settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni qulqulluun yeroo ammaa faayidaa qabaa?

Deebii


Ibiroota 4:12 akkana jedha, 'Sagaleen Waaqayyoo jiraataadhaa fi kan hojjeetuudha waan ta'ef. Billaa qara lama qabuu caalaa qara qabeessa, lubbuu fi afuura, ribuu fi kallee hanga adda baasuutti waraana, miira yaada laphee ni qora.'Maacafni qulqulluun kan inni xumuramee tilmaamaan waggaa 1900 dura, sirrimatti faayidaan isaa osoo hin jijjiramiin hanga guyyaa haraatti hafeera. Macaafni qulqulluun burqaa waan qabatamaa guddaati, Waaqayyo mul'ata inni nuu kennee hundumaa, waa'ee mataa isaas ta'ee karoora inni namaaf qabuufis.

Macaafni qulqulluun waa'ee uumamuu biyya lafaa ragaa heedduu qabateera, innis argisiisuu saayinsiitii fi sakata'iinsaan kan mirkaneefame. Warri tokkoo tokkoo keewatni kun kan inni of keessatti qabatuu Leewota 17:11, Lallaba 1:6-7, Iyoob 36:27-29, Faarf. 102:25-27, fi Qolaa 1:16-17. Kan akka seenaa macaafa qulqulluu Waaqayyo ijoollee namaatiif karoori fayyisuu akka hin deebine, amala adda addaa heedduu gaarii ta'ee ibsameera. Ibsa kanaan macaafni qulqulluun ragaa hedduu kenna. waa'ee amala namaatii fi gartokkootti jechuu namaa. Kan mataa keenyaa shaakalli guyyaa guyyaa kan inni nu argisiisuu ragaan kun baay'ee sirriidhaa fi haala namaa kan ibsu akka ta'ee dha. Macaafa Xiinsammuun kami iyyuu. Macaafa qulqulluu keessatti kan galmaa'aan dhugaan seena qabeessi heedduun cina isaattis burqaan macaafa qulqulluu mirkanaa'eera. Qayyabannaan seenaa yeroo hundumaa akka inni argisiisutti wali galtee heedduu qabiyyee macaafa qulqulluu fi kana cinatti macaafoota qulqulluu gidduu wali galteen jiraachuu isaati, dhugaa wal fakkaatuu irratti.

Ta'us, macaafni qulqulluun macaafa seena miti, macaafa xiinsammuu yookaan saayinsii barruullee miti. Macaafni qulqulluun Waaqayyo ibsa nuuf kennee dha, inni eenyuu akka ta'e, fi fedha isaatiif kaayyoo isaa, ijoollee namaatiif kan inni qabu. Mul'atni kanaa qaamni inni baay'ee guddaan sababa cubbuuti fi seenaa Waaqayyootti adda baanee dha, akkasumas Waaqayyoo tokkumaa isaa deebisuudhaaf mucaa isaa Yesuus Kristoosiin fannoo irratti aarsaa ta'ee kan nuuf kennee dha. Fayyuudhaaf hawwii nuyii qabnuun hin jijjiramne. Waaqayyoo isaa wajjiniin nu araarsuudhaaf hawwii inni qabu akkasuma.

Macaafni qulqulluun baay'ee sirrii kan ta'ee fi ragaa faayida qabeessa of keessatti qabateera. Ragaan faayida qabeessa macaafa qulqulluu inni guddaan _fayyisuu _ Addunyaa guutuu fi osoo gargar hin citiin ijoollee namaa irratti hojii irra kan oolaa jiruu dha. Sagaleen Waaqayyoo raawwatee hin duloomu, hin jijjiramuu yookaan fooya'aa hin adeemu. Aadaan ni jijjiramuu, seeronnii in geedarama, dhaloonni ni dhufa ni deema, haa ta'uu malee sagaleen Waaqayyoo har'as faayida qabeessa, akkuma yeroo jalqaba barreefamee tureetti.sagaleen isaa hundumtuu adda ba'ee har'a nurratti raawwachuu in danda'a, haa ta'uu malee sagaleen isaa dhugaa inni qabatee har'a jireenya keenya irrtti raawwachuu ni dandeenya, nuuf ta'as.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni qulqulluun yeroo ammaa faayidaa qabaa?
© Copyright Got Questions Ministries