settings icon
share icon
Gaaffii

Kristaannii iddoo bulti afuura xuraawaa ta'uu ni danda'aa? Kiristaanni kan seexanaa ta'uu ni danda'aa?

Deebii


Macaafni qulqulluun sirritti hin teesisu, kiristaanni afuura xurawaan waa'ee qaabamuu isaa maaafaa qulqulluudhaa wajjin kan adeemuu waa'ee qabamuu isaa dhugaan bifa ifa ta'een teesifameera, kiristaanni iddoo bultii afuura hamaa akka hin taane. Garagarummaa bal'aatu jira, iddoo afuuraa xurawaa ta'uu gidduu fi afuura hamaadhaan gadi qabamuu yookaan dhiibba isaa jala jiraachuun. Afuura hamaan qabamuun hafuurri hamaan kallattidhummaan/raawwatee to'annaa isaa jala yoo jiraatee dha, yaadi namoota dhuunfaa fi /yookaan gocha (Maat 17:14-18, Luqa 4:33-35, 8:27-33). Gadi qabuu afuura xuraawaa yookaan dhiibbaa afuura xuraawaa yookaan waraansa afuura xuraawaa of keessatti qabata, wanta afuura irratti fi/yookaan isa/ishee amala cubbuu akka qabaatan ni jajjabeessa. Dubbifama kakuu haaraa hundumaati, lola afuuraa kan ilaalate, afuurri xurawaan amanaa keessaa kan ba'ee ajaji tokkoo illee jiraachuu dhiisuu isaa hubadhaa (Efe 6:10-18). Amantootni dabiloosiin akka morman itti dubbateera (Yaaq. 4:7, 1ffaa Phexi 5:8-9), akka baasaniif osoo hin taane.

Kiristaanonni iddoo bulti afuura qulqulluuti (Roome 8:9-11, 1ffaa Qoro 3:16, 6:19). Dhugumatti afuurri qulqulluun hin hiyyamuuf, nama iddoo bulti isaa ta'e afuurri xurawaan akka keessa bulu. Kun kan hin yaadamnee dha, innis dhiiga Kristoosiin kan biteef (1ffaa Phexi 1:18-19) uumama haaraa kan inni godhe (2ffaa Qoro 5:17), afuurri xuraawaan akka ajajuuf to'annaa isaa jala akka ta'u. Dhugumatti kan akka amantootaa seexanaa fi afuura xuraawaa wajjin lola geggeesineera, haa ta'uu malee mataa keenya wajjiniin miti. Ergamaan Phaawuloos ni labsa, 'isin, ijoollee jaallatamoo Waaqayyoo irraa waan taataiif isaan mootanitu isin keessa kan jiru biyya lafaa keessa kan jiru waan caaluuf' (1ffaa Yoha. 4:4). Nu keessa kan jiru eenyuu? Afuura qulqulluudha. Biyya lafaa keessa kan jiru eenyuu dhaa? Seexanaa fi afuura xurawaa dha. kanaaf, amanaan addunyaa afuura xurawaa kanaa mo'eera. Akkasumas amanaan dhimmi afuura xuraawaan qabamuu macaafni qulqulluun hin deggeru. Raga cimaa macaafa qulqulluu kiristaanni iddoo bultii afuura xuraawa ta'uu hin danda'u kan jedhuu ilaalchi, barsisootni macaafa qulqulluu tokko tokkoo 'afuura xurahummaa jecha jedhuu' fayyadama, kiristaana kan to'ate afuura xurawa heeruudhaaf. Warri tokko tokkoo ni falmuu, kiristaanni raawwatee iddoo bultii afuura xuraawaa hin ta'u, kiristaanni afuura xuraawaa ta'uu ni danda'a kan jedhu. Walummaa galatti ibsi afuura xurahummaa iddoo bultii afuura xuraawaa ta'uu kan jedhuu wajjin aanta walfakkaatu qaba. Kanaafis, qabxii wal fakkaataa dhimma qabuu dha. sagalee isaa jijjiiruu dhugaa isaa jijjiruu hin danda'u, kinnis afuurri xuraawaan kiristaana irra buluu yookaan to'annaa guutuu gochuu hin danda'au. Dhiibbaa afuura qulqulluu fi kiristaana gadi qabuu irratti dhugaa geesisan ta'uun isaa shakkii hin qabu, haa ta'uu malee akkanumatti kiristaanni ni qabama yookaan afuura xurahummaa ta'a jechuun sagalee macaafa qulqulluu miti.

Baay'inaan yaad-rimeen afuura xuraawummaa shaakala yaada nama dhuunfaati, isa tokkoo 'guutuu guutuutti' kristaana kan turee to'annaa afuura xurawaa jala ta'uu isaa ragaadhaan kan mirkaneesine ilaaluudhaan. Bifa murtaa'een faayida qabeessa kan ta'u, shaakala dhuunfaa keenyaa sagalicha hiikuu irratti dhiibba akka irra hin geesifneef. Caalaadhumatti shaakalli dhuunfaa keenyaa karaa dhugaa sagalee isaatiin dirqamatti qulqulleesutu nurra jiraata (2ffaa Ximoo 3:16-17). Kiristaana ta'a kan jennee amala afuura xuraa'ummaa yeroo callaqisiisuu arginee kan isaa/ishee ogummaa amantii isaanii gaaffii nuti uumuu danda'a. Tarii namni dhuunfaa sun dhugumatti kiristaana ta'uu danda'a, bifa hamaataadhaan afuurri xurawaan kan keessa bulee fi/yookaan bifa hamaataadhaan rakkina xinsammuutiin kan dhiphatu. Garuu irra deebbi'ee, shaakala keenya wajjin kan wal simachuu qabuu sagalee isaa wajjiniin qoruudhaan malee galagaltoo isaa ta'uun irra hin jiraatu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kristaannii iddoo bulti afuura xuraawaa ta'uu ni danda'aa? Kiristaanni kan seexanaa ta'uu ni danda'aa?
© Copyright Got Questions Ministries