settings icon
share icon
Gaaffii

Du’aa ka’uun Yesus Kiristoos dhugaa dha?

Deebii


Caaffatini Quqlqullaa’oon Yesus Kiristoos dhugumaan akka du’aa ka’e raga goollaba qabu dhiyeessaa. Du’aa kaafamuun Kiristoos Maatewoos 28:1-20; Maarqoos 16:1-20; Luuqaas 24:1-53; fi Yohaannis 20:1–21:25. keessatti galmeeffameera. Darbees du’aa kaafamuun Kiristoos Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti mul’ateera (Hojii Ergamootaa 1:1-11). Keeyyattoota kana irraa Yesus Kiristoos akka du’aa kaafame “raga” heedduu ni argatta. Inni jalqaba jijjirma dinqii jireenya ergamootaa keessaattiiti. Gartuu namootaa soddaa keessaa jiraanii, dhokannaa keessaa jiranii keessaa gara ciccimoo jajjaboo wangeella biyya lafaatti himuudhaaf dhuga baatuu ta’uutti dhufan. Kiristoos inni du’a ka’e yoo jartti mul’ate malee kan jijjiirama dinqisiisa kana jara keessatti uumu waanti kan biraa maali?

Lammaffaan jirreenya ergamaa Phaawloosiiti. Nama waldaa Kiristaanaa diiguu utuu ta’ee jiruu maaltu gara ergamaa waldaa ta’uutti isa jijjiire? Inni yeroo karaa Damaasqoo irratti Kiristoos inni du’aa ka’e itti mul’atee turetti (Hojii Ergamootaa 9:1-6). Ragaan inni nama amansiisu inni sadaffaan boolla duwwaadha. Kiristoos utuu hin kaane ta’e dhagna isaa eessa ture? Ergamoonnii fi namoonni kan bira bakka Yesus itti awwaalamee ture ilaalaniiru. Yeroo jarri deebi’an, dhagni isaa achi hin turre. Ergamoonni akka inni abdii galee ture akka du’aa ka’e dubbataniiru (Matewoos 28:5-7). Arfaffaan, ragaan inni du’aa kaafamuu isaa namoota baay’eetti mul’achuu isaati (Matewoos 28:5, 9, 16-17; Marqoos 16:9; Luqaas 24:13-35; Yohaannis 20:19, 24, 26-29, 21:1-14; Hojii Ergamoota 1:6-8; 1 Qorontoos 15:5-7).

Du’a ka’u Yesusiif ragaan garri biraa ergamonni du’a ka’u Yesusiif ulfina baay’ee guddaa ta’e kennuufii isaanniiti. Keeyyatni ijoon du’a kaafamuu Kiristoos 1 Qorontoos 15. Boqonnaa kana keessatti, ergamaan Phawuloos du’a ka’uu Kiristoositti amanuu fi hubachuudhaaf inni maaliif barbaachisaa akka ta’e ibisa. Dhimmoota kanaa gadiitiif du’aa ka’uun barbaachisaadha: 1) Kiristoos utuu du’aa hin kaafamne ta’e amantoonnis hin jiraatanu (1 Qorontoos 15:12-15). 2) Kiristoos utuu du’aa hin kaafamne ta’e cubbuudhaaf aarsaa taasifaamuun isaa ga’aa miti (1 Qorontoos 15:16-19). Du’aa kaafamuun Kiristoos duuni Isaa akka cubbuu keenyaaf araarsuutti Waaqayyoon duratti akka fudhatame mirkaneessa. Inni salphaadhumatti du’ee akka du’etti utuu hafeera ta’e aarsaa taasifamuun isaa ga’aa akka hin taane agarsiisa. Sababa kanaatiif, amantoonni cubbuu isaaniitiif dhiifama hin argatanu, erga du’aniis akkuma du’annitti hafu ture (1 Qorontoos 15:16-19). Waanti akka jireenya bara baraas hin jiraatu ture (Yohaannis 3:16). “Amma garuu Kiristoos warra du’an keessaa kaafameera warra obbaafatan keessaa isatu jalqaba ka’e” (1 Qorontoos 15:20).

Xumura irratti, Caaffatin Qulqulluun warri Yesus Kiristoositti amanan akkum isaa jireenya bara baraatiif akka kaaafamanu ifa taasiisa(1 Qorontoos 15:20-23). 1 Qorontoos 15 du’aa kaafamuun Yesus cubbuu irratti moo’icha isaa akkamiin akka mirkaneesse fi akkamiin cubbuu irratti humna qabaannee akka jiraannu itti fufee agarsiisa (1 Qorontoos 15:24-34) Amala dhagna hulfina qabeessa isa nuyi fudhannu agarsiisa (1 Qorontoos 15:35-49). Sababa du’aa kaafamuu Kiristoos kan isatti amanan hundinuu du’a irratti moo’icha isa xumuraa akka argatan ni agarsiisa (1 Qorontoos 15:50-58).

Du’aa kaafamuun Kiristoos dhugaa ulfina qabeessaa akkamiiti! “Jaal’atamoo obbooloota ko, egaa utuu hin socho’in dhaabbadhaa! Itti dadhabbuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa” (1 Qorontoos 15:58). Akkaataa Macaafa Qulqulluutti, du’aa kaafamuun Kiristoos baay’ee sirriitti dhugaadha. Macaafni Qulqulluun du’aa kaafamuu Kiristoos ni galmeessa, namoota 400 olii kan ta’aniin caalaadhaan akka dhugaa ba’ame ni galmeessa, gara dhugaa du’aa kaafamuu Kiristoos irrattis barumsa kirstaanaa isa barbaachisaa hundeessuutti itti fufa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Du’aa ka’uun Yesus Kiristoos dhugaa dha?
© Copyright Got Questions Ministries