Nama gargar ba’uu obboloota gidduutti facaasuu dha. ta’us, tarreefama kana namoonni baay’een kan hubatan akka dhimma cubbuu torbaniiti miti.

Akka isa guddaa Abune Girigoritti jaarraa 6ffaatti, cubbuun nama ajjeessan torban warra itti fufani jiranii dha:Of jajuu, doqnummaa gar malee nyaachuu, kajeeluu, dheekamsa, gaabbii, fi dhibbaa’ummaa, ammam illee isaan kun cubbuu ta’uun isaanii yoo hin ganamnees, isaan kitaaba qulqulluu keessatti “cubbuu nama ajjeessan torban” ibsa jedhu isaan hin dhowwatu. Tarreefamni kan baratamee kan cubbuu nama ajjeessan torbanii, kan jiran baay’ee cubbuu adda addaa kan ittii Ramadan karaa ta’ee tajaajilu ni danda’a. madaalin tokkon tokkoon gosa cubbuu ramaddi torban keessaa inni tokko jiraachuu danda’a, baay’ee barbaachiisaa kan inni ta’u, isaan cubbuuwwan torban kana kana boodee “kan nama ajjeessu” ta’uu dhiisuu isaaniiti, cubbuu kan biroo irra kan caale. Cubbuun hundumtuu bu’aan isaa du’a (Roome 6:23). Waaqayyoof ha galatuu, Yesuus Kristoosiin cubbuun keenya hundumtuu, “cubbuu nama ajjeessan torban” dabalatee nuu dhiifamuu danda’a (Mat. 26:28, HoE. 10:43, Efe. 1:7).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Cubbuwwan nama ajjeessan torban maaliidha isaan?
© Copyright Got Questions Ministries