settings icon
share icon
Gaaffii

Sagalee Waaqayyoo akkamittin hubachuu dandeenya?

Deebii


Gaaffiin kun namoonni baay'ee baroota hundaa giddutti gaaffataniiru. Saamu'eel sagalee Waaqayyoo dhaga'eera, ta'us garuu Eliidhaan hanga itti hin himametti hubachuu hin dandeenye (1Saamu'eel 3:1-10). Gedi'oon argamuu qaama Waaqayyoo biraa qaba ture, innis kan samii shakkeera, malattoowwan yeroo tokko osoo hin taanee yeroo sadii amma gaaffatuutti (Abboota firdii 6:17-22, 36-40). Sagalee Waaqayyoo yeroo dhageenyu, inni nutti dubbachaa akka jiruu akkamitti beeknaa? Waan hundumaa dura, waan tokko qabna, Geedi'oonii fi Saamu'eel kan isaan hin qabne. Kitaaba qulqulluu guutuu ta'ee qabna, yaada afuuraan kan liqimfamee sagalee Waaqayyoo, dubbisuuf, qayyabachuuf, fi qorachuuf. 'Namni Waaqayyoo guutuu fi hojii gaarii hundumaaf kan qophaa'ee akka ta'utti, afuurri Waaqayyoo kan irra jiru kitaabni hunduu barumsaa fi hifanaaf laphee hinaafsisuuf qajeelumaatti kan jiru gorsi immoo ni fayyada.' (2Xiimoo 3:16-17). waa'ee dhimma mata duree tokkoo yookaan gaaffii murtoo jireenya keenya qabaachuu, kitabni qulqulluun waa'ee isaa maal akka jedhee ilaalutu nurra jira. Waaqayyoo raawwatee faallaa isaan nu hin geggeessu, sagalee isaan yoo nu barsiiseen ala (Tiito 1:2).

Sagalee Waaqayyoo dhaga'uuf kan Waaqayyoo ta'uutu nurra jira. Yesuus jedhee, 'Hoolonni koo sagalee koo ni dhaga'u, anis isaan beeka, isaanis na duuka bu'uu' (Yohaannis 10:27). Sagalee Waaqayyoo kan dhaga'aan kan isaa kan ta'anii dha ayyana isaan yoo fayyan, Yesuus Kristoositti amanuun. Isaan kana hooloni isaa, sagalee isaa kan dhaga'anii fi kan hubatan, akka tiksee isaanitti waan beekaniif. Sagalee Waaqayyoo hubachuudhaaf, kan isaa ta'uutu nuuf ta'a.

Sagalee isaa kan dhageenyuu yeroo qayyabannaa kitaaba qulqulluuf yeroo yeroo laanuu dha, akkasumas sagalee isaa wajjin walitti dhufeenya calisuun isaa eegamee. Waaqayyoo fi sagalee isaa wajjin walitti firooma dhi'oo ta'ee sa'a dheeraaf yoo qabaanee, sagalee isaa fi geggeesummaa isaa jireenya keenya keessatti hubachuuf salphaa nuuf ta'a. hojjetooni baankii qarsii sobaa akka adda baasaan ni leenjifamu, qarshii dhugaa baay'ee itti dhi'aatanii qorachuun, kan sobaa adda baasuuf mija'aa akka ta'uu. Sagalee Waaqayyootti dhi'eenya qabaachuutu nurra jira, tokko dogogora yeroo dubbatutti, Waaqayyoo biraa akka hin taanee ni beekna.

Waaqayyoo namootatti bifa dhaga'amuun har'a yeroo dubbatu, duraan kan inni dubbate karaa sagalee isaa raawwatameentin. Yeroo tokko tokkoo geggeesuun Waaqayyoo karaa afuura qulqulluutin dhufuu danda'a, karaa sammuu keenyaan, karaa wal qabatoodhaan, fi karaa walitti dhufeenya namootaan. Dhugaa qulqulluu sagalee isaa kan dhageenye wal madaalchisuun, sagalee Waaqayyoo adda baasuuf ni baranna.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Sagalee Waaqayyoo akkamittin hubachuu dandeenya?
© Copyright Got Questions Ministries