settings icon
share icon
Gaaffii

Kadhati koo Waaqayyoon akka deebii argatuuf akkamittan kadhachuu danda'aa?

Deebii


Namoonni baay'een kan isaan amanan kadhata deebi'ee, Waaqayyoo gaaffii kadhataa kan fudhatee dha, isaaf kan dhi'aatee dha. Gaaffiin kadhataa fudhatama yoo dhabee, 'deebii kan hin arganne' kadhata ta'uun isaa ni beekama. Ta'us, kun dogogora hubannoo kadhataa irratti jiruu dha. Waaqayyoo gara isaatti kan dhi'aatee tokkoon tokkoon gaaffii ni deebisa. Yeroo tokko tokkoo Waaqayyoo 'hin jiruu' yookaan 'eegii' jechuudhaan deebisa. Waqayyoo kadhata keenya kan fudhatuu akka fedha isaatti yoo gaaffanne qofa. 'Isa duratti ija jabummaan nu qabnu kana, akka fedha isaatti waan tokko illee yoo kadhanne nu dhaga'a. waan kadhannus hundumaa akka nuuf dhaga'uu yoo beekne isa irraa kan kadhanne kadhata keenya akka fudhanne ni beekna' (1ffaa Yohaannis 5:14-15).

Akka fedha Waaqayyotti kadhachuu jechuun maal jechuu dhaa? Akka fedha Waaqayyootti kadhachuu jechuun waa'ee wantaWaaqayyoon ulfessuu fi ololqabuu yookaan kitaabni qulqulluun ifatti akkuma argisiisuu wantoota fedha Waaqayyootiif ta'an kadhachuu jechuu dha. Waaqayyoon waan hin ulfeesine yookaan Waaqayyo jireenya keenya irratti akka ta'uu fi waan hin barbaanne waa'ee waan tokkoo yoo kadhanne, Waaqayyoo waan kadhanne sana nu hin dhaga'uu. Fedhi Waaqayyoo maal akka ta'ee maaliin barraa? Waaqayyoo abdii nuu laateera yoo kadhannee ogummaa akka nuu laatu. Yaaqoob 1:5 ni labsa, 'isinitti garuu ogummaan yoo isinitti hir'atee, osoo hin ciga'iin hundumaaf kan kennee Waaqayyoon ha kadhatu, isaaf ni kenna.' Jalqabuuf naannoon fooya'aa ta'ee 1ffaa Tesolonqe 5:12-24 ti, innis waan baay'ee kan tarreessuu, nuuf fedhii Waaqayyoo kan ta'aan. Sagaleen Waaqayyoo haala fooya'aan yoo hubannee, waa'ee maalii akka kadhannuu bifa fooya'een ni beekna (Yohaannis 15:7). waa'ee maalii akka kadhannuu karaa fooyya'aan lakkoofsa hubaneen yeroo hundaa 'eeyyee' deebii jedhuu nuuf kenna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kadhati koo Waaqayyoon akka deebii argatuuf akkamittan kadhachuu danda'aa?
© Copyright Got Questions Ministries