settings icon
share icon
Gaaffii

Hir'iyoota koo fi miseensa maatii koo wangeelaan akkamitti gahuu danda'aa, osoo isaan hin gaddisisiini fi isaan hin dhiibiinii?

Deebii


Ammam yoo ta'ee kiristaani tokkoon tokkoon isaa miseensa maatii isaa, hidhata hojii isaa, yookaan nama wal beekuu, innis kiristaanaa kan hin taanee qabaata. Wangeela kan biroo wajjin hirmaachuuf rakkisaa ta'uu danda'a, akkasumas miiraan walitti dhufeenya dhi'oo kan qabdu kan of keessatti qabatuu yoo ta'ee baay'ee rakkisaa ta'a. Kitaabni qulqulluun akka nutti himutti namoonni tokko tokkoo wangeelatti hin gammadan (Luqaas 12:51-53). Ta'us, wangeela akka hirmaanu aboomamneera, kana gochuu dhiisuuf sababa homaa hin qabnu (Maattewos 28:19-20, Hojii Ergamoota 1:8, 1ffaa 3:15).

Kanaaf, mineensa maatii keenyaa, hir'iyoota keenya, hidhata hojii keenyaa fi namoota beeknu akkamitti wangeelaan bira ga'uu dandeenyaa? Gochuun kan nurra jiruu baay'ee wanti barbaachiisan waa'ee isaani kadhachuu dha. Waaqayyo laphee isaani akka jijjiruu fi ija isaani akka banuu kadhachuu (Yaaqob 1:5). Kadhachuu irratti dabalataan, isaan fuulduratti jireenya kiristaanaa gaarii jiraachuutu nurra jiraata, jireenya mataa keenyaan jijjirama Waaqayyoo godhee akka arganiif (1ffaa Pheexiroos. 3:1-2). Qulqulluun Asis Firaansis yeroo tokko akka jedhetti, 'yeroo hundumaa wangeela lallabaa, barbaachisaa yoo ta'uu sagalee fayyadamaa.'

Dhuma irrattis, wangeela labsinu fedha qabeessaa fi iftoominaan ta'uutu nurra jira. Yesus Kristoosiin kan jiru ergaa fayyinaa hir'iyoota keessanii fi maatii keessanitti labsaa (Roome 10:9-10). Yeroo hundaa amantii keessan dubbachuuf qophaa'oo ta'aa (1ffaa Pheexiroos 3:15), gad of deebisuuf ulfinaan akkas gochuun. Ga'umsa irratti, fayyina warra jaallannuu Waaqayyoof dhiisuutu nurra jira. Namoota fayyisuu kan danda'uu humnaa fi ayyaana Waaqayyootiin malee car'aaqii keenyaan miti. Kan fooya'ee fi kan caaluu gochuu kan nu dandeenyu isaaniif kadhachuudhaan, isaaniif dhugaa ba'uudhaan, fuula isaani duratti jireenya kiristaanaa jiraachuun.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hir'iyoota koo fi miseensa maatii koo wangeelaan akkamitti gahuu danda'aa, osoo isaan hin gaddisisiini fi isaan hin dhiibiinii?
© Copyright Got Questions Ministries