settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni qulqulluun waa'ee ergamootaa maal jedha?

Deebii


Ergamoonni eenyummaa hafuuraa qabuaan, miiraa fi fedha kan qabanii dha. Kunnis lamanuuf kan hojjetuu dha, ergamoota gaariidhaa fi hamaadhaafis. Ergamoonni yaaduu danda'u (Maati 8:29, 2ffaa Qoro 11:3, 1Phexi 1:12), miira isaanii ni ibsatu (Luqa. 2:13, Yaaq. 2:19, Mul.12:17) fedha isaanii ni raawwatu (Luqa 8:28-31, 2Ximoo 2:26, Yihuuda 6). Ergamoonni eenyummaa afuuraati (Ibir. 1:14) qaama foonitiin kan hin taane. Ammam illee qaama foonni yoo hin qabaanes, qaama qabu.

Eenyummaa uumaman ta'uu isaanii irraa kan ka'ee beekumsi isaanii murtaa'aadha. Jechuun, Waaqayyo kan inni godhu hundumaa hin beekani (Maati 24:36). Nama irra kan caaluu beekumsa kan qaban fakkaata, tarrii waan sadi irraa kan ka'e. Tokkooffaa ergamoonni kan uumaman taree uumamaa irraa nama irra caalaniti. Kanaaf, uumama isaanitti beekumsa caaluu dhaalaaniru. Lamaffaan ergamoonni macaafa qulqulluu fi addunyaa qayyabataniiru, baay'ee bifa gadi fagoodhaan namoota caala, kanaaf isa irraa beekumsa gabbifataniiru (Yaaq. 2:19, Mul.12:12). Sadaffaan ergamoonni beekumsa gabbifataniiru, hojii ilmaan namootaa dheeraa irraa haala hubachuu isaanitiin. Nama irraa bifa adda ta'een ergamoonni waan darbe ayyabachuun isaan irraa hin eegamu, waan ,keessa darbaniif. Kanaaf kan biroon akkamitti hojii irra akka oolchanii fi haaloota akkamitti akka hubatan ni beeku, bifa wal fakkaataadhaan deebii akkamii akka kennan waan beekaaniif ragaa guddaa ta'ee isa dhufuu fi sirritti raajuu ni danda'u.

Fedha qabaataniis ergamoonni akkuma uumama kan biro fedha Waaqayyoodhaaf kan bitamii dha. Ergamoonni gaariin amantoota gargaaruudhaaf Waaqayyoodhaan ergamuu (Ibir. 1:140. Macaafni qulqulluun kan mul'isee hojiin ergamoota tokko tokkoo kunooti: Waaqayyoon ni galateefatu (Faarf. 148:1-2, Isaa:63). Waaqayyoon ni Waaqeessu (Ibi.1:6, Mul.5:8-13). Wanta Waaqayyo godheetti ni gammadu (Iyoob 38:6-7). Waaqayyoon ni tajaajilu (Faarf. 103:20, Mul.22:9). Waaqayyo dura ni dhaabbatuu (Iyoob 1:6, 2:1). Meeshaa firdii Waaqayyooti (Mul. 7:1, 8:2). Deebii kadhataa qabatanii ni dhufu (Hoji.erga 12:5-10). Namoota Kristoosiin mo'uudhaaf ni gargaaruu (Hoji erg. 8:26, 10:3). Ajaja kiristaanaa, hojii, fi dhiphina ni hubatu (1ffaa Qoro 4:9, 11:10, Efe. 3:10, 1ffaaPhexi 1:12). Yeroo balaatti ni jajjabeessu (Hoji.erga 27:23-24). Yeroo du'aatti tolootaaf kunuunsa godhuu (Luqaa. 16:22).

Ergamoonni walummaa galati nama irraa adda kan ta'ee sadarkaa eenyuummaati. Ijoolleen namaa erga du'anii booda ergamoota hin ta'an. Ergamoonnis raawwatani ijoollee namaa hin ta'an, hin tures. Waaqayyoo ergamoota uume, akkuma nama uume hundumaa. Macaafni qulqulluun bakka kamitti iyyuu, ergamoonni bifa Waaqayyootii fi akka fakkeenya Waaqayyootti uumaman hin jedhu, akka namootaa (Uum. 1:26). Ergamoonni eenyummaa afuuraati, innis sadarkaa murtaa'ee boca foonii qabachuu kan danda'an. Namoonni jalqabumma irraa qaama fooniti, garuu bifa afuuraati. Ergamoota qulqulluu iraa kan nuyii barannu wanti guddaan ajaja Waaqayyootiif safisa isaanii, gaaffii kan hin qabne aboomamuu isaani.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni qulqulluun waa'ee ergamootaa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries