settings icon
share icon
Gaaffii

Yeroon du’u gara jannataa akkan dhaqu akkamiinan beekuu danda’aa?

Deebii


Dhugumatti jireenya barabaraa akka qabdu fi yeroo duutuu gara jannataa akka dhaqxu beektaa? Waaqayyo akka ati mirkaneeffattu barbaada! Macaafni Qulqulluun akkas jedha, “Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan jireenya bara baraa akka qabaattan akka beektaniifan kana hundumaa isniif caafe” (1 Yohaannis 5:13). Mee amma akka waan Waaqayyo dura dhaabbatteetti fudhadhuutii inni si gaafate akkas jedhee, “Gara Jannataatti akka ati galtuu maalifan siif hayyamee?” Maal jettee? Waan deebstu hinbeektu ta’a. waanti ati beekuun si barbaachisu Waaqayyo nu jaallata bara baraas eessatti akka dabarsinu akka beekuu dandeenyuudhaaf karaa nuuf qopheesseera. Macaafni Qulqulluun karaa kanaan ibsa, “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jallate; kun immo isatti kan amanu hundinuu jireenua bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti. (Yohaannis 3:16).

Jalqaba rakkoo gara Jannataatti akka hin galle nu dhowwo haa hubannu. Rakkichis isa kana – uumama cubbamaan keenya akka nuyi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin hin qabaanne nu dhowwa. Nuyi uumamaanis filannoodhaanis cubbamoota. “Hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir’ateera” (Roomaa 3:23). Mataa keenya fayyisuu hin dandeenyu. Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantiifayyifamatan inni immoo kennaa Waaqayyooti malee gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaan miti namni tokko illee akka ittiin of hin jenyetti” (Efeesoon 2:8-9). Si’oolii fi du’atu nuuf ta’a “Beenyaan nama cubbuu hojjetu du’a; (Roomaa 6:23).

Waaqayyo qulqulluudhaa tolaadhas kanaaf cubbuu adabuu qaba, amma iyyuu nu jaallata cubbuu keenyaafis araara nuuf qopheesse. Yesus akkas jedhe: “karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” Yohaannis 14:6). Yesus fannoo irratti nuuf du’e: “Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha cubbuu namoota baay’eetiif dhiphateera” (1 Pheexroos 3:18). Yesus warra du’an keessaa kaafaameera: “Yesus irra daddarbaa keenyaaf du’atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuudhaafis du’aa kaafame” (Roomaa 4:25).

Kanaaf, gara gaaffii jalqabaatti deebi’I - “Yeroon du’u gara jannataa akkan dhaqu akkamiinan beekuu danda’aa?” deebiin isa kana – Gooftaa Yesusitti amani atis ni fayyita(Hojii Ergamootaa 16:31). “Hamma isa simataniif immoo iloollee Waaqayyoo akka ta’aniidhaaf aboo isaaniif kenne isaanis warra maqaa isaatti amananiidha” (Yohaannis 1:12). Jireenya bara baraa akka kennaa TOLAATTI fudhachuu dandeessa. “Beenyaan nama cubbuu hojjetu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati” (Roomaa 6:23). Jireenya guutuudhaa fi hiika qabu amma jiraachuu dandeessa. Yesus akkan jedhe, “Ani jireenya haa qabaataniif irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera” (Yohaannis 10:10). Bara baraan Yesusii wajjin Jannata keessa jiraachuu dandeessa inni waadaa galeeera: “Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi’ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha”(Yohaannis 14:3).

Akka fayyisaa keetti Yesus Kiristoositti amanuu fi araara Waaqayyo biraa argachuu yoo barbaadde, kadhannaan kunooti kadhachuu dandeessa. Kadhannaa kana kadhachuunis si hin fayyisu Yesus Kiristoositti amanuudha kan araara namaaf argamsiisu. Kadhatni kun salphaadhumatti karaa ati amantii kee Waaqayyo irratti qabdu itti agarsiiftu fi fayyina siif qopheessuu isattii isa galateeffattudha. “Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Garuu Yesus Kiristoos adabbii anaaf ta’u fudhateera kanaaf araara argachuu nan danda’a. Fayyinaaf amantii koo sirrattan kaa’adha. Ayyaana kee fi araara kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yeroon du’u gara jannataa akkan dhaqu akkamiinan beekuu danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries