Gaaffii
Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?
Deebii
Jalqaba, jechi Kiristaana jedhu hiikamuu qaba. “Kiristaana” jechuun nama kadhannaa kadhatu, ykn maatii kisisrtaanaa keessatti guddate jechuu miti. Isaan kun wantoota kiristaanoonni raawwatan yommuu ta’an kophaa isaanii kiristaana nama hintaasisanu. Kiristanna jechuun nama nama guutummaatti Yesus Kiristoosin akka fayyisaa tokkicha ta’uu isaatti amanameefi kanaafis hafuura qulqulluudhaan guutamedha. (Yohaannis 3:16; Hojii Ergamootaa 16:31; Efesoon 2:8–9).
Kanaaf, hiika kana yaada keessa galchuun, Kiristaanni tokko fayyina isaa dhabuu danda’aa gaaffiin jedhu gaaffii murteessaadha. Gaaffii kana hubachuuf waan kitaabni quluqulluun waa’ee fayyinaa jdhuuf wanta fayyina kana dhabuudhaan dhufu iaaluun barbaachisaadha.
Kiristaanni uumama haaraa dha. “Kanaafis namni kan Kirsitoos yoota’e, uumama haaraadha; inni moofaan darbee kunoo inni haaraan dhufeera!.”(2 Qorontos 5:17). Kiristaanni salphumatti nama ‘fooyya’e’ miti, garuu nama guutummaatti uummama haaraa ta’e malee. Inni ‘kiristoos’keessa kan jirudha. Kanaaf, Kiristaanni tokko fayyina isaa dhabuudhaaf, uumamni haaraan sun baduu qaba jechuudha.
Kiristaanni furameera ykn bilisa ba’eera. “Akka jireenya keessanii abbootii keessan irraa isinitti darbe, isa waa’ee hinbaafne sana jalaa wanta badu waan akka meetii yookaas warqeetiin akka hinfuramin isiniyyuu nibeektu” (1 Phexros 1:18–19). Jechi furame jedhu, bittaa raawwattamuu fi gatiin kafalamuu agarsiisa. Gatii du’a Kiristoosiin bitamne. Kiristaanni tokko fayyina isaa deebi’ee dhabuuf Waaqayyo faffina nama sanaa dhiiga Kirsitoosiin gatii jabaa kafalee bite sana deebisee haquu qaba. Kiristaanni qajeelaa dha. “Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taane, gooftaa keenya Yesus Kisistoosin waaqayyo biratti nagaa qabna”.(Roome 5:1). Qajeelummaan haqa labsuudha. Warri Yesusiin akka fayyisaaniitti fudhatan hundinuu Waaqayyoon “qajeeltoota’’ ta’anii murteeffamaniiru. Kiristaanooonni fayyina argatan deebisanii dhabuuf waaqayyo isa duraa qajeeltota jedhee labse sana deebisee haquu qaba ture jechuudha.
Kiristaana tokkoof jireenyi bara baraa abdachiifameera. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kunimoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haaqabaatuuf malee, haabaduuf miti” (Yoh 3:16). Jireenyi bara baraa abdii Waaqayyoo wajjin bara baraan samii irratti jirachuudha. Waaqayyo, “Amani jireenya bara baraa ni argatta” jedhee waadaa galeera.Kiristaanni fayyina dhabuudhaaf, jireenya bara baraa silaa irra deebiin ibsamuu qaba ture. Kiristaanni fayyina rgate tokko dhabuudhaaf ‘’jiereenya bara baraa’’ jechi jedhu irra deebiin ibsamuu qaba ture jechuudha. Kiristaanni jireenya bara baraa abdachiifameera. Jireenya bara baraa jechuun jireenya bara baraan jiraatamu jechuu mittire?
Kiristaanni tokko Waaqayyoon fi Hafuura qululluun kan mallatteeffame dha. “Isinis immoo ergaa dhugaa, wangeela fayyina keessanii karaa isaa dhageessan; isin warri dhageessanii itti amantan, hafuura qulqulluu isa abdachiifameen mallatteeffamtaniittu. Hafuurri qulqulluun immoo warri kan waaqayyoo ta’an galata ulfina isaaniitiif yeroo furmanitti wanta nu’i argachuuf jirruuf abdii keenya” (Efesoon 1:13–14). Kiristaanni haaraa tokko yeroo amanutti hafuura qulqulluun isa mootummaa waaqayyoo dhaaluuf wabiin ta’een nimallatteeffama. Kiristaanni tokko fayyina isaa dhabuuf, waaqayyo mallattoo sana haquu, hafuura qulqulluu irraa kaasu, waadaa Isaa cabsuu, wabii jeenyaa sana haquu, dhaala sana deeffachuu, akkasumas immoo, ulfina isaas xiqqeessi qaba.
Kiristaanni tokko ulfina argachuuf abdachiifameera. “Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga’eera” (Roomaa 8:30). Akka Roomaa 5:1 jedhutti, qajeelummaan keenya kan mirkanaa’u amantii keenyaanidha. yeroo amantiitti kan keenya. Akka Roomaa 8:30, jedhuttis ulfinni qajeelummaa wajjin dhufa. Warri Waaqayyo qajeeltota godhu hundinuu ulfina ni’argatu. Waadaan kunis kan raawwatami Abdiin kun kan raawwatamu yeroo Kiristiyaanonni du’aa ka’uu isaanii mootummaa waaqayoo fuulduratti argatanidha.Egaa Kiristaanni tokko fayyina isa argate nidhaba yoota’e,wanti Roomaa 8:30 barreeffame dogogora jechuudha. sababni isaas Waaqayyo warra dursee murteessee waamee fi qajeelchee hundaaf ulfina hinkennu ture.
Kiristaanni fayyina argate deebisee dhabuu hin danda'u. Fayyinni hindhabama utuu ta’eeti, wanti macaafni qulqulluun yeroo kiristoosiin fudhannu wantoonni niraawwata jedhee kaa’ee irra caalaa isaanii silaa sirrii hinta’an turani. Fayyinni kennaa Waaqayyooti. Kennaan Waaqayyoos “kan hin geeddaramne” dha. (Roomaa 11:29). Kiristaanni tokko lammata dhalate. Warri bilisa ba’an waaqayyoon bitamani. Jireenyi bara baraa kan yeroo gabaabaa miti. Waaqayyo dubbii isaa irraa ganuu hin danda’u. Kitaabni qulqulluun Waaqayyo sobuu akka hin dandeenye dubbata (Tiitoos 1:2).
Dhimma Kiristaanni tokko fayyinaa isaa dhabuu hin danda’u jedhu irratti yaada mormii waliigalaa lama tu ka’a. 1) Kiristaanoonni jeenya cubbuu fi cubbuu isaanii irraa gaabbuu dhabanihoo? Kiristaanonni amanuu didanii fi Kiristoosiin gananii hoo? Yaanni yaada mormii kana waliin walqabatee jiru yaaada namni “Kiristaana” jedhee of waamu hundi qabatamaan lammata dhalateera yaada jedhudha. Macaafni Qulqulluun garuu Kiristaanni dhugaan haala
Jireenya cubbuu itti fufiinsa qabuu fi gaabbii hin qabne keessa akka hinjiraanne labsa.(1 John 3:6). Dabalataanis macaafni qulqulluun akka jedhutti namni jireenya amantaa malee deemu kamiyyuu gonkumaa inni kiristaana dhugaa akka hin turre agarsiisaa jira (1Yohaannis 2:19).
Inni nama amantaa fakkachuu danda’a, garuu inni humna waaqayyoon lammata hindhalanne. “Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu” (Maatewos 7:16) jedha. Warri waaqayyoon furamtan garuu “isa warra du’an keessaa kaafamee in taatu; kanaaf hundumti keenya waaqayyoof ija hingodhanna” (Roomaa 7:4).
Ijoollee Waaqayyoo jaalala Abbaa isaanii jalaa wanti adda baasuu hinjiru.(Roomaa 8:38–39). kiristaana tokko harka Waaqayyoo keessaa homtuu baasuu hindanda’u. (Yohaannis 10:28–29). Waaqayyo jireenya bara baraa nuabdachiiseera. Innis waadaa faayinaa nuuf gale ni’eega. Tiksee Gaariin warra bade barbaada. Hoolaa ishee badde nibarbaada. Akkasumas “ yommuu aragatus gammadee gurmuu isaa irratti nibaate” (Luq 15:5–6). Gooftaan keenyas warreen badani naggan mana issaniitt deebbisuuf
itti gaafatamummaa guutuu fudhata.
Yihudaan 24–25 gaarummaa fi amanamummaa yayyisaa keenyaa caalaatti ibsa: “ Isin akka hingufamnetti Waaqayyo isn eeguu, muudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabsisuu nidanda’a. Waaqayyo fayyisaa keenya isa tokkichaafi karaa gooftaa keenya Yesuus Kisistoos ilfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis, lakkaa’amuu balaa fuula duraa jalqabee, ammas, bara baraanis haa ta’u, Ameen”.
English
Kiristaanni tokko fayyina isaa dhabuu nidanda’aa?