settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus Kiristoos akka fayyisaa dhunfaa keetiitti fudhachuun maal jechuudha?

Deebii


Yesus Kiristoos akka fayyisaa dhunfaa keetiitti fudhatteettaa? Gaaffii kana sirriitti hubachuudhaaf, jalqaba jecha, 'Yesus Kiristoos,' 'dhunfaa' fi 'fayyisaa' jedhu hubachuu qabda.

Yesus Kiristoos eenyu dha? Namoonni bay'een Yesus Kiristoos akka nama gaariitti beeku, barsiisaa guddaa, yookiin raajii Waaqayyoo. Wantoonni kun hundinuu sirriidha Yesusiin ilaalchisee, garuu jarrii Inni guutummaatti eenyu akka ta'e hin ibsan. Macaafini Qulqulluun Yesus Waaqayyo fooniin mula'ate akka ta'e nu barsiisa, Waaqayyo bifa namaatiin (Yohaannis 1:1, 14 ilaali). Waaqayyo nu barsiisuudhaaf gara lafa kanaa dufe, nu fayyise, nu sirreesse, nuuf dhiise nuufis du'e! Yesusiin kana fudhatteettaa?

Fayyisaan eenyuu, maaliif fayyisaan nu barbaachisee? Macaafni Qulqulluun hundi keenya cubbuu akka hojjenne nutti hima. Hojii hamaa hojjenneerra (Romaa 3:10-18). Sababa cubbuutiif, dheekkamsa Waaqayyootiif firdiin nuuf ta'a. Adabbiin sirriin cubbuu Waaqayyo isa dhuma hin qabne fi bara baraa irraatti raawwatame adabbii dhuma hin qabne dha. (Romaa 6:23; Mul'ata Yohaannis 20:11-15). Fayyisaan kan nu barbaachiseefis sanaaf!

Yesus Korostoos gara lafaa dhufe bakka keenyaa bu'ees du'e. Duuti Yesus cubbuu keenyaaf kaffaltii dhuma hin qabneedha (2 Qorontoos 5:21). Yesus idaa cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf du'e (Romaa 5:8). Yesus gatii isaa kaffaleera kanaaf nu kaffaluu hin qabnu. Yesus warra du'an keessaa ka'uun isaa duuti isaa idaa cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf ga'aa akka ta'e mirkaneessa. Sunis kanaaf Yesus fayyisaa isa tokkicha ta'uun isaa (Yohaannis 14:6; Hojii Ergamootaa 4:12)! Yesus akka fayyisaa keetiitti itti amanaa jirtaa?

Yesus 'fayyisaa' dhunfaa keetii? Namoonni heedduun kiristaanummaan mana sagadaa dhaquu, seera amantii raawwachuu, fi yookiin cubbuu murtaa'an raawwachuu dhiisuudha jedhanii yaadu. Kirstaanummaan isa kana miti. Kiristaanummaan inni dhugaan Yesus Kiristoosii wajjin walitti dhufeenyaa sirrii qabaachuudha Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa dhuunfaatti fudhachuun amantii ofii isa irra kaa'achuu fii isatti amanuudha. Namni kami iyyuu amantii nama kan biraatiin hin fayyu. Namni kam iyyuu hojiilee tokko tokko rawwachuu isaatiin hin fayyu. Karaan fayyinaa inni tokkichi Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa dhuunfaa keetiitti fudhachuudha, du'a isaa akka gatii cubbuu keetiif baasuuf ta'etti amanuu, du'aa kaafamuun isaas ati jireenya bara baraa akka qabaattuudhaaf kan waabdii ta'e ta'uu isaa amanuudha (Yohaannis 3:16). Yesus fayyisaa dhuunfaa keetii?

Akka fayyisaa keetti Yesus Kiristoositti amanuu yoo barbaadde, jechoota armaan gadii kana gara Waaqayyootti dubbadhu. Yaadadhu jechoota kana kadhachuun yookiin kadhannaa gosti kamii iyyuu si hin fayyisu garuu Yesus kiristoositt amanuu fi hojii inni fannoo irratti xumure duwwa tu cubbuu irraa si fayyisa. Kadhannaan kun salphaadhumatti karaa ati amantii kee isa irratti qabdu Waaqayyotti agarsiiftu dha akkasuma fayyina siif qopheessuu isaatiif isa galateeffattudha. 'Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta'u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta'u fudhateera kanaaf araara argachuu nan danda'a. kennaa araara keetii nan fudhadha fayyuudhaafis sittan amana. Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa dhuunfaa kootiitti nan fudhadha! Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha ' kennaa jireenya barabaraatiif! Ameen!'

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa 'An har'a Kiristoosiin simadheerra' jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus Kiristoos akka fayyisaa dhunfaa keetiitti fudhachuun maal jechuudha?
© Copyright Got Questions Ministries