settings icon
share icon
Gaaffii

Kadhannaan Gooftaa maalii dhaa, kadhachuun nurra jiraa?

Deebii


Kadhannaan Gooftaa, Gooftaan Yesuus duuka buutoota isa kadhannaa ittiin barsiisuuf, Maattehos 6:9-13 fi Luqaas 11:2-4. Maattewos 6:9-13 akkas jedha 'egaa isinis akkasitti kadhadhaa. Abbaa keenyaa Waaqa irra kan jiraattu, maqaan kee ha qulqullaa'u, mootummaan kee ha dhufu, fedhi kee Waaqa irratti akkuma ta'ee akkasumas lafa irratti ha ta'u, kan nu ga'uu buddena keenya har'a nuuf kenni, nus immoo kan nu miidhanif akka dhiifnutti cubbuu keenya nuuf dhiisi, hamaa irraas nuu eegii malee qormusatti nu hin galchin, mootummaan kan keeti hoo humnis ulfnis baraa amma bara baraatti, ameen.' Namoonni baay'een kadhannaa gooftaa akka malee hubatu, jechaa jechaatti irra deebi'uun kadhannaa nurra jiru godhani. Namoonni tokko tokkoo kadhannaa Gooftaa akka foormulaa xinqolaatti fudhatu, jechichi kan mataa isaanii kan ta'ee humna akka qaban yookaan Waaqayyo irratti dhiiphaa akka godhanitti. Kitaabni qulqulluun kan inni nu barsiisuu faallaa isaati. Waaqayyoo yeroo nu kadhannutti bifa wayyuun kan inni barbaaduu laphee keenya malee jecha keenya miti. 'Ati garuu yeroo kadhattu, gara godoo keetti galii cufaa kees cufadhuu bakka dhokataatti abbaa kee kadhadhu, dhoksaatti kan kadhattee abbaan kee mul'inatti siif deebisa. Ormootni baay'ina waan dubbannuu akka dhaga'aan itti fakkaata waan ta'eef yeroo kadhattan akka isaanitti akkasumaan hin dadhabinaa' (Maattehos 6:6-7).kadhannaa irrati laphee keenya Waaqayyoof dhangalaasuutu nurra jira (Filliphisuyus 4:6-7), jechoota yaadataman Waaqayyoof irra deebi'uu osoo hin taane.

Kadhannaan Gooftaa fudhatamuun kan irrra jiru akka fakkeenyaatti, xinhima, fi akkamitti akka kadhatuu dha. Innis kadhannaa keessatti 'wantoota hammataman' nuuf kenna. Innis akkamitti akka qoqodamuu kunoo. 'Abbaa keenyaa Waaqa irra kan jiraatuu' kadhannaa keenya eenyuuf akka dhi'eessinu nu barsiisa_abbaaf. 'Maqaan kee ha qulqullaa'uu' Waaqayyioon akka waaqefannu, fi isa waa'ee eenyummaa isaaf akka galateefannu nutti hima. Jajannaa'Mootummaan kee ha dhufu, fedhi kee waaqa irratti akka ta'ee akkasumas lafa irratti ha ta'u' kan jedhuu Waaqayyoo jireenya keenyaa fi kaayyoo biyya lafaaf qabuuf akka kadhannu kan nu yaadachiisuu dha, karoora mataa keenyaa osoo hin taane fedhi Waaqayyoo akka ta'uu ni kadhanna, yaada keenya osoo hin taane. Waaqayyoo waan nu barbaachisuu akka nu kadhannu ni jajjabaanna 'har'aaf kan nu ga'uu budeena nuuf kenni.' 'Irra daddarba keenya nuuf dhiisi nus kan nu miidhan akka dhiifnuufitti' kan nu yaadachiisu, cubbuu keenya Waaqayyon durratti akka himanuuf isa irraas akka gara galu dha, akkasumas kan biroof akka dhiifnu, Waaqayyoo akka nuuf dhiise. Dhumni kadhannaa Gooftaa, 'Qorumsatti nu hin galchin, hamaa irraa nu eegi malee' cubbuu irratti mo'icha argachuudhaaf gargaarsa kan ittiin gaaffatan kadhannaa gad of deebisuuti, akkasumas miidha seexanaa irraa kan ittiin eegaman.

Amas immoo, kadhata Gooftaa yaadannee gara Waaqayyootti deebisnee kan irra deebinu kadhata miti.inni fakkeenya akkamitti kadhachuu akka qabnutti. Kadhata Gooftaa yaadachuu irratti rakkoo qabnaa? Dhugumatti hin jiru!kadhata Gooftaa deebisnee gara Gooftaatti kadhachuun rakkoo qabaa? Hin qabu, lapheen kee isa irra yoo jiraate dhuguma akka jecha ati jettuu yoo ta'e. kadhata irratti, Waaqayyoo baay'ee kan barbaadu isaa wajjin wal-arguu keenyaa fi laphee keenya irraa dubbachuu keenya, kan itti fayadamnu jecha muraasa caalaa. Filliphisus 4:6-7 ni ibsa, 'waan hundumaatti kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barabaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa. Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caaluus, karaa Kristoos Yesus garaa keessanii fi yaada keessa ni eega.'

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kadhannaan Gooftaa maalii dhaa, kadhachuun nurra jiraa?
© Copyright Got Questions Ministries