settings icon
share icon
Gaaffii

Kaalvinummaan yookaanis Harmeenummaan _ilaalcha isa kamituu sirriidhaa?

Deebii


Kaalvinummaa fi Harmeenummaan lamaan seerata barumsa afuuraa yeroo ta’an fayyummaa kan ilaalatee olaantummaa Waaqayyoo fi itti gaaffatamummaa namaa gidduu kan jiruu walitti dhufeenya ibsuuf yaalu. Kaalvinummaan kan mogaafamee Johon Kaalviniif, barumsa afuuraa Faransayi, bara 1509-1564 kan jiraatee. Harmeenummaan kan kenname Jaakobes Armeniyef dha, barumsi afuuraa Daach, bara 1560-1609 kan jiraate.

Seeratni lamaanuu tuqaalee shaniin guuduunfamuu danda’au. Kaalvinummaan walummaa galatti amala dhabeesummaa namaa yeroo qabatuu, Harmeenummaan immoo amala dhabeesummaa walakaa qabata. Walummaa galatti amala dhabeesummaa kan jedhuu, tokkoon tokkoon kallattiin namummaa cubbuu kan shaakalee dha, kanaaf, ijoolleen namaa gara Waaqayyoo dhufuu hin dandeenye, yaalii mataa isaaniitiin. Amala dhabeesummaa walakaa inni jedhuu tokkoon tokkoon kallatti namaa cubbuu shaakaleera, ta’us garuu yaalii mataa isaanitiin Waaqayyoo irratti amantii akka bulchatan hanga gahutti itti hin fufu.

Kaalvinummaan dabalataanis, filachuun kan haalaa miti jedhe amana, Haarmenummaan immoo haalaan fillachuutti yeroo amanu. Kan haalaa kan hin taanee filannoon, Waaqayyoo namoota fayyummaaf ni filata. Filannoo haalaa kan jedhuu Waaqayyo namoota fayyumaadhaaf filata, eenyuu Kristoosiin fayyuudhaaf akka amanuu beekumsa duraan jiru irratti hirkisuun, akkasumas namni dhuunfaa Waaqayyoon haala inni ittiin filatu.

Kaalvinummaan kan hundee (oolchuu) kan ilaalu murasaan yeroo ta’uu, Harmeenummaan kan ilaaluu karaa hin murtoofneen. Kun tuqaawwan shanan keessaa baay’ee kan walin nama dha’uu dha. muurtaa’aa kan ta’ee oolchuu jechuu dha, Yesuus kan du’eef warra fillataman qofaaf amantii jedhuu dha. Fayyisuun kan hin murtoofnee hundumaaf du’eera, garuu du’ii isaa hojjechuu kan danda’uu namni dhuunfaa amantiidhaan isa yeroo fudhatuudha amanti jedhuun.

Kaalvinummaan dabalataanis ayyanaa Waaqayyoon dhaabbachuun akka hin danda’amne yeroo amanuu, Harmenummaan kan jedhuu namni dhuunfaa tokkoo ayyaana Waaqayyoo mormuu ni danda’aa dha. Dhaabbachuun kan hin dandeenye ayyaana kan ittiin falmuu, Waaqayyo nama tokkoo fayyumaaf yeroo waamuu, namni sun akka waamicha sanaatti gara fayyinaa ni dhufa kan jedhuuni dha. Ayyaanaa ittiin dhaabbataniin kan jedhuu, Waaqayyo hundumaa fayyinaaf waameera, garuu namni baay’een waamicha isaa mormeera, hin fudhannes.

Kaalvunummaan kan qabatuu obsa qulqulloota yeroo ta’u Haarmenummaan immoo kan inni qabatuu fayyinaa haalaa kan ta’ee dha. Obsa amantootaa kan argisiisuu yaad-rimeen, Waaqayyoodhaan namni fillatamee amantiidhaan ni eegata kanaaf dhaabbataatti Kristoosiin hin ganu yookaan isa irraa fuula isaa hin deebisu. Fayyummaa haalaani, Kristoositti kan amanee kan isaa/ishee fillannoo bilisaa Kristoos irraa fuula isaa deebisuu ni danda’a, kanaaf, fayyina dhaba ilaalcha jedhuni dha.

Kanaaf, Kaalvinummaadhaan yookaan walfalmii Haarmenummaatiin, eenyuudhaa sirriin? Hubacchuun ajaa’ibsiisaa kan ta’uuf, dababarfamee kennamuu qaama Kristoosiin, Kaalvinummaan gosti hundaa fi walitti qabamni Haarmeenummaa jiraachuu isaati. Tuqaaleen shanan warra Kaalvinii fi tuqaaleen shanaan warra harmeenootaa jiru, akkasumas yeroo wal fakkaataatti tuqaalleen shanan Kaallvinummaa fi tuqaalleen lamaan Harmeenumma. Amantooni baay’een ilaalchawwan lamaaniin waan walmakee irra ga;eera. Ga’umsa isaa irratti, ilaalcha keenyaan lamaanuu seerata waan dhaban, ibsuun kan hin danda’amne ibsuudhaaf yaaluun isaanii dha.Ijooleen namaa kana kan fakkaatee yaad-rimee guutummaa guutuutti hubachuuf ga’umsa hin qaban. Eeyyee, Waaqayyoo guutuummaatti oolaanaa fi waan hundaa kan beekuu dha. Eeyyee, ijoolleen namaa murtoo ta’uu qabuu akka godhaniif kan waamamanii dha, Kristoos irratti amantii qabaachuun fayyuuf. Isaan kallattiiwan lamaan kun nuuf faallaa nutti fakkaachuu danda’u, ta’us garuu yaada Waaqayyoon miira guutuu ta’ee kennu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kaalvinummaan yookaanis Harmeenummaan _ilaalcha isa kamituu sirriidhaa?
© Copyright Got Questions Ministries