settings icon
share icon
Gaaffii

Maqaa Yesuusiin kadhachuun maal jechuu dhaa?

Deebii


Maqaa Yesuusiin waa’ee kadhachuu Yohaannis 14:13-14 irratti barsiifameera, “Abbaanis waa’ee ilmaaf akka kabajamu maqaa koon kan isin kadhatan hundumaa nan godha. Waan kam iyyuu maqaa koon yoo kadhattan ani nan godha.” Tokko tokkoo lakkoofsa kana akka malee itti fayyadamu, “maqaa Yesuusiin” dhuma kadhannaa isaani irratti jechuun, Waaqayyo gaaffii gaaffatamee hundumaa akka fudhatuu yaaduudhaan. Kun akkasumas “maqaa Yesuusiin” jecha jedhuu akka foormulaa xinqolaatti fudhachuu dha. kun raawwatee kan kitaaba qulqulluu miti.

Maqaa Yesuusiin kadhachuu jechuun, aboo isaan kadhachuu fi Waaqayyo abbaa kadhachuu dha, kadhannaa keenyaaf deebiin akka kennamu, sababni isaas ilma isaa maqaa Yesuusiin waan dhufneef. Maqaa Yesuusiin kadhachuu jechuun akka fedha Waaqayyootti kadhachuu jechuu dha, “isa birratti ija jabummaan nu qabnu isa kana, akka fedha isaatti waan kamiinu yoo kadhanne nu dhaga’a. waan kadhannu hundumaa akka nuuf dhaga’uu utuu beekne isa irraa kan kadhannee kadhannaa akka fudhanne ni beekna.” (1ffaa Yohaannis 5:14-15). Maqaa Yesuusiin kadhachuu jechuun, Yesuusiin waan ulfeesanii fi wantoota olol isa qaban kadhachuu jechuu dha.

Dhuma kadhannaa koo irratti “maqaa Yesuusiin” jechuun foormulaa xinqolaa miti.kan kadhannuu yookaan kadhannaan kan jennuu ulfinaa Waaqayyoof yoo hin taanee fi akka fedha isaa yoo hin taanee, “maqaa Yesuusiin” jechuun gatii hin qabu. Maqaa Yesuusi fi ulfina isaaf qajeelummaan kadhachuu irratti faayida qabeessa kan ta’uu, jechoota ta’aan dhuma kadhannaa irratti walitti qabsiisuu miti, ta’us garuu kadhannaa koo duuba kaayyoo jiru malee. Fedha Waaqayyoo wajjin waa’ee waan wali galanii kadhachuu, maqaa Yesuusin kadhachuu wanta isa guddaa dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Maqaa Yesuusiin kadhachuun maal jechuu dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries