settings icon
share icon
Gaaffii

Guddinni hafuuraa maalii dhaa?

Deebii


Guddinni hafuuraa bifa fooya'aan adeemsa Yesuus Kristoosiin fakkaachuuti. Amanti keenya Yesuus irra yeroo oolchinuu, hafuurri qulqulluun isa akka fakkaanuu adeemsa hojjechuu jalqaba, bifa isaa akka fakkaannu cimsuudhaan. Guddinni hafuuraa bifa fooyya'aan kan ibsamee 2ffaa Pheexiros 1:3-8 irratti dha, innis kan nutti himuu humna Waaqayyoo qabnuu 'waan nu barbaachisuu hundumaa' jireenya gaarii jiraachuuf, kunoo galma guddina hafuuraa kan ta'an. Kan nu barbaachisu kan inni dhufuu 'isa beekuudhaan,' akka ta'ee hubadhaa, innis waan nu barbaachiisu furtuu ittiin argannuu dha. isa beekuun keenya kan inni dhufuu sagalee isaa irraatti, innis qulqullinaa fi guddina keenyaaf kan nuuf kenname.

Galaatiyaa 5:19-23 tarrefama lama qabu. Lakkoofsa 19-21 'hojjiwwan foonii' ni tarreessa. Isaaniis gara fayyina Kristoositti osoo hin dhufin dura jireenya keenya keessatti wantoota mul'atanii dha. hojii foonii akka aboomnuuf, qalbi akka jijjiranuu, fi gargaarsa Waaqayyoon akka moonuu hojjiwwan ta'uu qabanii dha. Guddina hafuuraa akka shaakallu, 'hojjiwwan foonii' jireenya keenya keessatti hir'achaa, hir'achaa deemuu. Tarreefamni lamaffaan 'ija hafuuraa' (lakk. 22-23). Isaan amma amala jireenya keenyaa ta'uu kan isaan irra jiruu dha, Yesuus Kristoosiin fayyina erga argannee booda. Guddinni hafuuraa kan inni ibsamuu iji hafuuraa jireenya amanaa keessatti osoo dabaalani yeroo mul'atanii dha.

Jijjiramni fayyinaa yeroo raawwatamu, guddinni hafuuraa nu jalqaba. Hafuurri qulqulluun keessa keenya ni jiraata (Yohaannis 14:16-17). Kristoosiin uumama haaraadha nuun (2ffaa Qorontos 5:17). Inni moofaan, uumanmi cubbamaan isaa haaraaf karaa gadi dhiisuu jalqaba, uumama Kristoosiin fakkaatuuf (Roomee 6-7).guddinni hafuuraa adeemsa bara jireenyaati, innis kan inni murteessuu sagalee Waaqayyoo qayyabachuu fi hoji irra oolchuudhaan (2ffaa Ximootihos 3:16-17) fi hafuuraan akka adeemnuuf (Galaatiyaa 5:16-26). Gudduna hafuuraa akka barbaanuu, gara Waaqayyootti kadhachuu ogummaa kadhachuutu nurra jira, inni akka guddanuu naannoo inni barbaadu irratti. Waaqayyoon kadhachuu ni dandeenya isa irratti amantii qabnuu fi beekumsa akka nuuf dabalu. Waaqayyoo hafuuraan akka nu guddanuu ni barbaada, innis guddina hafuuraa akka shaakallu waan nu barbaachisuu hundumaa nuuf kenneera. Gargaarsa hafuura qulqulluu, cubbuu mo'aachuu ni dandeenya, akkasumas karaa fooyya'aan fayyisaa keenya, Gooftaa Yessus Kristoosiin akka fakkaanu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Guddinni hafuuraa maalii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries