settings icon
share icon
Gaaffii

Waa’ee jaalalaan qabamuu/waa’ee hiriyaa gaa’ilaa barbaaduu kitaabni qulqulluun maal jedhaa?

Deebii


Ammam illee “gaa’ila barbaaduudhaan” fi “Jaallachuu” kitaaba qulqulluu keessatti yoo argamuu baatees, qajeelfamni tokko tokkoo laatameera, Kristaanoonni gaa’ila dura yeroo jiru kan ittiin deeman. Inni jalqabaa waa’ee jaallachuu kan ta’ee ilaalcha biyya lafaa irraa dirqamatti adda ba’uutu nurra jiraata, sababni isaa karaan Waaqayyoo biyya lafaa wajjin waan wal faallesuusuuf (2Phex. 2:20). Ilaalchi biyya lafaa ta’uu kan qabuu nu akka feenuutti akka jaallannuu dha, wanti faayidaa qabu amala namichaa beekuudha, murtoo kam iyyuu gochuu keenya fuul dura, isaaf yookaan isheedhaaf. Namni dhuunfaan sun hafuura Kristoosiin lamaffaa dhalachuu beeku qabna (Yoha. 3:3-8) akkasuma inni yookaan isheen Kristoosiin gara fakkaachuutti fedhi wal fakkaataa ta’e kan qoodatan yoo ta’e (Fil. 2:5). Jaallachuu yookaan hiriyaa gaa’ilaa barbaaduu galma isa dhumaa kan jireenyaa hiriyaa guutuu barbaaduu dha.

Kitaabni qulqulluun nutti hima, akka kristaanootaatti ishee hin amannee raawwannee akka hin fuune (2Qor. 6:14-15) sababni isaa kun Kristoos wajjin walitti dhufeenya nu qabnu waan dhadabsiisuuf mooraalli keenyaaf ejjennoo keenya waan gadi buusuuf. Inni tokko walitti dhufeenya yeroo raawwatuu, jaallachuus ta’ee wali galtee gaa’ilaa yaadachuun faayida qabeessa kan ta’u gooftaa hundumaa caalaa jaallachuu dha (Mat. 10:37). Jechuus ta’ee amanuus, namni biraan “hundumaati” jedhee yookaan jireenya isa tokkoo keessatti baay’ee wanti faayida qabeessi akka ta’ee, ejjuudha, innis cubbuu (Gal. 5:20, Qol. 3:5). Akkasumas immoo, qaama keenya xurreesuun nurra hin jiraatu, gaa’ila dura ejja gochuun (1Qor. 6:9, 13, 2Xim. 2:22). Ejji safu-maleessi Waaqayyo irratti qofa cubbuu godhamu miti garuu immoo qaama ofi keenyaa irratti malee (1Qoro. 6:18). Kan biro jaallachuu fi kabajuutu nurra jiraata, akkuma ofi keenya jaallanu (Rom. 12:9-10), kunis dhugumatti dhugaadha, wali galuu gaa’ilaatiin yookaan wal qunamtii jaalalaatiin. Jaallachuus ta’ee wali galuu jaalalaatiin, qajeelfama kitaaba qulqulluu kana duukaa bu’ani deemuun karaa baay’ee wayyuu dha hundeen gaa’ilaa fayyina eeguu dha. Hunduma irra baay’ee kan caaluu murtoo dha, nu kan goonuu, sababni isaa namoonni lamaa yeroo wal fuudhan, wali wali isaanitti maxananii foon tokko waan ta’aniif, Waaqayyo akka barbaaduutti kan cimee fi kan hin diigamne ta’uu isaatiin (Uma. 2:24, Mat. 19:5).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waa’ee jaalalaan qabamuu/waa’ee hiriyaa gaa’ilaa barbaaduu kitaabni qulqulluun maal jedhaa?
© Copyright Got Questions Ministries