settings icon
share icon
Gaaffii

Butamuun waldaa kiristaanaa maalii dhaa?

Deebii


“Butamuu” jechi jedhuu macaafa qulqulluu keessatti hin argamu. Ta’us yaad-rimeen butamuu qulqulluu sagalee isaa ifatti barsiseera. Butamuun waldaa kiristaanaa, Waaqayyoo amantoota hundumaa lafa irraa haala fudhatuu dha, murtii tolaa isaa lafa irratti dhangalaasuu isaa fuuldura karaa isaa kan wal qixeessu, yeroo rakkina isa guddaatti butamuun dursa kan ibsame 1ffaa Teso 4:13-18 fi 1Qoro 15:50-54 irratti dha. Waaqayyoo amantoota du’an hundumaa ni kaasa, qaama ulfinaa itti uwwisa, lafa irraas isaan fudhata, jireenyatti amantoota jiraatani wajjin isaan immoo yeroo sanatti qaamni ulfina qabeessii kan isaaniif kennamu. “Gooftaa mataan isaa ajajaan sagalee angafa ergamootaatiin malakatni Waaqayyoo waaqa irraa gadi bu’a, Kristoositti kan du’an dursani ka’u, isa booddee nuyii jiraatoo taanee kan hafne, Gooftaa qilleensa irratti simachuudhaaf isaani wajjin duumessa keessa butamna, akkuma kana yeroo hundumaa gooftaa wajjin nii taana” (1Teso 4:16-17).

Butamuun amaluma isaatu libsuu ijaatti ta’a yeroo sanattis qaama ulfina qabeessa fudhanna. “Egaa dhoksaa tokkoo isinittan hima hundumti keenya hin duunu malakani inni dhumaa yeroo afuufamuu hundumti keenya libsuu ijaatti ni jijjiramna, malakatni ni afuufama warri du’anis kan hin totore ta’ani ni ka’uu nuyiis ni jijjiiramna” (1Qoro 15:51-52). Butamuun hundumti keenya abdiidhaan eeguun kan nurra jiraatuu dhugaa ulfina qabeessa dhuma irraattis cubbuu irra walaba baana. Argamuu Waaqayyoo wajjin bara baraan nii taana. Wal falmii baay’ee wal hiikuu butamuu irraa fi haala bal’ina isaatiin geggeefameera. Kun yaada Waaqayyoo miti. Caalaadhumatti, butamuu kan ilaalatee, Waaqayyo “wali walii keenya sagalee kanaan akka wal jajjabeesinu barbaada”, (1Teso 4:18).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Butamuun waldaa kiristaanaa maalii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries